Categories: Oduu Oromiyaa

Iccitii “Master planii” TPLF isa 2ffaa.

Marsaa 1ffaa; Tooftaa magaalaa finfinnee babaldhisuu jedhuun jiddu gala Oromiyaa (Showaa) handhura Oromiyaa keessaa addaan kutanii maqaa biraa itti moggaasuun bulchiinsa “Federaala TPLF” jala galchuudha, kana jechuun Oromiyaan jiddu galli keessaa citee inni afe baha Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa addaan qoodama jechuu dha. Aadaan Oromoo, afaan Oromoo qabeenyi Oromoo qaama kabiraa tiin dhuunfama jechuu dha. Haalli kun ilmaan Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jirtaan mormii guddaa akka kaasan taasisee jira.

Marsaan 2ffaa; Akkuma Finfinnee kana magaalaa Oromiyaa adda addaa akka malee babaldhisuu dhaan bulchiinsa “Federaala TPLF” jala galchuu dha. Oromiyaa qofaa otoo hin taa’iin magaalaa sabaa fi sab-lammootaa hundaa keessatti tooftaa dhuma wal-fakkaatu hojiirra oolchuu dha. Tooftaan “Master planii” 2ffaa kun magaalaa sabaa fi sablamootaa hundayyuu bulchiinsa federaalaa jala galchuu dhaa, nannawa albuuda adda addaa qabu bulchiinsa naannolee harkaa fuudhanii bulchiinsa federaala/TPLF jala galchuudha. Akkuma walii galaatti Bulchiinsi Godina Tigiray magaalaa Addis Maqalee jedhuun babaldhatee, hanga daangaa Somalia, Sudan, Kenya fi Djibouti tti fulla’a. Bifuma wal-fakkaatuun magaalaa Asab ammatee hanga Galaanaa diimaa tti fulla’a jechuu dha. Mapiin armaan gadi tti maxxane iccitii “Master planii” TPLF isa 2ffaa kan saaxiluu dha. Egaa dubbiin kun Oromiyaa qofaa otoo hin ta’iin sabaa fi sab-lammootaa Itoopiyaa keessa jiran hunda kan rifachiisuu fi kan mirgaaf isaan kakaasuu dha.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago