Categories: Oduu OromiyaaYaada

IBSA WAAJJIRA HAYYU DUREE ABO SHANEE IRRAA KENNAME ILALCHIISE XINXAALA OBBO BORUU BARRAAQAATTIN DHIHAATE .

Baatii lamaan tokko dura dubbii basaasutummaa Girmaa Xurunaatiin irratti odeessa deemaa ture namuu ni yaadata. Warri ABO Shanee wayta sanatti dhimma nama kanaa irratti maa ibsa kennuu didan jedhamanii yeroo gaafataman ‘Girmaa Xurunaa nama jedhamu hin beeynu’ jechuu turani. Har’a garuu bakka riphanii turanii dammaqanii ibsa ‘miseensota qofaaf’ jedhame, garuu kan duruu dirree guutee aduu qaqqaamate baasanii jiru. Ibsa Waajjira Hayyu Duree irraa kenname kana anis akkuma nama tokkoo internet irraa argadhee dubbiseen jira. Dubbisee garuu callisee bira dabruu hin dandeenye. Kijibaa fi afanfaajjii hedduutu keessa jira. Kanas akka armaan gadiitti tuttuquun yaala.

1) Ibsa kana keessatti keeyyatni xiyyeeffannoo koo harkise kan duraa akkas jedha. “Tokkummaa qabsaawotaa fi ummata keenyaa laaffisuuf, wal shakkisiisuu fi wal afaan deebisuuf diinni tooftaalee gara garaatti dhimma baha. Waan hin jirre uumee olola farra ABO fi farra QBO bittinneessa. Olola diinaa kan akkasiif gurra ergisuun ittiin afanfaajja’uu fi goolamuun fedhii diinaa guutuu dha. Haala kana fakkaatuun uumamee ololli gidduu dabre kana qalbii ummataa fi miseensota keenyaas hawataa ture irratti gara Dhaabaatiin waan miseensotni beekuu qaban beeksisuun barbaachiseera. Kunis waa’ee Girmaa Xurunaa (GX) ti.” Hubadhaa! Waa’ee basaastummaa Girmaa Xurunaa kan irraa laalatee dubbataa ture joollee Oromoo inni hiisise, reebisee fi ukkaamsise, akkasumas aktiivistoota Oromoo qabsoo keenyaaf qooda olaanaa gumaachuun ummata biratti beekamanii dha. Dhimmi namicha kanaa Oromoo boquu cabsee Habashoota gammachiise. Kanaafuu dhimma kana irratti kulkulfatee kan dubbataa ture numa qabsaayotaa fi deeggartoota qabsichaa ti malee diina miti. Dhugaan jiru kana tahee osoo jiruu, ABOn Shaneen duula ilmaan Oromoo mooraan qabsoo keenyaa xaliilawuu qaba jechuun duulan walitti qabee ‘OLOLA DIINAA’ ittiin jedhe. Sanuu sabboontotaa Oromoo karaa danda’an hundaan qabsoo kana keessatti qooda cululuqaa gumaachanii addunyaa ajaa’ibsiisaa jiraniif tuffii qabaachuu irraa ‘ibsa’ isaanii miseensota isaanii lakkoofsa qubaa qofaaf godhan.

2) Keeyyanni biraa tokko immoo akkas jedha. “GX miseensa jaarmayaa dargaggoota Oromoo biyya keessaa akka ture, deemsa keessa warra waliin hojjetan wajjin wal dhabuu, warri wal dhaban kanneen gara lachuutuu harka diinaa bu’uu fi hiraarfamanii gadi lakkifamuu, tokko kaan saaxilee akka hiisisetti wal shakkuu fi adda fagaataa deemuu fi wal injifachuuf olola wal irratti oofuun akka ture Dhaabni quba qaba.” Ajaa’iba! ABO Shaneen dhimma kanarratti nama Girmaa Xurunaa jedhamu hin beeknu, hariiroo hojii tokkos waliin hin qabnu jechaa hin turree? Fakkeenyaaf miseensa Gumii Sabaa dhaabichaa kan tahe Odaa Xasee irra deddeebi’ee akkasitti ibsaa turuu ni yaadanna. Of gowwoomsu moo Oromoo gowwoomsu? Nama kaleessa miseensummaa isaa waakkatan har’a ibsa irratti kennuun maalf barbaachise?

3) Bakka bu’oota Qeerroo warri jedhaman gara miidiyaa Shaneetin Girmaan Qeerroo waliin hariiroo homaatuu hin qabu hin jennee? Namni maqaan hin dhahamin kan wayta sanatti Qeerroon bakka bu’a ofiin jedhu tokko paltalk irratti dhihaatee kana hin dubbannee? Yoo miseensota isaaniif kabajaa qabaataniif, yeroo sanitti wayta miseensonni isaanii fi ummanni Oromoo as bahaa dhimma kana irratti ibsa nuu kennaa jedhee gaafatu maaliif gaaffii ummataa tuffatanii har’a waan gaafas joollee gowwoomsanii dubbachiisaa bahan haalan? Namni kaleessa ‘hogganni qeerroo’ hin beeku jedhe har’a akkamiin ‘daraggoota wajjiin hojjataa ture’ jedhama?

4) Ibsi amma miseensotaaf ergame kun ” Battaluma wal-dhabbichi dhalatee fi wal himatuun jalqabametti furuuf qaamni suduudaan hojichi ilaalu qorannoolee geggesse” jedha. Battalli kun yoomi? Girmaa Xurunaa basaasa ta’uun shakkamee waajjira Hayyu dureef kan gabaafame bara 2014 keessa ta’uu namuu beeka. Maarree qorannoon kun Waggaa lama fudhate jechuudhaa? Moo hanga gaafa VOAn saaxila baaseetti waajjirri hayyu duree hin beeku ture? Moo koreen qorannoo kun erguma VOAn gabaasee dhaabbate?

5) Ibsi kun ‘waldhibdee warra wajjiin hojjatan keessatti uumameen’ jedha. Bakka bu’oonni Qeerroo nama kana hin beeknu jechaa akkamiin isa waliin waldhibdee godhatu? Girmaan basaasa ta’uu warra waliin dalagu qofa osoo hin taane kanneen inni mana hidhaatti guursisetu ragaa baha. Namoota inni hiisise keessaa kan gonkumaa san dura isaan wal hin beekne, kan dhaabni biyya ollaatii bobbaasee isaan akka walqunnaman godhe hedduudha. Nama dura walhin beekneen Girmaan akkamiin waldhabuu danda’a?

6) Gabaasni koreen qorannoo “ragaan tokko faarsee kaan ammoo kan hammeessu of keessatti waan aammateef haala shakkii hin qabneen murtii dhumaa irra geessisuu hin dandeenye” jedha. Qorannoon kun Girmaa Xurunaa basaasa ta’uu kan alaan himaamaa ture keessaan akka mirkaneesse shakkin hin jiru. Hayyu Dureen garuu gabaasa koree qorannoo ofii dhaabes fudhtama dhabsiisee jira. Komii dargaggoota Girmaan hiisisee waggoota lamaa oliif gurra itti cufatee, iyya ummanni baatii lamaan dabre kana dhageessise tuffatee, amma ammoo bu’aa qorannoo koree miseensa Gumii Sabaatin hogganamteetuu fudhachuu dide. Kana jechuun ragaafi yaada nama hundaa didee kan Girmaa Xurunaa qofa fudhate jechuudha.

7) Murtiin hayyu dureen amma dabarse jedhu Girmaa Xurunaa hojiirra dhaabne kan jedhuudha. Mee tarkaanfii hayyudureen fudhate kana sirritti haa laallu. Gaafa waggaa lama dura Girmaan basaasa ta’uu itti gabaafamu, gabaasa saniin soba jedhee Girmaaf loogee badii isaa itti fufsiise. Gaafa dubbiin gara VOA ifa bahee Girmaan nama qabsiisuu ragaan namaa fi barreeffama mana murtii itti as bahu, Girmaan ABO fi Qeerroo waliin hariiroo tokkollee hin qabu jedhe. Amma gaafa koreen inni mataa isaatiin dhaabe waan ummanni Girmaa irratti dhiheesse mirkaneessu, gabaasa koree kanaatis fudhatama dhabsiise. Maarree jarana Hayyu duree malee namni hundi Girmaa Xurunaa basaasa ta’uu irratti waliif galee jira. Hayyu dureen maalif ejjannoo addaa fudhate?

Kan nama raaju, ABOn Shanee nama hoggansa isaanii irraa abdii muratee jaarmayaa Oromoo biraatti dabalamu yookiis dhunfaadhaan diina afoo dhaabbatee qabsoo Oromoof gumaachu ‘gantuu’ fi maarree maarree jechuun maqaa xureessa. Namni hoggansa isaanii jalaa bahe tokko odoma mooraa qabsoo keessatti qooda cululuqaa qabsichaaf gumaachaa jiruu ‘gantuu’ ittiin jedhu. Nama isaanirraa ganee Wayyaaneetti galee wajjin akkuma tokkotti waamu.

Fakkenyaaf ibsa walgahii qondaalota isaanii dhihoo kana bahe irratti saalfii tokko malee ana Boruu Barraaqaa nama mooraa qabsoo keessatti akkuma kaleessaatti har’as cichee hiriiree jiruu fi Lichoo Bukraa kan waraana Oromoo hidhannoo guutuu waliin hiriirsee diinatti gane akka tokkotti ‘gantuu ibsani. (https://bilisummaa.com/cuunfaa-walgahii-qondaaloota-kut…/) Kana gochuu isaaniitiin daranuu Oromoo ofitti kofalchiisan malee kabajaa ummanni naaf qabu gad xiqqeessuu hin dandeenye. Akka jaarmaya waraanaa kamittuu namni basaasummaan qabame adabbii cimaatu isa mudata. Jaarmayni kun namoota badii kanaa gadii dalagan jedhamniihuu adabbii dhumaa irratti fudhataa turuun ni beekama. Girmaa Xurunaa kan dachii samiin basaasa ilmaan Oromoo nyaatu ta’uu ragaa itti baate maalif irra dabrame?

Girmaa Xurunaa ilaalchisee ‘adabbiif jecha hojii irraa dhaabnee jirra’ jedhanii jiru. Odeessi qabatamaan amma Finfinnee irraa arganne kan agarsiisu garuu akka namichi hojii isaa itti fufee jiruufi studiyoo “Haawwisoo Qeerroo Bilisummaa” jedhee moggaase banatee hojjataa jira. Mee ilaalaa Namnii ji’a lama guutuuf maqaaf suuraan isaa miidiyaan faca’aa ture, kan amma ammoo ABOf dalagaa turuun hayyu dureen labsame, nagayaan Finfinnee keessatti Istuudiyoo banatee yoo jiraatu!
Maaltu deemaa jira jarana? Namni dhaaba goototnni meeqa itti wareegaman hogganuu basaastuu ilmaan Oromoo dhibbataman galaafate irraa maalif garaa kutatuu dide? Waatu jira

Obbo Boruu Barraaqaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago