Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Ambo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.
Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan – jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif, qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.
Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti, Abbaan Deemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.
Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.
Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…