Ummanni Oromoo abbaa biyyumma isaa sarbamee impaayera Ethiopia sirna kolonii
Habashaa jalatti fedhii isaatiin alatti eega ammatamee eegalee miidhaan gara jabinaa mootummoota abbaa irreetiin walduraa duubaan dhufaniin irratti raawwatamaa ture, arrallee itti fufeetumma jira.
Habaashoonni ummata Oromoo sirna bulchinsa isaa diiganii biyya abbaa isaa irratti eega abbaa ta’anii booda sadarkuma sadarkaan ummata tooftaata jijjiirachaa ajjeechaa suukaneessaa ,lafa isaa irraa buqqisaa ,jumlaan mana hiidhaatti guuraa qabeenyaa isaas saamuudhaan Oromoo hiyyummaa, deegaa fii gadadoo daangaa hinqabne adda addaatiif saaxilee jira.
Ummatni Oromoo roorroo fi miidhaalee bifa adda addaatiin itti aggaamatamaa ture kana yoomiyyuu fudhatee jilbiifatee osoo hin bulin diddaa fi falmaa qabsoo isaa bifa fincilaa fi jaarmayaatiniis ijaaramee dura dhaabbachuun ummata seenaa boonsaa qabu ta’uu isaa baroota dheeraaf mirkanneessee turullee, arralle gabroofatoota ufirraa buqqisee abbaa biyyummaa isaa deeffachuu hindandeenye.
Hata’uu garuu arra akkuma ijaan arkaa, gurraan dhagayaa jirrutti gabroomfattoonni haarofni tooftaa hammeenya dhoksaa qabuun gurmuu Oromoo diiganii dachii hanga Oromoo harkatti haftellee dhabamsiisuuf humna waraanaatiifi humna tikaatiin qaroomanii qabeenya dachii ummata keenyaa gurguraadhaan horataniin duroomanii gama hundaan nurratti duulanis, gootonni dargaggootaa fi baratoonni Oromoo akkuma abbootii isaanii gootummaadhaanToftaa TPLF maqaa maastar pilaaniitiin Oromiyaa mudhii kutuun Biyyaa addaa tan kununsa habashootaa taatu handhura Oromiyaa keessati biqilchuuf imaamatamee/saganteeffatame dura dhaabbachuu fi falmaa abbaa Biyyimmaa qabsoo karaa nagayaatiin hiriira bayan, deebisaan konoleefataa/TPLF rasaasaa taate osoo hin sodaatin, seenaa qabsoo Oromoo keessatti boqonnaa haaraya saaqan.
Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoome (United OLF) gaafii Kaa’immanfi Baratoota Oromoo gaafii eenyummaa fi Biyyuu, akkasumaas awwaalcha Oromoota kaleessa gaafa gabroomfatoonni handhura Oromiyaa boortaan qubatan murruqii geesisan jaarra kanattiis harayoomsuutti laala.
. • Gochaa maqaa maastar pilaaniin gabroomsaan TPLF saganteeffate,Ummata Oromo Biyya maleeyyii godhuu, Kaa’iman (mata gurra/dhaloota hegeree) kichuu kutuun ummata Oromoo shanyii gabaabsaa, akkasumaas biyya isaa irraa buqqisee galaanafi allatii biyya ormaa nyaachisa jira kan kana godhe sirna imammata policy TPLF hordofu ol’antumma saba tokkoti. Addatti Baratoota Oromoo gaafii karaa nagayaan gaafatan murni gabroomsaan deebii afaan isaa rasaasa godhate, Ummata qaroo maleeyyii taasisuu diinni keenya kaayyeefate waan taheef, Addi Bilisummaa Oromoo humna qabu hundaa dura dhaabata, qabsoos irrati godhaa akkuma ture daran cimsee finiinsa.
Tokkummaan Irreen ummataa Oromoo fi qabsawoota Oromoo haa jabaattu.
Gochi diinaa yeroof qalbii keenna cabsa malee lafee keenna nu hincabsu!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Tokkummaan Qabsaawotaa Xurree injifannooti!!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 2, 2015
===============================================================================================Barreessaa Duree ABO: barreessa.abo@gmail.com
Dubbataa ABO: abosperson@gmail.com
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…