Categories: Oduu Oromiyaa

Hangaasaa: Ka WBO dheessaa jiru mootummaadha malee shaneemiti

Ajjeechaawwan jumlaa tibbana godinaalee Wallaggaatti dhalattoota saba Amaaraa irratti kan raawwate humnoota mootummaa ta’uu miseensi paarlaamaa Hangaasaa Ibraahim himan.

Ajjeechaaawwan tibbana godinaalee Wallaggaa keessatti raawwataman Humnoota Waraana Bilisummaa Oromootiin osoo hin taane humna mootummaan bobbaaseen raawwatamuu miseensi paarlaamaa Hangaasaa Ibraahim dubbatan.

Obboo Hangaasaa Ibraahim mootummaadhumatu WBO fakkeessee hidhattoota isaa bobbaasee uummata fixee jedhe.

Waraanni Bilisummaa Oromoo baqataa jira kan jedhamus dhara ta’uu ibsanii, inumaa humnoonni mootummaa WBO baqataa akka jiran dubbataniiru.

Miseensi Paarlaamaa Hangaasaa Ibraahim ergaa karaa facebook isaanii kallattiin galanii dabarsaniin ajjeechaa fi dararaan Oromiyaa keessaa maddi isaa caasaa mootummaati jedhan.  

Haleellaan tibbana Oromiyaa Lixaatti namoota nagaa dhalattoota Amaaraa irratti raawwatame jedhamus Waraana Bilisummaa Oromootiin osoo hin taane humna WBO fakkaatu kan mootummaan naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu hidhachiisee bobbaaseen raawwatame jedhe.

Haleellaa tibbana godina Qeellem  Wallaggaa keessatti namoota nagaa fixe jedhame ilaalchisee   Ministirri muummee Abiy Ahmad  Waraana Bilisummaa Oromoo lola  humnoota mootummaa  dheessutu haaloo uummata nagaa irratti bahe jedhanii turan. 

Obbo Hangaasaan garuu dubbiin akkasii soba adii dha jedhan. 

Humni Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo Dirribaan Hogganamu lammiilee nagaa hin fixne. Waraana Mootummaa jalaayis  dheessaa jiru. Kan Waraana Marroon hogganu dheessaa jiru Waraana mootummaati jedhan. Dubbiin Ministira Muummee jedhan  gabaasa sobaa irraa madda jedhan obbo Hangaasaan. 

Miseensi Paarlaamaa obbo Hangaasaan qondaalota olaanoo Oromiyaa gaaga’ama Oromiyaa keessaaf sababa ta’anii fi hogganaa jiran maqaa waliinis  kaasan. Preezdaantii naannichaa Shimallis Abdiisaa, Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa fi Ittigaafatamaa waajjira Paartii Bilxiginnaa Oromiyaa Fiqaaduu Tasammaa.

Gareen Dhiiga qulqullootaa dhangalaasaa, kumaatama manneen hidhaa keessatti gidirsaa jiru warra kanaan hogganamaa jedhan.  Gareen networkiin wal ijaare  kun lubbuu namaaf gatii kennaa hin jiru kanaaf Oromiyaan guyyaa guyyaan dhiigaa jirti jedhan namni kun.   Saamichii fi malaammaltummaan rakkoo ijoo gareen kun ittiin beekamu jedhan.

Mootummaan naannichaa Oromiyaa keessatti fudhatama uummataa dhabuu kan kaasan miseensi Paarlaamaa Bilxiginnaa  kun, qondaalonni olaanoon Oromiyaa kunneen Miliyoonaan malee abbaa dhimmaa dubbisaa hin jiran jedha.

Weerarri lafa Oromiyaa gama Bahaa aanaalee akka Cinaaksanii fi Baabbilees xiyyeeffannaa dhabuu eeeru. 

Warri kun hanga hin gaafataminitti Oromiyaa keessatti dhumaatiin lammiilee nagaa akka hin dhaabbanne jala muranii ibsaniiru.

Yaada miseensa Paarlaamaa kana kan deeggaru  Miseensi Caffee Oromiyaa fi Deetaan Ministira nagaa  obbo Taayyee Danda’aa guyyaa lama dura karaa facebook isaanii maxxansanii turan.

Lammiileen nagaa kan dhumaa jiran warra bolola aangoof jedhanii diraamaa hojjetaniini. Gaafatamummaan mirkanaawuu qaba. Kana ta’uu baannan dhumaatii to’annoo mootummaatii ol ta’u arguu dandeenya jedhanii turan.

Obbo Hangaasaan armaan duras ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu WBOtti mootummaan quba qabaa ture, mootummaanumti Abbootii Gadaa kana akka fixe saaxile.

Ergasii mootummaanis ni amane. 

Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaas Abbootiin Gadaa Karrayyuu Poolisii Oromiyaatiin dhumuu mirkaneessuun isaa ni yaadatama.

Namoonni dubbii obbo Hangaasaa kaleessaa kana hordofee marsaalee hawaasaa irratti yaada kennan gama isaaniitiin ajjeechaan jumlaa mootummaan naannoo Oromiyaa raawwataa jiru beekkamtii Ministira muummichaan ala kan raawwatame mitii jedhu.

Olaantumman minisitira muummichaatu qindeessa, obboo Shimallis faati ni raawwachiisu jedhu.

Ajjeechaan tibba kana dhalattoota saba Amaaraa irratti godinaalee Wallaggaatti raawwatame ta’e jedhee mootummaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf kan raawwate ta’uu himan.

Ija addunyaa fuulduratti maqaa WBO balleessuun dhiibbaa WBO dabalatee mariin hunda hirmaachise akka taasifamu hawaasni addunyaa taasisaa jiru gara maqsuuf kan raawwatamee dha jedhaniiti jiru.

Mootummaan tibbana TPLF waliin malee WBO waliin hin maryadhu jechuun isaa ni yaadatama.

Maddi OMN

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago