Categories: Oduu Oromiyaa

Harka daaraa haree taate Galte Lenco fi Diimaan Adurree Hanqattee .

Saphlina saphlinaa olii xiqqenya xiqqenya gadii , Jirenya ka jiru gadii jirenya ka du’ee olii , Harka daaraa haree taate Galte Lenco fi Diimaan Adurree Hanqattee .

Waan nama ajaa’ibu keysaa ergamaan Obbo Lenco Lataa Obbo Diimaa Nago akka waan Haylamaaram waa isaanii godhuu dandeyutti Harka Oli fi gadi raasaa Magaalaa Cairo dhufee Haylamaaramii Konfaranssi Dinggeyif biyyana dhufe ture hamma inni walgayii konfaranssii raawwatu guyyaa lama gutuu jechuun bitoteysa 13/14/2015 egee Anaa fi Oobo Lencon biyyatti galuuf demana ja’ee hayyama irraa argatee ture .

Waan nama raaju keysaa ajajni Mummichi Ministeraa wayyaanota biratti hojjachuu dhabaatu heddu nama raaja malee Obbo Lenco fi Diimaan Sa’aati 24 keysatti biyyattirraa arhuun wayyaane waanuma Aadeyfatan waan taheef waan nama ajaa’ibaa tokkollee hin qabu.

Akka xiinxalaa tokkotti kan arihame Obbo Lenco fi jiila isaa duwwaa osoo hin tahin ija siyaasaatiin yo laalle Obbo Haylamaaramis walumaan arihame ja’ama.

Maalif yo janne Mummichi Ministera biyya takko waan ballama namaaf seene gutuu dadhabuun namonni isaan alaa Aango biyyatti harkaa qabaachuu namatti agarsiisa waan taheef. !!!

Siyaasa keysatti doggorri xiqqaan tokko nama galaafata waan taheef Obbo Lencon waytuma biyyatti galuuf wixxifatu sanu oso Obbo Haylamaaramiin marihachuu baatee Hogganota Tgrotaatiin marihatee arraa qaaniin akkanaa isa hin mudattu turte.

Jiila Mummicha Ministera Ethiopia waliin konfaranssi biyyi Masrii Qopheyse irraa qoda fudhatuuf waliin dhufan keysaa tokko Gorsaa Mummicha Ministera Ethiopia Abbay Sahayyedha.

Lenco fi Diimaan rakko Abbay Sahayyeen Ummata Oromo waliin qabuuf jecha isa qunnamanii dhiifama biyyatti galuu gaafatuu dhiisan , waan taheef Haylamaaram duwwaarraa fixannaan gara biyyaa orihaa kutan.

Garuu Abbaay Sahayyeen humna isaa isaanitti agarsiisuf laffa,anii gara biyyaa akka dhufan itti dhiise kana boddes Sa’aa 24 keysatti biyyarraa akka bahan isaan dirqe.

Hujii Hantutaa fi Adurreeti walirraatti hojjatan . Gara Obbo Lencotiin yon arraa isaa waliin walii gale bor guyyaa waldhabne akka OPDO saaxiletti naa saaxilaa ja’etii Haylamaaram waliin walii gale.

Gara Abbay Sahayyetiin Namni Arraa Aangoo tiyyaan na kabaju dhabe gaafa Ummata Isaa keysatti galee humnome eysa akka dhaquu deemu waan hin galiniif jechaa oso hiraata inni na hin godhannen laqanaa godhaa murteyfate , Jiruun Lenco Qaaneysuf murteyfate Abbay Sahayyeen.

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

3 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

3 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

1 month ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

2 months ago