Categories: Oduu Oromiyaa

Hoogganaa ta’uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti

 —

Dargaggoo Dararaa Molee konferensii YALI/Young African Leadership Intiative jedhamuu fi kan waggoota afur dura prezidaant Baaraak Obaamaa dhaan labsame irratti argamuuf as Gara Yunited Isteetes dhufe.

Biyya keessatti waggoota shanii fi misooma hawaasummaatti hirmaachuun kan hojjete si’a ta’u yeroo ammaa dhaaba harmee Education for Development Associatin, jedhamuu fi godina Arsii keessatti argamu keessaa qindessaa sagantaa ta’uun hojjeta.

Dhaabi kun dubartoota, ijoollee, dargaggootaa fi namoota qaamni isaanii hir’uu kanneen gandeen baadiyyaa keessa jiran gargaaruu irratti hojjeta.

Dargaggoo Dararaan garee “Youth for Action and Charity” jedhuuf dura taa’aa akkasumas waajjira mootummaa kan hojii fi dhimmootii hawaasummaa keessas hojjetee jira.

As gara Ameerikaa kan dhufe dargaggoota Itiyoopiyaa kuma lama gumii “YALI” irratti hirmaachuuf galmeeffaman gidduu dhaa kudha lama kan filataman yoo ta’u Dararaan tokko. Waa’een hooggantummaa ykn Leadership cimsee kan yaadachiisu daraggoon kun hoogganaa jechuun taayitaa irratti ol ba’anii taa’uu utuu hin taane uummata ofii ofitti qabanii rakkoo isaa hubachuun waliin hojjechuu dhaa jedha.

Gaaffii fi deebii guutu dhaggeeffadhaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago