Categories: Oduu Oromiyaa

Hiriirri mormii boruuf yaamamuu irratti atakaaroo wahiitu muldhata. Kanaaf qabxiilee muraasa kaayuun barbaachisaadha.

Jawaar Mohamediin

1) Magaalota muraasa keessatti, fakkeenyaaf Naqamtee, hiriirri mormii yaamamuu quban qaba. Sadarkaa Oromiyaa guututti waamamuu isaa hin agarre. Godinoota Gujii lamaan dabalatee yunivarsitiilee garagaraa keessatti guyyoota muraasa dabran mormiin godhameera. Kan Naqamtees yoo ta’es itti fufa isaa malee waan haaraan uumamee atakaaroo uumu hin jiru.

2) Ummanni yeroo kamittuu sababa fedheefuu hiriira nagayaa taasisuun mirgadha. Kan nuti jeechuu dandeenya akeeka hiriirichi itti waamame madaaluun xiinxala tarsiimootifi tooftaa gochuun yaada gorsaa dhiheessuudha. Ummanni yoo nu dhagaye ni fudhata ykn itti fufa.

3) Yeroo ammaatti dhimma MIDROC walqabatee mormiin hin barbaachisu kan jedhu sirrii miti. Gaafiin deebii hin arganne, argachuufis akka deemtu wanti ifatti muldhisu hin jiru. MNO dura dubbii sobaati jedhe. Itti aansee quba hin qabu jedhee waakkachuun dhugaadha. Faallaa sanii dubbi himaan ministeera albuudaa guyyaa har’aa ibsa kenneen, hayyamichi akka hin haqamneefi rakkoon jiru ummata hubannaa qabsiisuu dhabuudha qofa jedhe. Inumaatuu sadarkaa ministeeraa, yunivarsitii Finfinneefi Awuroppaatti qorachiifnee keemikaalli MIDROC miidhaa akka hin geessisin mirkaneessine jedhe. Qorannoo ( environmental impact assessmen) godhame jedhame hamma ammaa ifa hin baafne. Hubadhaa akka bara dabree MNO gaariidha federaalatu jallate malee jechuun alagaatti quba barana laga hin ceesisu. MNOfi federaallis harka paartii tokkichaa jiru. Gochi gaafa Oromoon taaytaatti hin bahin yakka jennee balaaleffannee morminee dhiigni itti jiqe, oromoon taaytaatti baheef sirrii hin ta’u. Rooroon roorrdhuma, firaanis taatee diinan raaw’atamtus.

4) OPDOn gama tokkoon LYM kaasuu didaa gama kaaniin LYM keessatti hiriira bahuun nama ficcisiisaa jechuun qoosaa itti gaafatamummaa hin qabneedha. Akkuma amma dura jenne LYM kaasuuf aangoo guutuu kan qabu OPDOdha. Kan kaasuu hin barbaannes isaani. kana kan gootuuf ammoo qabsoo quucarsuufi sirna abbaa irree Qeerroon gandaafi aanaatti jalaa diige san deebiftee jaaruuf malee sababa biraa homaa hin qabdu. Maqaa LYM ummata nagayaa irratti tarkaanfiin humnaa fudhatamnaan kan itti gaafatamu isaani malee ummata mirga isaa karaa nagayaan gaafatee miti. LYM kun kan OPDOn korojoo hattee dabarsite malee kan seeraa akka hin taane namuu beeka. Labsii seeraan alaa kanatti dahattee lubbuu nama tokko balleessinaan OPDOn darsa ishii Oromiyaa keessaa guurrattee Maqaletti galuuf qophaayuu qabdi.

5) Dhimmi Midroc kun saffisaan furmaata argatee hayyamni kun haqamee miidhamtoonni beenyaa argachuu baannaan dhimma Maastar Pilaanii biraati ta’a. Qabeenyi kun kan Oromiyaa hundaati. Ilmaan gochi suukanneessaan sun irratti raaw’atamu kan Oromoo hundaati. Kanaafuu godinni Gujii kophatti yoo falmu laaluun sirrii miti. Akkuma Maastar Pilaanii waloon qabsaayee haqsiise, daangaa waloon falmatee kabachiise, hayyama MIDROC kanas tokkummaan itti qabsaa’ee haqsiisuu qaba. Yakkamtootas seeratti dhiheessa. Ijaa kana ta’eef MNO’s ta’ee kan federaalaa yeroo gabaabaa keessatti hayyama kana haquu baannaan waamichi qabsoo Oromiyaa guutuuf ni godhama. Ummata keenya Gujiitinis sabni keessan cufti ijaa gurra isaa dhimma kanaaf kennee hordofaa akka jiruufi, yoo mootummaan saffisaan tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhanne taate isin waliin falmatee aantummaa isaa qabatamaan akka agarsiisu shakkii takka hin qabaatinaan jedha.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago