Baarentuu Gadaa Irraa//
Duraan Dursa Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2017tin Nu Gahe!
Akkuma beekamuu fi hunduu quba qabutti Sirna irreechaa kun weerara
minilikiirraa kaasee amma kufaatii Dargiitti akka aadaa Oromoo
ganamaa fi dhuudhaa Oromoottichaatti kabajamaa hin turre, asii fi
achitti dhoksaan kabajamaa ture, sirnoonni Oromoo weeraranii bita
aturan kun aadaa, duudhaa, afaan, seenaa fi eenyummaa Oromoo
balleessuuf waan danda’an hundaa raawwachaa waan turaniif sirna
irreechaa addabaabaayii bahanii kabajuuf baayyee rakkisaa ture.
Haa ta’uutii Qabsoo walirraa hin cinne ummanni Oromoo dhaaba isaa
ABO waliin taasiseen abbootiin irree kun kufaanii ummanni Oromoo
guutuu ta’uu baatuus aadaa fi duudhaa isaa darbees afaanii fi seenaa
isaa kabajechuu eegale. Kan kufaatii dargii hordoftee shiraa fi
afaan qawweetiin aangoo humnaan qabtte wayyaaneen garuu deebitee
ukkaamsaa eegalte, afaaniin aadaa, seenaa fi afaan saboota aguddisaan
jira jettus dhugaan qabatamaan jiru garuu akka aadaan, seenaa fi
afaan ummattootaa hin guddanne dhiibaa taasisuudha. Keessumaa irreechi
Oromoo bakka Oromoo kaabaa kibbaa, bahaa lixaa irratti wal gahu waan
ta’eef kan soda guddaan itti bule wayyaaneen waggoota hedduuf akka
irreechi kun hin kabajamnee fi namni irratti hin hirmaanne danqaa
hedduu taasisaa turte. Sirni Guddaan kun akka aadaa fi dhuudhaa
Oromootti akka hin kabajamanee fi Oromoon fedhutti hin gaggeeffamne
iddoo siyaasa ishii itti hololattu taasisuuf carraaqaa turte.
Haa ta’uutii ayyaanni irreechaa kun guyyaarraa gara guyyaatti bakka
tokkotti karaa Oromoo fi jaalattoota Oromoo fiduun kabajamaa jira,
galanni kan sabboontootaa, galanni kan qabsaawoota dhiiga isaanii
dhagalaasanii kanaan nugahanii haa ta’uutii Oromoon itti boonaa jira.
Wayyaaneen guddachuu sirna kanaa fi ummata Oromoo biratti jaalatamuu,
Oromoo walitti fiduu isaatti inaafurraa kan kaate waggaa waggaan
shiroota adda addaa uumtee, uffata namarraa yaasuurraa eegaltee akka
namni bakka irreechaa hin dhaqqabneef uggura adda addaa keechuus,
sirnichi dagaagaa ummanni Oromoo fi jaalattoonni aadaa isaa
guyyaarraa gara guyyaatti sirnicha caalaatti miidhagsaa , namoonni
miliyoonaan lakkaawwaman irratti hirmaachaa turaniiru.
Keessumaa hayyoonnii fi abbootiin gadaa Oromoo Sirna Kana Hambaa
addunyaa taasisuuf jabinaan rartti hojjecha aturaniiru, hojjechaas
jiru. Mootummaan wayyaanee garuu mootummaa shiftaa, mootummaa
saamichaa waan ta’ee fi waan ummata Oromoorraa hin rafneef akkuma
hunduu quba qabu uffata namarraa baasuu faaya nama saamuu , akka bakka
irreecha hin dhaqane nama danquu bira darbee bara darbe jechuunis
bara 2016 waraana isaa bobbaasee ajjeechaa jumlaa sukanneessaa ta’e
nama nagahaa, harka qullaa jirurratti raawwateera.
Daa’imti, manguddoon, dhiiraa dubartiin dhibbootaan lakkaawammanis
kuun rasaasaan , kuun bishaanitti namuun, kuun hallayyaa seenuun
dhumaniiru.
Dhugaa kanammoo Dhaabbnni mirgna namaaf falamu human raayi wochillee
osoo hin hafin gabasa kanaan duras, tibba kanas ibiddatti biinzina
naquu jedhuun baaseen ragaa baheera.
Egaa sirni akkanaaa kun irreecha dhufu irrattis waan walfakkaataa
hin raawwatu jedhanii eeguun rakkisaadha. Ammumaanuu kunoo
abbootiin Gadaa waliin wal mormii seeneera.
Abbootiin gadaa nuti waraana sirnichaa nageenya keessannan tikasa
jedhee numarsee nugooluu hin barabaannu, irreechi aadaa, irreechi
ofii isaatiifuu nageenya, nageenya keenya ammoo akka aadaa Oromootti
Fooleedhaan eegsifanna jechaa jiru, Wayyaaneen ammo karaa dubbi
himaa ishii ergamticha Nagarii Leencoo jedhamuu lakkii anumatu
hidhataa taankii qabu bobbaasee isin eega jechaa jira.
Maal akka irreecha barnaa irratti akeekkate ammo ishii fi ishii
qofatuu beeka. Haa ta’uutii ummanni Oromoo maaliyyuu dhufu akka
irreecha isaarraa hin hafne, akka aadaa, fi duudha aisaa dhugoomnfatu
haalli Oromiyaa keessa jiruu fi qophiin abbootii gadaa ifatti
mirkaneessaa jira.
Uumanni Oromoo keesumaa qeerroon Oromoo hundumaa akka dhufaatii saatii
deebisuuf qophii ta’uun mirkana.
Mootummaan wayyaaneen kun sirna abbaa irreeti, sirna humrii isaa
dheereeffachuuf waggoota 26n darban ummata Oromoo fixaa tureedha,
sirna saamichaati.
Sirna akkanaa kanarraa ammo yomiyyuu nageenyi hin eegamu, Oromoon
eegaas hin turre. Amma wayyaaneen jiruttis yoomiyyuu nageenyi hin
jiraatu. Amma kan ta’aa jiru umkmanni Oromoo nurraa bu’I jecha ajira
wayyaaneen ammo lakkii gateettii keerraa hin bu’u jettee ajjeechaa
raawwachuudha.
Sirni kun sirna hamaa fi sirna dhiiga bareeda. Kan biraa haa hafuutii
ajjeechaa bara darbe irreecharratti raawateefillee yoo ummatatti
qoosu afiifi hallayyaa bu’anii dhuman jedheeti siida afakkeessii lafa
irreecharraa fageessee dhaabe. Kun qoosaadha. Gongumaa ajjeechaa inni
raawateef kan bakka hin buunee dha.
Har’a Oromoon wayyaaneerraa siidaa hin eegu, Oromoon wayyaaneen yoom
nurraa baaii eegacha ajira. Qabsoon gaggeeffamaa jirus kanumaa fi.
Kun ammoo amma dhugoomutti sobaa fi sossoba kamiinuu kan duubatti
deebi’u hin jiru.
Irra deebidhaan irreecha gaarii irrecha milkii fi injifannoo nuuf haa
ta’u jenna@!
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…