Categories: Oduu Oromiyaa

ibsa-dhaaba ULFO/THBO

Ajjeechaa fii Saamicha Seeraan alaa Lammiilee Keenya Biyya Sa’uudi Arabiya Jiraatan irratti Raawwatamaa Jiru ilaalchee.
Ibsa dhaaba ULFO irraa mootummaa Saudi arabiyaatiifii dameelee gola addunyaa hundaaf ergame
Mootummaann sa’uudii arabiyaa gaafa 14 -11 – 2013 irraa jalqabee lammiilee keenya irratti tarkaanfii seeraan alaa kan gara jabinaa fudhachaati jira. Lammiileen keenya biyya keenya keeysatti imaammata gabroomfataa wayyaaneetiin hacuucamanii fala akkuma biyyoota biraa biyya sa’uudii arabiyaa keeysa jiraachaa turan. Ummanni keenya miidhaa hamaa kanaaf kan saaxilaman kun kanneen seeraan ala gara biyya kanaa seenan qofa miti, kanneen seeraan biyya kanaan jiratan qabaatanii yeroo dheeraaf jiraataa turan dabalatee qabeenya saamamuufii lubbuun ajjeefamaa jiran .Roorrifamuun seeraan alaa kun lammiilee keenya irratti deddeebi’ee raawwatamaa  kanture tahuus Kan ammaa kun diinummaa ija baase waan taheef dhaabbiileen kabajamuu mirga namoomaatiif dhaabbatan hundi mootummaa sa’uudi arabiyaa irratti dhiibbaa jabaa akka godhan hoogganni dhaaba ULFO hubachiisee jira. Akkuma lammiileen keenya biyya sa’uudi arabiyaa jiraatan bifa kamiiniis tahu lammiileen sa’uudi arabiyaa biyya keenya keeysa seenaa turan ammaas seenaa jiran.
Lammiilee keenyarratti miidhaan seeraan ala raawwatamaa jiru kun murtii kan hin arganne yoo tahe, lammiilee biyya sa’uudi arabiyaa KAN bifa kamiinuu biyya keenya seenan irratti tarkaanfiin halu bahaa kan kana caalu fudhatamuuf kan jiru tahuu ULFOn akeekkachiisa cimaa dabarsee jira.  Akka ummanni keenya biyya keenyarraa godaanu kan godhan keessaa tokko  hiyyummaa gabrummaarraa burqe tahuun beekkamaadha. Mootummaafii tujaarotni biyya arabaa sirna gabroomfataa wayyaaneetiin waliif galuun arabootni lafa  keenya saammachaa jiran.Haala  kanaafii kkf  hunsaan hundaan araboonni diina keenyaaf firoomanii ummata keenya biyyarraa akka bahan godhaa turan. Kanneen biyyarraa bahaniis human isaanii gatii xiqqaatti gurguranii araboota tajaajilaa jiran. Horii xiqqaan isaan tajaajilaa yeroo dheeraaf  kuufatan saamamanii harka duwwaa mana hidhaatti darbamaa , Kaaniis rasaasaan ajjeefamaan gaafa 4 – 11 – 2013 irraa jalqabee hangaa ammaattinamoonni hedduun nurraa  ajjeesanii jiran. Kanneen bakka namni hin arginetti du’aniis danuudha.Hujii fookkataa seera kamiinuu dhoorkaa tahe dubartoota  keenya gudeedaa jiraachuu isaanii ragaalee gara garaa irraa hubachuun sandahamee jira.
Kanaaf dhaabni ULFO biyya keeysaa fii alattiiis mirga ummata keenyaa kabachiisuuf kan qabsooynu waan taheef, roorroo lammiilee keenyarra gayu kamuu kan hin fudhanne tahuu Eenyufillee hubachiisuu barbaanna. Gabaabumatti mootummaan sa’uudi arabiyaa lammiilee isaa kan biyya keenya seenaniif kan yaada’u yoo tahe saaminsaa fii ajjeechaa lammiilee keenyarratti raawwachaa jiru ariitiin akka dhaabu ULFOn akeekkachiisa.

1.  lammiileen keenya seeraaniis tahe seeraan ala seenan qabeenya dafka isaaniitiin hojjatanii argatan irratti mirgi abummaa qabeenya akka kabajamuuf ULFOn mootummaa Saudi arabiyaa,Liigii arabaatiifii mootummoota  idil addunyaatti hubachiisee jira..

2.  kanneen heeraan jiraatan migi heeraan jiraachuu isaaiif akka kabajamuu fii kanneen seeraan ala jiraniis gidiraa takkaan maletti gara biyyaa akka galfaman dhaabni ULFO mootummaa sa’uudi arabiyaatiif ibsee jira..

3.  lammiilee keenya kan hanga ammaatti rasaasaan ajjeefaman bifa seeraatiin ilaalamee murtiin barbaachisu mootummaa addunyaatiin sa’uudi arabiyaa irratti kan hin murtooyne yoo tahe turuus dafuus dhiigni lammiilee keenyaa lammiilee sa’uudi arabiyaatiif kan hin hafne tahuu  hoogganni dhaaba ULFO murtii maayyii dabarsee jira.     Biyyoonni lammiileen keenya keessatti baqatanii jiran hundi mirga  lammiilee keenyaatiif kabajaa godhuun isaanii, lubbuu lammiilee isaanii biyya keenya seenaniif yaaduu akka tahe hubachiisuun hoogganni dhaaba ULFO dhaamsa isaa Xumuree jira.

TOKKUMMAAN HUMNA!!!
OROMIYAAN NIWALABOOMTI!!!
KHR ULFO
November, 24/2013

Odeeffannoo dabalataaf
Email:-  info.ulfo2012@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago