Categories: Oduu Oromiyaa

Hidhamtootaa fi Dirqama

Hawaasummaa Ummata ahbaash diddaaf hiriira
bahu caalaa wanni Mootummaa
Itoopiyaa sodaachisu ummata
hidhamtoota isaaniitiif jecha hiriira
bahu. Ajjeechaan Aanaa Kofalee fi
akkasumattiis kan bara dabre magaalaa Asaasaa, Lixa Arsii fi
Garba,Wallootti raawwatame sababa
diddaa amantii Ahbaashiif osoo hin
taane, waan hawaasni hidhamtoota
isaaniitiif hiriira bahanii sagalee
isaani dhageeysisaniif jecha sababni tarkaanfiin san fudhatameef.
Mootummaan Itoopiyaa wanni
jiraattuun tokkoffaan sodaa
ummataa ti. Ummata
sodaachisuudhaaf manni hidhaa
qooda ol aanaa qaba. Kanaafuu, hawaasni guutuun hidhamtootaaf
hiriira bahuun sirna amma aangoorra
jiruuf du’a jechuu dha. Yoo ummata
kana hidhanii sodaachisuu hin
dandeenye sanii achi wanni godhuu
dandayan hin jiru. Sababa kanaafi ummata nagayaa hatattamaan
rasaasa itti bananii fixuu
murteeysan. Bara dabre magaalaa Asaasaatti
salaata jummaa booda yeroo
waraanni mootummaa nama Sheikh
Su’ud Aman ja’amu masjiida alatti
qabanii tumuu eegalan, hawaasni itti
dirmatanii jaarsaaf mormuu eegalan. Dubbiin achirraa jalqabamee, yeroo
ummanni waajjira Sheektichi itti
hidhame duratti hiriira bahan,
poolisni ummatarratti dhukaasa
banuu ajajni kennameef. Karoorri
isaanii hawaasummaa mullate san balleeysuu dha. ‘Hawaasa’ jechuun
ummata waliif dirmatu, ummata
waliif tumsu, ummata rakkoo fi
balloo keeysatti wal cinaa
dhaabbatee wal jabeeysu jechuu
dha. Yoo san hin tahin hawaasummaan hin jiru. Ollaan
keenya, imaamni keenya,
barsiisoonni keenya, barattoonni
keenya yoo seeraan malee
hidhamanii miidhaman, oduu isaanii
jala deemuu fi mirga isaaniitiif falmachuun amaanaa yookin
dirqama warra isaanii qofaa miti.
Dirqama hawaasaa ti. Yoo kana
tahuu baate, mirgi hawaasa itti
gaafatama isaanii dagate abadan hin
kabajamu. Fakkeenyaaf sirna kana jalatti namoonni seeraan malee
mana hidhaa keeysatti miidhaman
lakkaawamee hin dhumu. Namoonni
seeraan malee ajjeefaman
kumootaan lakkaawaman. Guyyaa
dheengadda reefka Injinar Tesfahun Camadaa tu mana hidhaa
Qaallittiirraa itti ida’ame. Ammaas
haaluma kanaan itti fufuuf deema
yoo hawaasni wal gurmeeysanii itti
gaafatama isaanii hin fudhanne.
Kanaafuu wanni ummanni Kofalee, Asaasaa, fi Garba hojjatan fakkeenya
jabaa dha. Wanni namoonni akka
Injinar Tesfahun hidhamtoota
Oromoodhaaf hojjatan fakkeenya
jabaa dha. Hidhamtoota keenya
cinaa dhaabbachuun itti gaafatama dhaaba siyaasaatii miti. Dirqama
hawaasaati. Just

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago