Saphaloo Kadiir irraa
Waa malee miti, ‘waatoo jala waatu jira’ yoo jedhu oromoon koo. Eeyyee! Ilmaan saba kootii, yeroon ammaa tan if dagannuufi tan cal’ifnuu miti. Wayyaanen yeroo duraa caalaa amma haareyatti if ijaaruun sagalee haqaa, warraaqsa dhugaa kan ilmaan oromoo adeemsisaa jiran kana bututtuu cubbuutiin haguugee bira dabruuf yaalaa jira. “Hudduu abbaan dagate mixiin lama seenti” jedha oromoon. Gaafa nuti marti lafarraa duguugamne yoo tahe malee osuma nuti lubbuun jirruu garuu sagalee qulqulluu haqa isii falmachuuf warraaqxuufi dhawwaaqxu ukkaamsuun akka hin danda’amne beekuu dhabuun isaanii nama ajaa’ibsisuu qofa osoo hin taane sa’aa marga malee qilee hin argine tahuu waayyaanee qabatamaan nuuf mirkaneessa. Warraaqsi ilmaan oromoo qaqqacaleen boruuf abdataman kumni baayyeen irratti madaa’e, lafeen goota kuma meeqaa itti caccaphxe, dhiigni qeerroo kuma kurnoota lolaa ta’ee laga itti yaa’e, gootoonni oromoo kumni shantamoota ol mana hidhaatti darbamee kaaniis achi buutee itti ta’e, fincilli lubbuun qulqulluun dhibba sadii ol badii malee irratti wareegame salphumatti ni dhaabbata jedhanii yaaduun bursusaa’uu dha. Fincilli qabsoo hadhooytuu makatee ji’oota afurii ol osoo walirraa hin citin adeemsifamaa ture injifannoo dacha dachaan galmeessisee jira. Warraaqsi hadhaawaan kun ammallee daran if cimsee, if ijaaree bifa gurmaaween hanga xumuraatti cichaan kan itti fufuu akka tahe qeerroon oromoo liikkee isaanii takkittii harmee isaaniitiif laatanii galma gahiinsa mirkaneessuuf wa’ada galaa akka jiran warri quba hin qabne quba qabaadhaa jechuun dhaadachaa jiran.
Waraabeessi dhalee beelawe, wayyaaneen immoo tooftaafi shira garagaraa xaxxee, gufuu cubbuu daandii irra labbaa galchitee warraaqsa kana dhaamsuufi qaxara cabsuuf bursusa hiikkaa hin qabneen xaxamtee, hawwii bu’ura hin qabneen guutamtee farsoo abjuutiin machaa’aa jirti. Garuu ani kaniin jedhu wayyaaneen tun hoggaa abbaan biyyaa amma booda ija teessan arguu hin feenu, gonkuma isin hin barbaannuu nurraa galaa jedhuun maaliif nurratti cichaa jiran isinitti fakkaata? ‘Waan namaa ulee malee hin quufan’ yoo jedhan dhageessan natti fakkaata. Oromiyaatu jannata ardiiti kaa akkamitti garaan isaan dhiisee deemaree? Jannata seenee salphumatti eenyulleen waan bahu natti hin fakkaatu. Eeyyee! Oromiyaa dhufanii beela qoonqoo bahanii, abaar irraa ambareerratanii, dheebuu bishaaniitiif aananiifi dhadhaa dhuganii dharraas bahanii akkamitti salphumatti gad dhiisaan? Yoo lubbuu isaanii itti guraarree, washeen shaf shaf godhaa if keessaa ariinee baafne malee wayyaaneen gonkuma oromiyaa keessaa bahuun isaanii waan hin eegamnee dha. ‘Waraabeessi bakka guyyaa tokko itti quufetti sagal itti agaba’ akkuma jedhamu san wayyaaneeniis nyaata takkaa arguu mitii dhagayanii hin beekne bakka itti arkanitti tolaan sossoo’uun isaanii hin jiru. Kanaafuu nuti ilmaan oromoo sabaafi biyya harmee isaaniitiif if kenninee, wal qabannee akka kanaan dura itti deemaa turre daran hanga oromiyaa keessaa gufuu badduu wayyaanee buqqifnuu hidhaafi ajjeechaa isaanii sodaannee abdii murree kan if duuba deebinuu miti.
Wayyaaneen warraaqsa kana karatti hambisuuf wanti isaan hin goone tokko hin jiru. Nutiis isaanuma daran qabsoo teenya finiinsinee kaayyoo keenya ganamaa galmaan ga’achuuf wareegamni nuti hin kafalle akka hin jirre, murannoofi kutannoo cululuuqxuu dhiqattee quyyifatteen murteessuu keenya ifoomsinaaf. Garuu wayyaaneen hojiin itti agarsiifnu malee dubbii teenya hin dhageessu waan taheef baayyeen keenya nu keessaa hidhamaniis nuti qeerroon ija ibiddaa irree teenya tan duraanii caalaa jabeeffachuun mootummaa reeqqisaa gar malee raafnee turre bakkaa fonqolchinee itti agarsiisuu qabna. Kaayyoon wayyaanee takkaafi takka qofa. Oromoo lafarraa duguugdee ofiif gaafii takka malee oromiyaa dhoorkaa malee if harka galchuu dha. Oromiyaa keessaa bahuu irra ilmaan oromoo murruq gootee ifiif biyya teenya dhaaltee irratti hafuu waan filannoo jalqabaa godhatte fakkaatti jaldeeyyiin beelooytuun. Karoorri wayyaaneen yeroo dheeraa irraa wixineeffatanii qaban oromoo fuula ardii oromiyaa irraa xuruursuu waan ta’eef nuti callifnuus dubbannuus, warraaqnuus carraaqnuus tooftaa adda addaatiin suuta suuta nu gatuun isaanii hafan qabu. Keessaafuu amma eega takka tuttuqne booda riphisuun keenya karoora duguuggaa sanyii jalqabuma irraa nuuf qaban san saffisuufii malee nu eewaluuf gatii hanga firii xaafii takka hin qabu. Warraaqsa finiinsaa turre kana karatti murre taanaan, tasa qabbaneessinaan sababa kana godhatee tokko tokkoon funaanee kan garaa isaa raawwata. Tooftaa isaa mala garagaraatti fakkeessee akka waan nuuf quuqamuu fakkeessee, funyoo shiraa nutti maree, hillima dhooysaa hidhee nu qaqqabuun kaan lubbuu ajjeessee, kaan immoo sammuu masheensee namummaarraa baasuun injifannoo dachaa nurratti gonfachuuf akka jaldeessaatti buukkumsaa nu keessa fiigaa jira. Tooftaan amma inni fayyadamaa jiru kun jalqaba irratti warraaqsa ilmaan oromoo hijaan bara dheeraa dhalche kan lubbuun ilmaan oromoo dilli irratti hobbaate, dhiigni qulqulluun oromoota baayyee akka galaanaa dhangala’ee dirreerra lola’e, lafeen kumni baayyeen itti caphxee, foon meeqaantam irratti qaanxeeffame kana dhaamsuuf yoo tahu, san booda tokko tokkoon ija ija keessaa guuree jireenya ardii kanaa irraa hanga xumuraatti duugda galchuu dha. Ajjeessee reeffa isaanii tokkoo lamaan saree isaanii sooruu, hambaa irraa hafe waraaboof dhihansuu dha.
Tooftaan tokko maqaa haaroomsa jedhuun ilmaan oromoo warraaqsa keenya irratti adda duree turan guuree if harkatti galchee akka fedhii isaa irratti raawwachuudha. Dhiheenya kanaas hanga warraaqsi keenya qaqabbanaa’e kanatti qeerroollee kuma baayyee mana manaa walitti funaanee kallattiin mooraalee waraanaa waggoota 20’mota dabran dhiiga ilmaan oromoo kuma danuu cunfachaa turtetti guuraa jiraachuun ragaa dha. Bara 1992 irraa jalqabee mooraalee waraanaa kan akka Huursoo, Xawallaay, Dhidheessaa, Ziwaay, Birshalaqoo fi kkf keessatti ilmaan oromoo miseensa, waraana, dabballee, maandhee ABO’ti sababa jedhuun kaan hidhaan adabsaa, kaan immoo maqaa haaroomsa (Tahaddisoo) jedhuun walitti qabe tarsiimoo isaa qammantuu garaan bokooysaa ture. Wayyaaneen mooraalee waraanaa tanneen keessatti gootootan kuma hedduu akka hiddii fardi irra ajjateetti macalaasaa, hayyoota oromoo lakkoofsa hin qabne keessatti kolaasaa, kaaniis uleen aagibeeysaa, baayyee isaanii immoo hirriiba hanga dhumaa irraa hin dammaqne raffisaa turuun yaadannoo gurraatti baroota dhihooti. Baranaas akkasumatti guuree mooraalee waraanaa tan araada dhiiga ilmaan oromootiif hamammoottu tanatti walitti qabee buqqee ishaashoo godhaa jira.
Tooftaan biraa wayyaaneen yeroo ammaa akka furmaataatti fudhachaa jirtu warreen miseensoota OPDO tahanii isaan waliin obboleeyyan isaanii ajjeesuufi badii malee yakkuu lagatan, kanneen tarkaanfii dharaa wayyaanee waliin dhiiga isaanii irraatti fudhachuu qoorrifatan mara itti gaafatama isaanii irraa harcaasee, hojjatoota sabboontoota danuu hojii irraa ugguree galiifi gatii malee harka duwwaa hambisuu dha. Tarkaanfiin kun isaaf sirgiga hamaa tahee akka if qabuu hin dandeenyetti kan mucucaachisu tahullee inni immoo akka tarkaanfii haqaatti hadooddii takka malee hojii isaanii irraa guuysaa jira. Dhugaa dubbachuuf tooftaa kana akka injifannootti fudhatee, tarkaanfii diinummaa raawwachaa jiraatuullee garuu miidhaa caalaa nuuf faaydaa guddaadha. Murtiin ilmaan oromoo hojiirraa ari’uufi sadarkaa irraa gad buusuu kun garii isaanii sammuu laamsheessee, warreen maddi galii isaanii mindaa qofarratti hunda’e tokko tokkoos jireenya hamaa keessatti kuffisee maatii isaanii gaaga’ama keessa kan buusu tahullee yoo sirritti gad fageessinee hubanne immoo bu’aa isaatu irra caala jedheen yaada.
Sabboontootaafi quuqamtoota dhiiga obboleeyyaniitiin harka dhiqatanii, biddeena gogaa ilmaan oromoo irraa tolfameen shiilchoo foon oromoo qaqqabatanii alanfachaa garaa isaanii guutuu hin jaalanneef furmaata dhugaa tahee xurii seenaa jalaa bilisa isaan baasa. Warreen foon obboleeyyanii nyaachuuf afaan mimmi’eeffatu, foon foon ofii nyaatee dhiiga ofiitiin kokkee jiifachuu barbaadaniifi yeyyiilee gogaa oromoo uffatanii ilmaan oromoo dhidhimsuu kajeelan muraasa yeroof gammachiisullee kan arra adilee nyaate boru daalachaafiis akka taa’u sirritti hubachiisa. Yoo dhugaa kan dubbannu tahe warreen dhiiga oromummaa qulqulluu qabaniif balbala qabsoo bal’aa saaquun warraaqsaaf hiriirsa. Akkaan tahuus akka maleen tahuus ilmaan oromoo onnee sabboonummaa qaban kan hojjatoonni mootummaa tahanii hojjachaa jiran warra garaan sossobamu irra harka meeqa baayyatu waan tahaniif hojiirraa gaggeeffamuun isaanii warraaqsa keenyaaf humna addaa dabala. Gama biraatiin warreen garaan dagees booda karaan isaaniis kanuma ykn kanarra hamaa akka tahe itti mul’isuun foon obboleeyyan isaanii kan nyaachuuf qophaa’aa jiran irraa akka if qusatan qofa osoo hin taane kan kanaan dura nyaataa turanillee akka diddiigan taasisa. ‘Namni qabrii hiriyaa arke tan ifiitiis arke’ yoo kan beekan tahe hanga jarri saree itti qalu osoo hin eegganne hojii shiraa diinni xaxaa jiru ammumma harka keessaa fudhatanii gara warraaqsa dhugaa oromoon haqa isaatiif taasisaa jirutti makaman jedheen amana. Alagaan hanga waan barbaadde mara harkatti galfattu qofa aangoon, maallaqaafi faaydaa adda addaatiin nama dallaalti malee san booda akka tanakaa (gaaloonaa) zeeytiin gargaarsaa irraa dhumetti gujufa irratti nama darbuun isii beekkamaadha. Kana mirkaneeffachuuf immoo namni seenaa bara dheeraa beeku Goobanaa Dacee haa hubatu. Kan seenaa yeroo gabaabduu beeku immoo Juneeydii Saaddoofi aangoota OPDO amma taaytaa irraa harcaasaa jiran kana irraa waa hubachuu ni dandeessan jedheen yaada. Karaa isa baasu abbaatu beeka. Garuu albadheessa tokko tokko yaadduun sammuu keessaa godaantee qochumaa keessa waan qubatteef waan ifitti gad darbu qofa yoo arkate ni dagata waan taheef yaadachiisuun barbaachisaa dha.
Tooftaan mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo miidhuun humna isaanii dadhabsiisee harka kennisiisuuf yaaluufi warraaqsa isaanii hundee irraa goggooysuuf itti fayyadamaa jiru kan biraa bishaan dhugaatii irraa muruun, gatii mi’oota ykn meeshaalee barbaachisoo tokko tokko ol dabaluun, tajaajiloota gara mootummaatiin argatan kan akka ibsaafi bilbila akka sirnaan hin fayyadamne godhuun ykn gatii tajaajila isaanii humnaa ol dabaluun akka hawaasni yaaddoo isaanii gara qabsoo jireenya irratti deebisan taasisuu dha. Isaan tooftaa kana sammuu ummataa dhifuufi ilaalcha isaanii dabsuuf (diverty) godhuun akka hawaasni jireenya isaa bira dabree gara biraa tokkollee tarkaanfachuu hin dandeenye godhuuf yaadaniti. Tooftaan dulloomaan wayyaaneen warraaqsa keenyaan dhaamsuuf fayyadamaa jirtu kun nuuf immoo ibiddarratti bobaa’aa firfirsuu tahee warraaqsa keenya sadarkaa addaatti akka wajiijnu nu taasisa. Tooftaalee wayyaaneen fayyadamtu mara yoo kan laallu taate mootummaan Xoophiyaa gowwaa maraate tahuu isaa nutti mul’isa. Gowwaa, isaa duraanuu gowwaa gaafa maraateefaa akkami mee yaadaan laalaa.
Tooftaaleen biraa kan warraaqsa falmii haqaatiif ilmaan oromoo finiinsaa jiran kana dhaamsuuf saroonni wayyaanee deddeemaniin keessaa kan biraa ammaas ilmaan oromoo sababoota garagaraatiin walitti buusuun akka isaan wal afaan dacha’an taasisuudha. Kuniis kan dhiheenya kana argaa turre mallattoolee bu’aa shira kana kan mul’isan keessaa muraasa tahuun isaa mamiin qabu. Gama biraatiin lubbuu ilmaan oromoo akka beeyladaa balaa konkolaataan ajjeefameetti gatii maallaqaan haa shalagamu jechuun abbootii gadaafi namoota garii hawaasa oromoo bal’aa waliin wal afaan kaayuun akka nuti osoo wal riqnuu warraaqsa keenya dagannu taasisuu dha. Tooftaan inni biraa immoo naannoolee balaa hoongeetiin miidhaman gargaarsa miidhaan nyaataa irraa hambisuun akka isaan wallattaawan, gariiniis akka dhumu godhuufi tooftaalee biraa kan ummata oromoo kana lafarraa gabaabsuufi harka kennisiisee adabachiisa jedhee yaadu mara fudhachuu dha.
Tooftaan shiraa wayyaaneen ummata oromoo irratti fudhattu kun marti kan ittiin injifatamuu qabsoo irratti cichuu qofaani. “Kan sodaataniis du’a, kan hin oollees du’a!” Du’a gootummaa du’uun jireenya gabrummaan jiraatan irra harka meeqa bilisummaa dha. Ilmaan oromoo yeroo ammaa du’a gootummaa sodaatanii du’a fafaa du’uuf gonkuma hin filatan. Yeroo hanga warraaqsi ligide kanatti ilmaan oromoo jimlaan guuramanii mana hidhaafi mooraalee waraanaa reefu maqaa dhawaa turre keessatti hadhaa hamtuu akka dhandhamaaniif saaxilamanii jiran. Yoo cal’ifnee kan teenyu tahe immoo ijoolleen hidhamanii harka wayyaanee jiraniis tahee nuti warri hin qabaminiis du’a salphinaa akka booyyee du’uun keenya hafa hin qabu. Hanga qabsooynee, warraaqsa jalqabne galma barbaannuun hin gahinitti, hanga qabsoo teenyaan gumaan dhiiga wareegamtootaa hin bahinitti jiraannuus du’aa, reeffa gatiin qabne tahuu keenya dagachuun hin qabnu. Obboleeyyan keenya kan harka diinaatti miidhamaa jiran kan bilisa baasuus tahee kan qaama hir’uu tahanii itillee irra ciisaa jiran mara kan wal’aanu nu qofa. Wal’ansi isaaniif goonuufi tooftaan walaba itti baasuu tokkichi warraaqsa qabsoo keenyaa jidduu kana ligide haareyatti oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuu qofa. Ibiddaa warraaqsaa qabsiifnee, kullooda fincilaatiin dibnee karkarfannu malee qoorri jidduun nu seenu kun nurraa hin bahu. Nuutu if dagate roorroon alagaa nutti finiinaa jirti. “Ibidda rafe huubni to’achuu kaajelaa” akkuma jedhan nuti muugnaan jarattiin nurratti baatee jirti. Kanaaf furmaanni tokkichi qabnu tokkummaan akkuma duraanii sanitti warraaqsa keenya haa finiinsinuun dhaamsa kooti. Xumure, horaa bulaa.
[ #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit ] Ebla 2016Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…