Categories: Oduu Oromiyaa

Iccitii “Maastar plaanii” Wayyaanee fi Danbalii Galaana Uummataa Oromoo

Iccitii “maastar Plaanii Wayyaanee” marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa.

Marsaa 1ffaa:- Tooftaa “magaalaa Finfinnee babaldhisuu” jedhuun jiddu gala Oromiyaa (Showaa) handhura Oromiyaa keessaa addaan kutanii maqaa biraa itti moggaasuu dhaan bulchiinsa Mootummaa Federaala Itoopiyaa (TPLF) jala galchuudha. Kana jechuun Oromiyaan jiddu galli keessaa citee inni afe baha Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa tti addaan qoodama jechuu dha. Aadaan Oromoo, Afaan Oromoo fi qabeenyi lafa Oromoo naannoo kana tti argamu qaama kabiraa tiin dhuunfama, ni mancaya jechuu. Uummanni miliyoona heddu tti lakkaawamu Qee isaa’rraa buqqa’ee beelaa fi rakkoon gidirfama, kaanis lubbuu isaa dhaba jechuu dha. Haalli kun ilmaan Oromoo biyya keessa fi biyya alaa jirtaan mormii guddaa akka kaasan taasisee jira. Sochiin bara darbee fi barana gaggeeffamaa jiru kanaan wal-qabatee akka ta’e namni Oromoo martinuu quba qaba. Uummata Oromoo qofaa otoo hin ta’iin Uummanni Addunyaa martinuu haala kana media’alee adda addaa’rraa hubachaa jiru.

Marsaa 2ffaa:-“Maastar Plaaniin” kun Finfinnee qofaan kan dhaabbatu otoo hin ta’iin Magaaloota Oromiyaa adda addaa akka malee babaldhisuu dhaan, magaalota hundaa walitti fullaasuu dhaan Mootummaa nannawa Oromiyaa harka fuudhanii, Bulchiinsa Federaala Itoopiyaa (TPLF) jala galchuu dha.

Marsaa 3fdfaa:- Nannawa Oromiyaa qofaa otoo hin taa’iin, magaalaa sabaa fi sab-lammootaa keessatti argaman (magaaloota naannoo mootummaa Amaaraa, Beenshaanguli Gumuzi, Gaambeellaa, Ogaadeeniyaa, Affaar, Sabaa fi Sablamoota kibba Itoopiyaa keessa tti argaman) tooftaa dhuma wal-fakkaatun magaalota babaldhisanii, walitti hidhuu dhaan magaaloota sabaa fi sablamootaa hundayyuu bulchiinsa federaalaa Itoopiyaa (TPLF) jala galchuu dhaa.

Akka walii galaa tti, tooftaan Wayyaaneen dhaan gaggeeffamaa jiru kuni, Naannawa Oromiyaa keessa ttis ta’ee nannawa Sabaa fi Sablamoota Itoopiyaa hunda keessa tti “Maastar Plaaniin” bifa armaan olitti ibsame kanatti kan karoorfameef, nannawa Albuuda adda addaa qabu, naannoo lafa gabbataa hoomisha midhaaniif ta’u, nannawa Warshaan hammayyaa irratti ijaaramuu danda’u, maraa tooftaa dhaan bulchiinsa naannolee harkaa fuudhanii, guutumaan guutuu tti, towannoo itti fayyadamiinsa Wayyaanee jala galchuudha.

Kuni’mmoo akka barbaadani tti “investaroota” biyya adda addaa tti, qabeenya Uummataa kan ta’e lafa akkuma salphaa tti, itti gurgurachuu isaan dandeesisa. Akkuma walii galaatti Bulchiinsi Godina Tigiray babaldhatee, hanga daangaa Somalia, Sudan, Kenya, fi Djibouti tti fulla’a jechuu dha. Fulla’uu qofaa otoo hin ta’iin daangaa biyyoottan kana’llee cabsee keessa seena jechuu dha. Bifuma wal-fakkaatuun naannawa magaalaa Asab hammatee, Galaana Diimaa qaxxaamuree, hanga daangaa biyya Yemen tti fulla’a jechuu dha. “Maastar Plaaniin” daangaa cabsee biyyoota ollaa seenu kun’llee oolee bulee yeroo hubatame biyyoonni ollaa gocha wayyaanee kana falmachuu’rraa duubatti waan jedhan miti.

Egaa marsaan “maastar plaanii” 1ffaa (Maastar Plaaniin Finfinnee) Dambalii Galaana Uummataa daandaa hanga daangaa tti Uummata Oromoo sochoosee falmachiisaa jira. Haala marsaa 2ffaa (Magaalota Oromiyaa walitti hidhuu dhaan Bulchiinsa Federaalaa (TPLF) jala galchuuf karoorfamuun isaa ifa bahaa wanta jiruuf, hojjataan mootummaa, Qondaalonni OPDO, hidhatoota gandaa eegalee Polosoota Oromiyaa fi Loltuun Saba Oromoo’rraa dhalatan martinuu sochii Danbalii Galaanaa Uummataa kana tti makamuun isaan waan hin oolle, ammaa eegalamee akka jiru odeeffannoon tokko tokko addeessaa jiru.

Dubbiin kun keessattuu “maastar Plaaniin” marsaa 3ffaa Oromiyaa qofaa otoo hin ta’iin sabaa fi sab-lammootaa Itoopiyaa keessa jiran hundaa kan rifachiisuu fi kan mirgaaf isaan kakaasuu dha. Kanaafuu maqaa “Master plan” jedhuun Uummata Oromoo buqqisuu fi bittimsuutti tooftaan xiyyeeffatame kun oolee bulee nannoo’llee hundayyuu (Sabaa fi sab-lammoota Itoopiyaa keessa jiran hundayyuu) dabaree dabaree dhan wanta isaan qaqqabuudha. Kanaafuu sirna Uummata miidhaa jiru kana ufirraa falmuu dhaan mirga sabaa kabajachiisuuf akkasumas Bilisummaa dhugaa gonfachiisuuf naannoleen hundumtuu sochii Uummanni Oromoo gaggeessaa jiru kana (Danbalii Galaana Uummataa) kana waliin dhaabbachuu dhaan mirgaa fi dirqama Sab-lammoota Itoopiyaa keessa jiran hundaa ta’uu qaba!

Danbaliin Galaana Uummataa keenyaa Mirgaa fi Bilisummaa haa qaqqabu!

Waan Bayeessa haa Hojjannu!

Bakkaanga’aa Margaa

Bu’uuressaa Oromummaa foundation fi

Wixineessaa WTUOGA

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago