Categories: Oduu Oromiyaa

Hiriirawwan Har’aa Oromiyaa Keessaa fi Tarkaanfii Humnoonni Mootummaa Fudhatan, Jedhame

Oromiyaa keessatti bakkawwan har’a hiriirri itti geggeessame keessaa tokko – Harargee Lixaa, aanaa Doobbaa, magaalaa Biyyoo-Karaabaa ti.

Hiriirichi, waaree sa’aa ja’a irraa jalqabee haga waaree booda sa’aa sagalii fi walakkaatti geggeessamuu isaa ka nuuf ibse – hirmaataan hiriirichaa fi jiraataan magaalaa Doobbaa –  qonnaan-bultoota kumaan lakkaawaman tu hiriirichatti jedha.

Hiriicha bittimsuudhaaf, jalqaba poolisoonni araddaa namoota reebuu fi rasaasa dhukaasuu isaanii, booda immoo humna dabalataa – poolisoota Oromiyaa fi ka Federaalaa waammachuu isaanii dubbata – jiraataan magaalaa Biyyoo Karabaa kun.

Himannaa jiraattota aanaa Doobbaa, magaalaa Biyyoo-Karabaa kanaaf deebii argachuuf – aangawoota Godinaa Harargee Lixaa fi kan aanaa Doobbaatti deddeebisnee deebii argachuu hin dandeenye.

Gama biraatiin godina Gujii aanaa Gooroo-Doolaa magaalaa Har-Qalloo keessatti baratonni har’a hiriira mormii dhageesisanii jiru.Gaaffiin barattoota kanaas hojii warqee qotanii baasuu kan Sheek Alaamuddiin gaggeessan haa dhaabatuu, kanneen hidhaman haa hikaman, gaaffiin keenya deebii haa argatu, kanneen jedhanii fi kanneen biroo ta’uu barattonni ibsanii jiru.

Maanguddoota barattoota waliin hiriiruun gaaffii isaanii aangawootaaf ibsuuf turan aangawoonni “wal geenya” jechuun erga barattoota irraa adda baasanii booda humna Federaalaa nutti waamuun  nu reebsiisan jedhu barattonni. Mgaalaa Har-Qalloo eegumsaa fi muddamsa jabaa jala kan jiru ta’uunis ibsamee jira.

Hiriira kana ilaalchisee, aangawoota Mootummaa Godinaa Gujii dubbisuuf  carraaqqii goone iyyuu, haga ammaa hin arganne.

Gama biraatiin, jiraattonni Godinaa Shawaa Lixaa, magaalaa Jalduu akka jedhanitti – “Haga barattoonni fi Oromoonni kaan hidhaman hiikamanitti, haga kanneen ajjeesamaniif gumaan ba’utti hin barannu” jechuudhaan kanneen kamisa dabre kana hiriira mormii bahanii turan – barattoonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa magaalattii keessaa, Har’a illee “gaaffiileen keenya deebii hin arganne” jechuudhaan, manneen barnootaa isaanii gad-lakkisanii bahan.

Barattooti tun Gurrandhalaa,7,2016 walgahanii mana barnoota isaaniitti himan. Manii barumsaa deebii kenna jedhullee deebii quubsaa hin kennine jedhan jiraattotii tun.

Rakkoon jedhaman deebii argachuu dhabnaan hardha mana barumsaa dhiisanii bahan.Tana irratti gama bulchiinsa naannoo deebii argachuu hin dandeennee.

Gama bulchoota aanaa Jalduu keessaa bulchiinsa mana barumsaa fi bulchiinsa poolisii aanaa irraa deebuu argachuuf yaallee hin taane.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago