Adoolessaa 2014
Labsa Waxabajjii 28, 2014 baasaniin, dhaabotni SHG-ABO fi QC-ABO “jedhamuun beekamaa turre gargarummaa nu gidduu jiru furannee, dhaabicha deebisnee tokkoomsuu keenya ummata Oromoo, deggertoota fi firoottan Qabsoo Oromoo hunda oggaa beeksisnu gammachuu guddaani.” Jechuun saanii ni yaadatama.
Labsa kanatti aansuunis, mataan SHG-ABO, Obbo Daawud Ibsaa, midiyaalee Oromoo addaddaaf dhimma kana irratti bifa gaaffii fi deebiin ibsa kennaa turuun saanii ni beekkama.
Akeekin xalayaa kana gaaffiilee gaafataman keessaa dhimma baqaqa ABO (2001), araara SHG-ABO fi QC-ABO, fi barnoota baqaqiinsa kana irraa horatame jechuun deebii isaan kennaan xinnxaluu fi bakka sirreessuun fessisutti sirreessuu dha. Xiinxala kanaaf Gaaffii fi Deebiin irratti hundoofinu kan OMN isaan wajjin geggeesse fi kan kutaa sadii qabu Adoolessa 14, 16 fi 17, 2014 raabse taha.
Gaffii “Duraan maal irratti wal dhabdan, amma hoo maal irratti walii galtan?” jedhuu yeroo deebisan, Obbo Daawud;
“QnC kan himatan , kaayyootu caphe ykn sharafame jedhan. Gama keenyaan kan jenne, kaayyoon caphe hin turre; kan sharafames hin jiru, seera caphsitan janneeni;
Teenyee eega marihanne booda, wanni irratti wal dhabne, waanuma xixiqqaa waan taheef, isa kana mariin fixannee jirra;
Rakkoo jirtu jarmayaa keessatti furatuu dha malee jarmaaya keessa achi bahanii of ijaaruun QC-ABO dhaaba keenya miidhe, dadhabsiise; uumata fi miseensaa keessati illee kun rakko guddaa uumee jira. QnC akka achi itti bahe, sirrii tahuu dhabuu isaa itti himaa baane. Kana walii galchinee ykn “sort-out goone” jirra
Jechuun, rakkoo dhaabicha keessatti dhalatee dhaaba keenya facaase fi QBO bara hedduu boodatti deebise jedhamee tilmaamamuf QC-ABO cubbamaa godhanii maqaa saanii fi maqaa Shanee qulqulleessuu yaalan.
Dhimma kana irratti deebiin Obbo Daawud kennan gonkumaa kan dhugaa irraa fagaate fi kan sirressuun barbaachisu dha. Warri waliigaltee kana maqaa QC-ABOn Obbo Daawud wajjin mallatteessan akka Obbo Dawuud jedhetti walii galan miti yoo ta’e akka qajeelchaniif yeroo hamma tokko kennineefii dhaggeeffannee turre. Ha ta’u mlaee, hamma ammaatti deebii hin kennin jiru. Gaaffii fi deebii kana dhagahuu dhabuu ykn akkuma Obbo Daawud ibsetti balleessaan kan saanii ta’uu fudhatanii waliif galan irraa ta’u mala – waan beeknnu hin jiru. Kan nuti beeknnu garuu dharri (sobin) irra deddeebi’ee himame fi osoo hin sirreffamin ture dhugaa fakkaacaa deemuu isaa ti.
Kanaaf, nuti, kanneen yeroo dheeraaf miseensota ABO taane garuu waliigaltee Obbo Daawud fi murnni “QC-ABO” jedhee of moggaase mallatteessan irra qooda hin fudhatin hafnne dhugaa jiru barruu kanaan ibsuuf dirqamnne.
Nu hofkalchaa!
Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo wabii walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo ta’uutti gad-fageessinee amanna. Tokkummaa nuti itti amannu garuu kan: (a) hundee tokkumaa dhabuu keenyaa xiinxalee hubate fi furmaata itti soqe; (b) kan qormaata hundee rakkoo keenyaa fi furmaata isaa irratti miseensota dhaabichaa hunda qooda fudhachiise; (c) kan qabsaa’ota kaayyoo QBOf hoijjetan hunda hammate; (d) kan aadaa hojii dhaabichaa jijjiiruun QBO jabeessuuf akeekkate fi karoorfate. Tokkummaa qabsaa’ota Oromoo isa dhugaa fi isa QBO gargaaru fi shaffisu argamsiisuuf carraaquun keenya ammallee itti fufa.
“Tokkummaan” amma dhaadheffamaa jiru kun garuu, “Tokkummaa”: (a) hundee rakkoo baqaqiinsa kana uume qoratee, hubatee, gaafatama barbaachisu fudhate fi fuula duraaf irraa barate miti; (b) ilaalcha hoogganoota ABO “kan wal lolus hooggana, kana araaramus hoggana; Miseensi maal keessaa qaba? Wal lolaa yoo jenne wal loluu malee, araaramaa yoo jedhan araaramuu malee!” jedhu irratti kan hundaa’e dha. Kanaaf, kan QBOf bu’aa buusu ta’ee nutti hin mul’atu. Irraa of qusachuun keenya hubannoo kana irraa madde.
Gara dhimma kaaneefitti yeroo deebinu, akkuma asiin olitti jenne, gaaffiilee gafatamaniif deebiin Obbo Daaud kennan kan dhugaa irraa fagaate dha.
Mee jechi saanii “kaayyoon caphe hin turre, kan sharafames hin jiru” jedhu hammam dhugaa ykn soba akka ta’e hubachuuf ibsaa jala ha qabnnu.
Ragaa QnC-ABO yeroo dheeraaf dhiheessa turetti ni deebina. Mee dura haasaa fi jiruu Obbo Daawud keessa dhimma kana irratti ragaa jiran hedduu keessaa lamaan tokko haa ilaallu.
Inni duraa, gaaffii fi Deebii Bitootessa 29, 2006 gaazexaa “Les nouvelles d’Addis” jedhamu tokkoof kennan. Gaaffiin dhihaateef “Could OLF become a governmental party in Ethiopia? If it could, [under] which condition?” (ABOn mootummaa Itoophiyaa keessatti dhaaba siyaasaa tokko ta’ee qooda fudhacuu ni danda’a sitti fakkaataa? Yoon ni danda’a jette haala akkamiin?) kan jedhu ture.
Obbo Daawud akka armaan gadiitti deebisan.
OLF has been trying to get the support of governments and international organizations to transform itself into a party …. That did not happen in the last 14 years and OLF remains a front- against its will. The OLF wants to participate in the political process as a party or as a political organization. (http://nfrance.com/~eq10357/P10_magazine/15_grandentretien/15050_itvOLF/15050_itvOLF_eng.html)
Afaan Oromoon:
ABOn dhaaba siyaasaa mootummaa Itoophiyaa keessatti hojjetutti of jijjiiruu irratti gargaarsa mootummootaa fi dhaabita addunyaa argachuuf yeroo dheeraaf carraaqe. Kun baroota kudha afuran (14) dabran keessatti ta’uu hin dandeenye. Kanaaf, ABOn fedhii saan alatti adda bilisummaa ta’ee jiraata. ABOn sirna polotikaa [Itoophiyaa] keessatti akka dhaaba siyaasaa tokkotti qooda fudhachuu barbaada.
Obbo Daawud, har’a yeroo kaayyoon jijiirame hin jiru jedhan, waan gazexessaa kanatti himan irraanfataniiti moo dhugaaf kabaja dhabuu saaniitii? Kana dubbisaan ha murteessu jennee bira tarra.
Rgaan isa lammataa afaan Ambaasaddara USA bara 2008 keessa Asmara (Eritrea) ture irraa dhageenya.
Obbo Daawud, Waxxabajjii 19, 2008 Ambaasaddera USA kanatti iyyachuuf waajira saa deemanii turan. Ambasaddorri kun, Waxabajjii 24, 2008, iyyata Obbo Daawud gara waajjiroota mootummaa saanii addaddaati ergee (cable) ture. Akka inni jedhutti:
“He [Mr. Dawud Ibsa] argued that the United States should press Meles to allow true democracy and the full implementation of Ethiopia’s federal constitution …” (https://www.wikileaks.org/plusd/cables/08ASMARA334_a.html)
Afaan Oromoon:
Kan inni [Obbo Daawud] gad jabeessee iyyatu akka Mallasaan dimookraasiin dhugaa fi heerri feederaalumma Itoophiyaa guutummaatti akka jiruu irra oolu hayyamu akka mootummaan USA dhiibbaa godhu dha.
Ambasaddorri USA kun itti fufuun, waan Obbo Daawud isaan jedhe yeroo barreessu:
The OLF, as described to us by Chairman Dawud Ibsa, faces … big challenges. First, the OLF needs to generate some hope of a democratic opening in Ethiopia, given the organization’s belief in its promising prospects in a fair election. (https://www.wikileaks.org/plusd/cables/08ASMARA334_a.html)
Afaan Oromoon:
ABOn, akka Obbo Daawud Ibsaa (Dura Taa’aa) natti himetti, rakko gurguddoo … qaba. Inni duraa, ABOn, yoo filmaatin bilisi [Itoophiyaa keessatti] gegeeffame “nin mo’a” jedhee waan yaaduuf Itoophiyaan sirnna dimookraasii banaa taati abdii jedhutti rarra’uu filata.
Mee hubadhaa laalaa! Iyyaata Obbo Daawud mootummaa USA tti dhiheeffatan kana keessaa isa kamttu kaayyoo ABO wajjin deemaa? Heerri “Federaalummaa” impaayera Itoophiyaa akka jiruu irra oolu iyyachuu? Moo, impaayera Itoophiyaa dimookraatessuu abdii jedhutti rarra’uu? Obbo Daawud maaliif faranjii fi habashaatti akka tokkotti, Oromootti ammo akka biraatti kaayyoo saanii ibsuu? Kaayyo ABO wallaalan moo heerri fi sagantaan siyaasaa ABO isaan hin daangessuu? Deebi kana hunda dubbiftootaaf dhiifnnee bira tarra.
Mee ABOn bara 2001 keessa bakka lamatti baqaquusaa dura dhaabicha keessatti waan jeequmsa umee fi dhaabicha facaase ha ilaallu.
Kan baqaqiinsa ABOf hundee ta’e Obbo Daawud Hayyuu Duree (HD) ABO ta’anii baatii jaha (6) osoo hin turin kaayyoo ABO jijjiiruu yaaluu saaniiti. Sadaasa 1999 keessa HD ABO ta’ee mudame. Amajjii 2000 keessa “ABOn sirnna impaayerichaa hundaaf wal-qixa ta’e keessatti qooda fudhachhun Itoophiyaa dimookraatessee rakkoo Oromoof furmaata argamsiisuu danda’a” jedhee dhabicha kessatti barruun facaase. “Kun kaayyoo ABO kan faallessu dha. Kaayyoo ABO jijjiirruf kan mirga qabu Kora Sabaa (KS) ABO qofa.” jedhanii miseensonni dammaqoon harkatti didan.
Fedhiin Obbo Daawud garuu, kaayyoo dukumantii dhaabaa irra jiru akkuma jirutti dhiisee lafa jala faallessuuf hojjechuu ture. Kanaaf, KS-ABO waamuu fi irratti dhiheesuu hin feene. Akkuma G fi D kana keessatti of irratti ragaa bahe, amntiinsaa “Addi Bilisumma Oromoo olantumma nam tokko utuu qabaate yoona kana caala jabaate fagoo deema ture” kan jedhu waan tureef heera dhaabichaa fi mirga miseensotaaf kabaja hin qabu ture. Dhimma kana irratti dhaabicha keessatti dura maree geggeessuu didee, Guraandhala 2000 keesa, “ajandaa nagaa”, kan heera Itoophiyaa fudhachuusaa fi qabsoo hidhannoo toobbachuuf qophaa’aa tu’uu isaa addnyaatti labsu raabse. Miseensonni irra deddeebi’anii dhimmi kun dhaabicha keessatti akka mareen hiikamu waamicha godhanille obbo Daawud gurra kennuufii dide. Amantiin saa ABOn “olantumma nama tokko utuu qabaate … kana caalaa jabaatee fagoo deema” jedhu itti cimaa waan tureef mareef banaa ta’uu hin dandeenye. Kittillayyootasaa wajjin kanneen yaada saa (Itoophiyaa dimookraatessuu) dura dhaabbatan hunda maqaa xureessuu, dhaaba keessa ari’uu fi ariisisuu fi du’a itti muruutti bobba’e.
Dhugaan dhaaba Oromoo jaallatamaa fi kabajamaa ta’e ABO baqaqsee, qabsaa’ota facaasee, QBO baroota hedduun boodatti deebisee isa kana! Obbo Daawud fi kittillayyooni isaanii, heera dhaabicaa cabsuun, murtii Kora Sabaa malee, haraka lafa jalaan kaayyoo dhaabichaa Itoophiyaa dimookraatessutti jijjiiruu yaaluu fi miseensota heera dhaabicha fi mirga saanii falman diineffachuu fi mareen rakkoo ummame hiikuuf fedhii dhabuu saanii ture.
G fi Dn OMN obbo Daawud wajjin geggeesse kun, dhimma kana irratti, qabxiilee sadii akka gaariitti addeesse. (a) Badii sanii balaa hammanaa hin jedhamnne QBO irraan gahe fudhachuufillee jabina (courage) dabuu saanii; (b) Badii saanii kana irraa barachuu dhabuu saanii; (c) Miseensota dhaabicha Kaayyoo fi heera dhaabichaa fi mirga saaniif falmantti cubbuu saanii haqachuu yaaluu saaniiti. Kun kan hedduu nama gaddisiisu.
Mee jecha isaanii “wanni irratti wal dhabne, waanuma xixiqqaa …” jedhu xiimxallee ha laallu.
Baqaqiinsa ABO irran kan ka’e balaan ummata keenya fi miseensota keenya irra gahe ifaa waan ta’eef asitti irra hin deebinu. Akka Obbo Daawud jedhutti, hoogganoonni ABO, wanuma xixiqqaa irratti wal-dhabanii ummata keenya fi qabsoo isaa irratti baadisa hammana hin jedhamnne geessisan. “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabanii ilmaan Oromoo bakka lamatti qooduun qawwee itti hiranii wal-waraansisan; lubbuu saanii qaalii qisaasan; kaani abdii kutachuun Wayyaaneetti akka harka kennatan godhan. “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabanii ilmaan Oromoo naanoo fi gandaan hiramanii wal-irratti bobba’uuf saaxilan. “Waan xixiqqaa” irratti wal-dhabanii mana murtii USA tti QC-ABO yakkanii maallaqaa maqaa QBOn ummata iraa funaanan kan kumaatamaan lakkaawwamu abokaattota Ameerikaa irratti qisaasan.
Hogganni “Wanuma xixiqqaa…” irratti wal-dhabee ummata, miseensa fi dhaaba saa balaa hamaa akkasiif saaxle boris badii saa kanatti hin deebi’u jedhanii amanuun akkamitti dada’amaa? Kan badii saa dabre amanee hin fudhatin, fuula duratti badii fakkaataa irraa of eegachuu akka hin dandeenye beekkamaa dha. Obbo Daawud garuu, akkuma armaa olitti ibsine, irraa barachiin ha hafuu badii saa dabrellee amanee hin fudhanne.
Jarana, mee hubadhaa ilaalaa!
Maaluma waan xixiqqoon irratti wal dhaban kunii? Akka Obbo Daawud ibsanittu, QC-ABO kan jedhe ShG-ABOtu kaayyo cabse dha. ShG-ABO ammo kan jedhe QC-ABO tu seera cabse dha. Mee kana keessaa kan “waan xiqqo” jedhamu isa kami? Kaayyo cabsuu moo seera cabsuu? Dhaaba tokko kan dhaaba jechisiisan Kaayyoo fi caasaa qabaachuu fi seera tumateen buluu saati. Kanaaf, kana keessaa tokkoollee faallessuun akka “waan xiqqoo”tti kan ilaalamu miti – abbaa irroootaan yoo ta’e malee!
Kan Obbo Daawud jedhan “kaayyoon cabe hin jiru, QC-ABO tu seera cabse” dha. Utuu seerri cabe jiraateelle, hogganni dhaaba tokkoo kan seeri cabu akka waan xiqqootti ilaalu seeraaf kabaja hammamii qabaa? Ilaalcha saanii kanaan, Obbo Daawud, aadaa hoogganoota ABO bara dheeraaf dhaaba keenya qancarsetti quba qaban. Innis, isaan biratti seerri yeroo akka uleetti miseensa irratti dhimma itti bahuu barbaadan malee yeroo hunda akka “waan xiqqoo” tti ilaalama. Heera fi seera dhaabichaaf kabaja hin qaban.
Gabaabaatti, kan kaayyoos faalleese, kan seera ABOs cabse Obbo Daawud fi kittillayyoota saaniiti. Kanaaf, kaayyoon caphuu fi seerii caphuun yoo “waan xixiqqoo” jedhan nu hin dhibu. Badii saanii kana hunda “QC-ABO”tti haqachuuf ija jabaachuun saanii garuu kan osoo hin saaxilin bira tarru miti.
Dhumarratti, dhugaaf kabaja qabaachuu fi badii ofii fudhachuuf jabina qabaachhun amaloota gaarii (quality) nama hooggana ofiin jedhu tokko irraa eggaman. Hoggana aynaa kana lamaan hin qabnne irratti amantaa fi abdii qabaachuun of gowwomsuu dha. Dhimma kana irratti, jaallan qbasaa’ota Oromoof of-eeggannoo cimaa dhaamnna.
Oromiyaan Ni Bilisoomtti!
Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 2014
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…