Categories: Oduu Oromiyaa

IBSA IJJANNOO KOREE DANDAMACHIIFTUU DHAABA ABO JIJJIIRAMAA AFRIKAA KIBBAA

                                                                                                                        ABOn jijjiiramaa B/G/Kamaal Galchuutiin hogganamu Augest/Hagayya 2/2015 ibsa ijjannoo baasee jira.Ibsi ijjannoo kunis kaayyoo kaleessa akaakayyootaa fi abbootii teenya irraa dhaaluudhaan jaallan qaqqaaliin irratti wareegaman,barattoonni qaroo ijaa  saba Oromoo ta’an,dhiiraa fi dubartiin Oromoo akkasumas qaamni hawaasa Saba kanaa woliigalatti lubbuu jijjiirraa hin qabne aarsaa itti kafalan,itti hidhaman,qabeenya isaanii itti saamaman,biyyaa itti ari’aman fi Ilmaan Oromoo hayyuu fi gootowwan kumaatamaan lakkaayaman mana hidhaa waayyaannee adda addaa keessatti gidiraa biyya lafaa argaa jiran,gochi bineensummaa irratti raawwatamaa jiran,torture itti ta’aa jiran maqaa Dhaabaa fi Alaabaa teenyaa ta’uu ilmi Oromoo dhiiraa fi dubartiin xiqqaa fi guddaan waan beekudha.   Haa ta’uu malee Dhaabni kuni saalfii tokkoon maleetti jijjiirraa hundee taasifna maqaa jedhuun sagantaa siyaasaa,maqaa dhaabaa alaabaa dhaabaa,asxaa dhaabaa,maqaa waraanaa, irbuu miseensotaa,ni jijjiirra jedhee dhuma irratti dhimmoota ciccimoo irratti murtiin maayii kan Hayyu Dureeti jedhanii yaaduun hedduu nu raajee jira. .

Haa ta’uu malee nuti hogganootaa fi qondaalotiin akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa yeroo maqaa,alaabaa fi asxaa dhaabaa kaleessa jaallan qaqqaaliin lubbuu jijjiirraa hin qabne itti kitiman,barattoonni kumootaan lakkaayaman itti wareegaman fi woliigalatti murni qaamoolee hawaasa Oromoo hundi jumlaadhaan ajjeefamanii,qabeenyaa saamamanii,biyyaa ari’amanii isaan kana jalaa hafan baqatanii biyya abbaa isaanii dhiisanii miliyoonni hedduu jireenya baqattummaa geegessaa kan jiran maqaa fi alaabaa ABOf jecha ta’uun odoo beekkamu Oromoo adha siyaasaa tokko jennee jalqaba irraa barsiifna jechuun, lubbuu hanga har’aa kaayyoo qaalii kanaaf wareegamee fi miidhaa maqaa kanaan ilmaan saba Oromoo irra gayee fi gayaa jiru gatii dhabsiisuu qofa osoo hin ta’in tarkaarfii kana duubaan harki diinaa ykn gita bittuu waayyaannee jiraachuu hubanna.                                             Waan kana ta’eef nuti Hogganootni,qondaalotni akkasumas miseensotiin dhaaba kanaa Afrikaa kibbaa adda durummaan gocha kana kan balaaleffanu yoo ta’u gonkumaa ibsi ijjannoo Hagayya 2/2015 baye kun nu hin ilaallatu.                                                                                                                                                                                                               Dhuma irratti gocha ibsa ijjannaa maqaa dhaaba kanaatiin labsame kana akka balaaleffattanii fi dura dhaabbattan akkasumas tokkummaa qabsaawotaa fi saba Oromoof irratti ciminaan hojjannee salphina akkanaa keessaa akka baanu waamicha Oromummaa fi Jaallummaa kan isiniif dhiyeessinu;Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hunda,beektotaa fi hayyoota Oromoo,qabsaawota maqaa dhaaba kanaatiin miidhaan isin irra gaye hundi,kanneen mana hidhaa waayyaanneetti gidirfamaa jirtan hundi,barattoota Oromoo bilbisummaa saba kanaaf qabsoo hadhaayaa godhaa jirtan,akaasumas dhiiraa fi dubartoonni Oromoo gabrummaa keessa jiraachuun saba kanaa isin quuqu hundaaf waamicha isiniif dhiyeessinee jirra.

Yoomiyyuu ADDI BILISUMMAA OROMOO /ABOn kallacha qabsoo ummata Oromooti!

Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti!
Koree dandamachiiftuu ABO Jijjiiramaa Afrikaa Kibbaa
I U Of!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

3 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

3 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

3 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

3 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago