Categories: Oduu Oromiyaa

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 9, 2014

Ummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo addatti ammo barattootnii University, Kolejotaa fi Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi Lammaffaa torbanoota lamaan darbe gaaffii sirna fi seeraa Mootummaan Oromiyaa akka deebisuu fi mirga abbaa biyyummaa Oromoo gaafataa turre.
Haa tahu malee gaaffii keenyaaf deebiin mootummaa, humana Polisa Federalaa biyyattiin qabdu hidhannoo guutuu waliinii fi waraana Agazii dargaggota, barattootaa fi ummata harka qullaa irratti bobbaasuun Oromiyaa guutuu dirree waraanaa godhee lubbuun namaa hedduu fi qabeenyi barbadaawee jira. Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa fi seera qabeessaa waan taheef:

1. Ummatni fi barattootni kumaan lakkaawaman kan mana hidhaa haaraa bakka bakkatti Polisi Federalaa bane keessatti dararamaa jiran, hatattamaan akka gadi lakkifaman. Galmeen hidhamtootaa kumaan lakkaawamu kunis Ummta Oromoo fi addunyaaf ifa akka tahu.

2. Kanneen Barattotaa fi Ummata Oromoo nagaa meeshaa baraneen bakka bakkatti ajjeesan fi akkataa itti ajjeefaman Qaama Walabaa Mootummoota Gamtoomaniin utubameen akka qoratamanii fi seeratti akka dhihaatan.
3. Hidhamtootni Siyaasaa biyyatti guutuu keessa waggaa 23 darban,hidhaa keessatti murtii kijibaan fi murtii malee dararamaa jiran hundi, haal duree tokko malee akka gadi lakkifaman.
4. Polisni Federalaa fi waraanni mootummaa Federalaa naatoo tokko malee irra deddeebi’ee ummata Oromoo fi ummatoota biro mirga isaanii nagaan gaafatan rashanaa jiru, Oromiyaa keessaa hatattamaan akka gadi lakkisee bahu.
5. Poolisnii fi Dabballootni Wayyanneen/EPRDF University, Kolejotaa fi Manneen barnootaa keessaa akka gadi lakkisanii fi mooraan barnootaa hundi siyaasaa partii EPRDF fi tikaa fi Poolisa irraa bilisa akka tahu.
6. Oromiyaa Guutuu Keessatti Ummata Oromoo lafa irraa buqqisuun akka hatattamaan dhaabbatu fi kanneen buqqifamaniif beenyaan akka baafamu
7. Mirgi Hiree Murteeffannaan Ummata Oromoo akka kabajamu
8. Qabsoon Bilisumma Oromoo fi sochiin gaaffii mirgaa Qeerroon, gaggeeffamu nagaan kan gaggeeffamuu fi nagaan mirga falamtuu tahuu mirkaneessina. Qabsoo karaa nagaa gaggeessinu kanaaf deebii karaa nagaa akka nuuf kennamu gadi jabeessinee gaafatna.
9. Qabsoon keenya fi sochiiin nagaan godhamu kun ummata nagaa saba kamuu, lammii kamuu fi nam tokkeenis tahe gurmuun kan nagaan hojjatatee bahee galu ykn qabeenya isaa kan target godhate miti. Gaffiin keenya sirna cunqursaa fi gaaffiilee mirga ummata Oromoo fi hegeree jireeneya keenya kan ilaalan akka deebii argatan qofaa dha. Kanneen maqaa kanaan ummata biraa irratti duulaa fi doorsisa godhan ni mormina.
10. Gaaffiilee keenyas barnoota keenya barataa ummata keenya waliin nagaan akka deebii argatan sochii keenya itti fufaa, hanga gaaffiin keenya deebii gahaa argatanitti kan hin dhaabbatne tahuu mirkaneessina
11. Sochiin keenya fi gaaffiin keenya kan haqaa waan tahaniif humni Qeerroo Bilisummaa Oromoo caasaa isaa guutummaa Oromiyaa keessatti diriirfatee sochii kana adda durummaan erga gaggeessuu eegalee waggoota lama gahee jira. Ummanni Oromoo Oromiyaa keessa fi biyya alaa jiru ofitti simatee deggersa nuu taasisaa jiruuf guddoo galateeffatna. Gama biraan ammo humnoonnii fi namoonni dhuunfaan sochii warraaqsaa Oromiyaa keessatti finiinee ol bahe kana gaaffii haqaati jechaa gama tokkoon ammo sochiin biyya keessaa hogganummaa hin qabu jechuun qindoominaa fi bilchina dhalooti ammaa irra gahee sochii FDG Oromoo kana gadi xiqqeesuun sochii hogganaa fi qindoomina kan hin qabne fakkeessuun warri dhiheessuu barbaaddan doggoggora kana irraa of ittiftanii dargaggoonni humnaa fi dandeettii sochii kana qindeessuu qabaachuu keenya bartanii akka nu cinaa dhaabbattan waamicha isinii goona. Kana malees nagaa jallattootni fi kannen mirga ilma namaa kabajan hundi akka nu cinaa dhaabbatan waamicha keenya gadi jabeessinee dabarfatna
12. Ilmaan Oromoo waraana mootummaa , Poolisa Federala, hidhattootaa gandaa fi poolisni Oromiya obbolaa keessan irratti dhukaasuu keessaa akka dhaabbattan fi yoo waamicha kana diddan seenaa fi seerri akka isin gaafatu hubachiifna.
13. Waraana, Poolisa Federalaa fi tika mootummaa Fedralaa keessa kan jirtan hundi ummata nagaa fi barattoota da’aimman irratti dhukaasuu akka irraa dhaabbattan gadi jabeessinee gaaftna. Seenaa fi seeraan akka itti gafatamuuf deemtan hubachiifna
Ka’i Qeerroo!!
Qabsoon Hanga galii isaa gahu Itti Fufa!
Qeerroo Bilisummaa
Caamsaa 9, 2014
Finfinnee

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago