Categories: Yaada

Hadhaa Qabsoon qabdu dhamdhamuu dadhabuudhaan, qabsoo keessaa of moggeessuun amaluma qabsoo ti.

Qabsoo nama eddu taatee wajjin jalqabuu fi waadaa ykn hirbuu tokko wajjin yeroo seentu, hunduu wal bira dhaabata. Garuu qabsoo hirbuu seenteef xumuruuf hunduu akka gaafa wajjin hirbuu seeneetti xumurachuu hin danda’u. sababni isaa edduu dha. Kun ammoo amaluma qabsoo iti.

Qabsoo keessatti jaallan dura wajjin hirbuu seente sababa agara garaan karaarratti afu. Isaan keessaa amma tokko kaasuuf
1. hirbuu seenan sana galmaan gauuf jecha jaallan wajjin hirbuu seenan biraa haarsaan kufanii afu. Jaallan akkanaa kun hirbuu cabsuun ykn dantaa dhuunfaan otoo hin taane gatii qabsoon gaafatu baasanii, imaanaa dhaammatanii, warra darbanii dha. Jaallan akkanaa kun yeroo hunda seenaa keessatti yaadatamaa fi kabajamaa deemu. Galiin isaan lubbuu isaanii dhabaniif jaallan biraan galma gaha. Maqaan isaanii hunda caala bakka hundatti dhageettii qaba. Lammiin isaaniin boona.
2. jaallan wajjin hirbuu saanan kan karaa irratti wal irraa afaniif dandeettii fi humna itti dhabuun, qaaman keessaa bahu. Jaallan akkanaa kun qaaman dadhaban malee sammuun isaanii waadaa fi hirbuu seenaniif yeroo hunda akka dhaabatanitti jiraatu. Qabsoo qaaman itti hirmaachuu dadhaban, amilee fi gorsaan qabsoo jajjabeessu. Jaallan akkanaa kun akka ambaa qabsootti ilaalamu. Yeroo hunda kabajaa qabu. Qaaman humni isaanii dadhabus yaadaan qabsoo deeggaru. Kan wal lole haraarsu. Aadaa keessa darban dhaloota barsiisu. Dhimma qabsoo dubbachuuf amilee fi honnee qabu. Qaaman hirmaachuu dadhabinis, qalbii fi honneen isaanii hirbuu qabsoo bira jira. Jireenya isaanii waanta itti dhabniif dhaabni isaanii isaan marara. Qabsoof jecha jiruu fi jireenya waanta itti hin horanneef yeroo hunda qabeenyi isaanii qabsoo fi qabsa’ota. Qabeenye honnee isaanii, qabsoo irraa laaffisu hin jiru.
3. jaallan hirbuu fi waadaa wajjin seenanii galma gahuu dadhaban inni biraa ammoo, hirbuu seenan dagatanii jiruu fi jeenya dhuunfaa, qabeenyaa fi mooksaa maalaqaan atamuu dha. Jaallan akkanaa kun yeroo hunda ni dubbatu malee waanta dubbatan sana warra hojiitti hiikuuf amilee qabu miti. Yeroo hunda qabsa’aa of fakkeessu malee, hadhaa qabsoon qabdu hin beekan. Yeroo hunda duubaa dubbatu malee fuundura bahanii gaaffii qabsoon gaafattu deebisuu hin danda’an. Jaallan akkanaa kana bubbeen dhufu hundi isaan fudhatee deema. Qabsoo maqaa itti argachuuf malee qabsa’uuf namoota fedha qaban miti. Amma isaaniif danda’ametti qabsoo irraa fayidaa argachuuf dhama’u malee, qabsoo fayidaa kennuuf qophii miti.
Yeroo hunda isaanitti kan muldhatu aangoo dhuunfaa fi qabsoo irraa fayidaa argachuu dha. Namoota akkanaa namni maalaqa qabu ykn fayidaa addaa kennuuf waadaa seeneef isaan hawwata. Qabsa’ota gurgurachuuf duubattti hin deebui’an. Kaleessa waltajjii irra dhaabbatanii qabsoo fi ummata isaaniif waanta hunda kaffaluuf qophii ta’uu isaanii kan ibsan of irraa mulqanii bakka faayidaan dhuunfaan argamtetti godaanu. Namootin akkasii namummaa fi eenyummaa akkasuma qaanii fi safuu oromoon qabu isaan bira hin jiru. Ni kolfu, ni gammadu, ni odeessu, ni wacu, ni fiigu, ni nyaatu, ni dhugu…. Waanti hundi isaan biratti fayidaa guyyaa wajjin deemti. Kanaaf namooti akkanaa kun duri hirbuu kan seenan fayidaa qabsoo irraa argachuuf malee qabsoof bu’aa buusuuf hin turre. Gaafa gaaffii qabsoo hadhooftuu isaanitti dhuftu, qabsoo keessaa ni godaanu. Kana gochuuf kaleessa waanta jedhan hunda dagatanii saalfii fi safuu tokko malee waanta biraa dubbachuu irratti kan isaan dursu hin jiru. Kanaaf namoti akkasii kun warra qabsoo irraa fayidaa barbaadu malee qabsoof fayidaa kennu miti.
Yeroo hunda namootiin akkanaa kun olola dharaa oofuu fi facaasuu keessatti kan isaan qaqabu hin jiru. Isaan malee kan qabsoo keessa jiru bakka hin qabu. Waanta hunda gochaa kan turanii fi qajeelchuuf yaalii godhanii kan itti rakkatan ta’uu fi fallii fi malli hunduu harka isaanii akka jirutti namatti ololu. Garuu keessi isaanii duwwaa dha. Qabsoo keessatti maal gumaachitan jedhee namni isaan gaafatu, isaaniif diina. Nama isin malee qabsoon hin jirtu, kana booda qabsoon dhumateef nama jedhu wajjin hariiroo uummatu. Madaala hin qabne irra of kaa’u. seenaan isaanii garuu faallaa isaani ololaanii ti.
4. jaallan yeroo jalaqabaa qabsoo waadaa galan dandeettii dhabuu fi dhibee gara garaan qabsoo irraa of moggeessu. Isaan kun hirbuu cabsuun otoo hin taane, humna itti dhabuu irraa kan maddee dha. Isaan kana dhaabnis akka qaama isaatti fudhatee kabajaan gaggeessa.
5. hadhaa qabsoon baattu dhamdhamuu dadhabuun qabsoo jalqaban karaatti kutu. Isaan kun amilee fi abdii kutannaa irraa kan dhufe, warra karaatti afanii dha. Isaan kun qabsoo irraa fayidaa isaan barbaadanis hin jiru. Garuu ifachuu irraa kan ka’e qabsoo irraa of moggeessu. Eega qabsoo irraa bahanii booda dhimma keessa turan irratti yakkaa fi daba hin dalagan. Duras dadhabanii waanta qabsoo keessaa bahaniif dhimma dhuunfaa isaanii malee dharaa fi soba uumuudhaan olola rakasha hin oofan.
Kaanaf mooraa qabsoo oromoo keessatti namni dhuunfanis ta’ee gareedhaan yeroo dhaaba keessa ture irraa of moggeessu, sababa jiru sirnaan beekuun gaarii dha. Namni qabsoo keessatti qooda muldhataa fi qabsa’ota hunda biratti kabajaa fi jaalaa qabu qabsoo irratti lafaa ka’ee labsa baasuuf hin yaalu. Qabsoo sana keessatti qooda guddaa fi muldhataa waanta qabaachaa tureef, sirreessuuf dhama’a malee diiggaaf qabaa gadi nadhiisaa hin jedhu. Tarii haalli ta’uufii didee ykn yaadaa fi yaaddoo inni qabu, yeroof fudhatama dhabee yoo rakkate, qabsoo keessaa bahee yeroo fudhatee ilaala malee, duula diiggaa irratti hin banu. Seenaa qabsoo keessatti namootiin qabsoof gumaacha muldhataa baasan, of imuu fi olola rakashaan dhaaba yakkuuf yaalii hin godhan.
Jaallan qabsoo keessatti hadhaa qabsoon qabdu dhamdhamanii beekan yeroo hunda dhaaba isaaniif qusannoo qabu. Jiruuf jireenya waanta itti dhabaniif, haalli jiru isaan gammachiisuu baatus, battalumatti diina ta’anii irratti hin ololan. Yeroo, qabeenyaa fi dandeettii isaanii qabsoof xuruuran waan ta’eef qabsoon isaan marara.
Faallaa kanaa warri qabsoo irraa fayidaa argachuu malee, qabsoof fadaa kennuuf dhaaba keessatti amatamanii turan, dhaaba diiguuf xurunbaa qaban hunda itti afuufu. Isaan malee dhaabicha keessa akka qabsa’onni jiran, gurra qabatanii ija dunuunfatanii waakkatu. Madaallii qabsoo keessatti hin qabne ofiif kennu. Waan hin qabneen yeroo of waaman dhugaa itti fakkaata. Namni biraas kan isaan jedhan dhugaadhuma jedhee waan isaaniif ragaa bahu itti fakkaata. Kana irraa ka’anii waca torbaan tokkoof gabaa dhaabbatu. Qabsoon bifa kanaan deemu hin jiru. Dhuma irratti namuu waanta isaan beekuuf waca torbaan tokkoo booda daldaala biraa keessa seenu.
Kanaaf namuu qabsoo wajjin jalqaba malee wajjin fixuuf adeemsa qabsootu dhugaa bahaa deema. Hirbuu fi waanan qabsoo jaallan wajjin jalaqaban, amaluma qabsoo ta’ee, adeemsa keessa wajjin xumurachuun hin danda’amu. Kanaaf mooraa qabsoo keessatti yeroo namni lamas namni sadiis ol ka’ee ibsa baasu, qaaniin kanuma abbaa sanaati malee qabsoo keessatti jijjiramni isaan fidan hin jiru. “Dubbii Amma Takfkii Geessu Dhidhiibanii Amma Sangaan Gahuun” soba irratti soba dabalachuun ala gatii hin qabu.

Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago