Categories: Oduu Oromiyaa

IJAAN QALAAN KAL’OO HIN URRE !!!

DHiheenya kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?”  jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture.

BY Bosona Oromiyaa @gmail.com

Kanarraa  ka’uun  Tultuu Juneeydii Saaddoo Dalage fi Badii inni dalage akka fkn kaasuun  gaggabaafse isiniif eeruu barbaade .

Badii fi Galata Obbo juneeydii saaddoo Ummata oromoof godhe wal madaalchisuun yaada kennaa .

1 Badii ykn Dogoggora isaa Irraa inni Ijoon waan tokko Qofa kan ani beeku .

1 . Mallasaan dogoggorsuun Ahhabashii Biyya akka galchan irratti irraa fuudhuu fi keessa harka naqatuun Ahhabashiin akka biyya seentu godhuu isaati .

GALATA ISAA IRRAA !!!

1 . Duula karaa sumaalee fi sablammoonni xixiqqoon wayyanonni ummata oromoo irratti raawwachuuf kaahan dura dhaabbate .

2 . Dachii oromiyaa lafa duwwaa jirtu tan wayyaaneen nama isii Tigraayirraa fiddee oromiyaa keessa kutaalee shawaa , wallaggaa , Jimmaa Baalee Arsii fkn f irra qubsiisuuf karoorfatte dura dhaabbatuun ummata keenya kan beelaa fi hoongeen saaxilaman Kutaa Harar irraa fuudhee irra qubsiisuun kan dura dhaabbatedha .

3 . Namni Afaan oromoo hin beekne Dachii oromiyaa keesatti Waajjiraalee fi kampaanilee dabalatee baankile oromiyaa keesa akka hin hojjanne kan godheedha .

4 . Naafxanyoota Amaaraa nama 30,000 ol kan tahu Xoorataa bahee taa’ee mindaa nyaatu kan irraa kute isa .

5 . Saboota xixiqqoo OROMIYAA Keessa jiran Dachii oromiyaa keessa qubatanii jiran akka itti gaafatama gurguddaa ummata oromoo irratti hin arganne kan godhe fi dura dhaabbate isa .

6 . Siidaa Gootota oromoo akka dhaabbamuuf kan jalqaba taraarrii kaahee fi sagantaa baase Obbo Juneeydaa Saaddooti .

7 . Galma Abbaa Gadaa kan Ijaarsisee fi Ebbise Isa tahuu kan hin dhokanneedha . Ragaa isa kanaa Ali Birraa Biyya alaa iraa Galchuun Mirga Wabiitiin sirba Abbaa gadaa akka sirbu kan godhe tahuudha .

8 TVO Kan kan Asaasa kaafi akka banamu kan godhe kan bansiise Obbo juneeydiidha .

9 . Filmaata bara 2005 Akka lakkoofsa adunyaatti Qinijjit wayyaanee moote Zarraaf jette kan mallasaa fi tigreen bakka seentu wallalte mumuqqaali wixii isaan dhoorkee akka isaan biya deebitee hin qabanne godhe Juneeydiidha .

10 . Lafa seenaa Aanolee kan ummanni Arsii Qofti 190, 000 ol irraa dhume kan dhiira harka muranii haawwota teenya Harma Muranii , kan hafe Qaama saalaa irraa muranii fi DHiira teenya itti kolaasan seenaa kana kaasee kan dhaabee fi galmi seenaa kanaa akka dhaabbatu kan godhe isa . kan aanolee kanarratti wanti Obbo Juneeydiin dalage waa lama gurguddoodha . 1 Bakka seenaa kanarratti Siidaan akka dhaabbatu dhodhuu isaati . 2 . Yeroo naafxanyoonni Qinijjin filmaataan moohan Ummata Arsii Baaleen hanga dalla mannaatti miilaan keessa deemee Ummata walitti yaasee Amaara kaleessa harma isinirra murteef darbitanii jechuun ummata kakaasee filmaanni irra akka deebi’u godhuun Kutaa Arsii fi BAALE Qofaan deebisee Amaara qinijitiidhaan kan ariisise tahuu isaati .

11 . Seenaa Calii Calanqoo kan dhokate akka hin dhokanne kan ol baasee fi Siidaan Calii Calanqoo Bakka isaatti akka dhaabbatuu kan godhee fi bu’uura kan kaahe isa .

12 . Yeroo inni Bulchiinsa Mootummaa naannoo oromiyaa tahetti Ummanni oromoo jaalatuu bira kutee waraana nama isa eegu tokko malee Dachii oromiyaa tana keessa Baadiyaa Maqaalaa Baddaa gammoojjii keessaa miilaan deemuun hawaasa isaa wajjiin haasawa garagaraa kan godhaa tureedha .

13 . Bishaan dhugaatii ummata oromoof kan jalqabaaf bu’uuree fi ummata biraan gahaa tureedha . Daandii konkolaataa magaalarra gurguddoo irra magaalalee wal qunnamsiisuu fi baadiyaa keessa akka diriiru kan godheedha

14 .  Mana barnootaa magaalalee fi baadiyaa ganda ganda keessatti akka ijaaramu kan godhee fi bu’uure isa ture . Baattoonni akka afaan oromootii hanga kollejjiitti baratamu kan godhes isuma ture . barumsis hanga kutaa 12 tti kan kaahe fi hujirra akka oolu godhe isa ture .

15 Univaristiileen akka oromiyaa keessatti banamu kan godhe isa ture . isa kanas kutaalee oromiyaa cufa keessatti akka banamuu fi barattoonnis baasii hin taaneef akka hin saaxilamne akka naannoo isaaniitti baratan barnoota ol aanoo kan godheedha .

16  .  Jeneraal Waaqo Guutuu Abbaa qabsoo hundaa  kan simatee Reeffa isaanii kabajaan Biyyatti akka galu godhee fi Awwaalamu kan godhes  Jeneeydii Saaddooti . kan kan isiniif mirkaneessu gaafa JAARRAA ABBAA GADAA Du’e   isa kana maaf hin argatin ummanni oromoo . Du’uu jaarra abbaa gadaa  ummanni oromoo biyya keesa jiru harki caalu osoo hin dhagahin galuu isaatis hin dhagahin kanuma qabri galan  dhagahani .  kanaafuu Juneeydii fi Alamaayoo wal madaalchisuuf deebii isa salphaadha .

17  . Obbo Juneeydii Saaddoo Gaafa inni OPDO Dabalamu OPDO   DHibbarraa harka 30 % hin caaltu ture .  Inni achirraa fuudhee dhibbarraa harka 57 % irraa kan gahes isuma kana

18  .  Xayyaara oromiyaa Guddaa jalqabaaf namni bitee Alaabaa oromiyaa fi barruu afaan oromootiin  Mallattoo oromiyaa ilaalu qopheessee mAdunyaa tana cufa keessa akka balali’u kan  godhuuf bu’uure isa ture . isa kana dura bu’anni akka galma hin geenye ergamtoonni wayyaane kan akka kumaa  fi  leencoonfaati dura dhaabbatani .

19  . Abbaa Duulaa Gammadaa    oromoo miti kanneen jedhanii dura dhaabbatan  Leenco , marararaa ,  Bulchaa dammaysaa  fi warri gama isaaniitiin jiran kan oromummaa iraa mulquu fi akka diina jedhaniin kan dura dhaabbatan . Obbo  Juneeydituu mormeeni inni oromoo jedhuun ummata oromoof himeefi ummanni oromoo akkia isa jaalatu kan dheedha .

20  . Magaalaa oromiyaa gudditti kan kumaan dammaysaa Finfinnee irraa Adaamatti jijjiire isatuu akka finfinneti ol deebitu kan godhes isa . waajjira  Guddaa OPDO  Finfinnetti  ijaaramee fi TVO Finfinnee dame lama akka qabataanii fi  irraa fayyadaman kan sagantaa kana baasee fi hujirra akka oolamu kan dheedha .

Walumaa galatti galata obbo juneeydiin Saaddoo ummata oromoof godhe waan dubbatame dhumu miti ani fknf keessa keessa kaase malee . kanaaf Toltuu inni ummata oromoo godhee fi badii ini ummata oromoo irrati dalage wal madaalchisuun ni dandahama . kan abbaa duulaa dalagani hujiti hiikan dhibarraa parsantiin yoo kenne 93 ol kan juneeydiin kaahe . Abbammaan duulaatuu Galateeffamuu fi faarfamuu kan qabuudha . innummanuu san hujitti hiikuun galata gudaadha .

YAADACHIISAA FI WAL HUBANNOO ###

Ani yaada koo osoo hin goolabin akka waliif beknuu fi wal hubannu kanneen wayyaanee wajjin jiranis tahe biyya alaa akkanuma  Gaazexeessotaa fi  kanneen miidiyaalee oromo hundeessitanii itti gaafatama ummata oromoo ufirra qabdan cuftuu .

*** Namni  Tokko Diin islaamaatiin loluu fi balleessuuf  yoo ka’e takkaayyuu keessa harka qabaate  Rabbiin  isa kan hin dhiifne tahuu cufti keenyaa beekuu qabna .

***   Olomaa’onni keenya rabbitti boohanii   Mallasaa fi Alamaayyoo Atoomsaa  rabbiin dhabama akka isaan godhu , ija isaanii duraa boolatti  dukkanaatti akka isaan darbamanii fi adunyaa tanarratti isaan xiqqaatan kan godhaniidha .  Juneydii saaddoo badiin isaa hammana waan hin geenyeef gara biyya alaatti  Abaaran  .

Kanaafuu akkuma jaalli koo ana dura ibsuu yaaletti Yeroo ammaa kana Obbo Juneeydiin sababaalee adda addaatiin, fakkeenyaaf qaaneffachuudhaan yookaanis waan itti amanee hojjechaa ture sanarratti hanga lubbuun isaa dabartutti irratti cichuudhaan of dhoksuu waan maluuf, gadi bayee dubbachuuf tarii fedhii qabaachuu baatus, otuu gabaasni kun uummataaf hin dhiyaatin dura Obboo Juneeddii ofitti dhiyeessanii wajjin dubbachuun ykn haasa’uun tooftaa gaarii ture jedheen yaada.

***Kun silaa karaa lamaan carraa bana ture.   

Tokkoffaa, Obboo Jundeeddiin gadi bayee waan ta’e hundaa uummata isaatti ibsuu fi achumaanis dhiifama gaafatee, xinnaatullee boqonnaa sammuu akka argatu carraa isaaf bana ture.

Lammaffaa  ammoo, innumtuu (Juneeddiin) waayee kana dubbachuuf fedhii kan qabaatu yoo ta’e, mootummaa Wayyaanee keessatti nama bakkee guddaa (taayitaa olaanaa) qabaachaa ture waan ta’eef (badii inni uummata Oromoorratti dalage akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti) waan diinni godhaa ture fi jiru akka saaxilu fi hawaasota addunyaatti akka himu malaan ittifayyadamuun ni danda’ama ture.

****** Waa’ee juneeydii  saaddoo kanaan yaada koo isiniif goolaba .  Juneeydii saaddoo  Huccuu Qulqulluu kan  xuriin fiinxa ykn caafi takkaan tuqe goonee  bakka san irraa  murree itti fayyadamutuu nurra  eeggama .  Kanaafuu ”  Sa’a abbaan Gaafa Cabse Ormi IJA Balleessa ” jedhamaa miire .

Galatooma .

BY Bosona Oromiyaa @gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago