Akka Motummaan tokkummaa Sovetii (Moskoon ) dhuma 70 keysaa biyya Afghaanistaan sentee bulchiinssa soshalizim Sovetiin hogganamu gadi hundeysiteen Islaamonni warra Afghaanistaan Motummaa Yeroo san kaabul bulchitu fii tokkummaa Sovetiirratti jihaada labsan , Jihaada yero sanii kan hogganaan Dinaggey fi Meshaa Lolaatiin USA , KSA fi Motummaa Pakistaan hoggaa tahan 80 keysa jihaadonni kanneen Motummaa Raashiyaa akka malee waranaa turuun isaanii ni yaadatama , Garuu sennaa fi egallii 90 keysaa Raashiyaan Afghaanistaan keysaa waraana isii baasuuf dirqamte .
Mujaahidonni warreen Loltota Arabaa hogganan keysaa inni angafaa 1ffaan Usammaa Bin laadin biyya sa`udiirraa 2ffaa Abdallaa Azzaam biyya Jordon irraa dhalataa falasxiin hoggaa tahu 3ffaa Dr. Eyman Al zawaahirii biyya Masrii irra tahudhaan mujaahidota biyya arabaa adda addaa keysaa dhufan warra lolchiisaa turaniidha :-
Garuu Raashiyaan afghaanistaan gadi dhistee bahuuf dirqamuun isii fii warrii mujaahidota Afghaanistaan magalaa kaabul keysatti ofii wal waraanuun jarreen (Hogganota )kana hedduu hamilee isaan cabsee mul`ate . Gaaffilee kana akka of gaafataniif isaan dirqe .,
* Dinni nuti waraanaa turree Sovetiidhaa injifannee ,
* lolaa obboleyyanii keysa ( Mujaahidotaa ) hin gallu ka ja`u Murteyfatan.. Garuu Afghaanistaan keysaattii jiraachuufiis haalli mijjaawaa waan hin turiniif namu gara biyyaa irraa dhufettee debi`uuf murteyfatan .
warreen biyya irraa dhufanitti debi`an keysaa tokko shekh Usaamaa Binlaadin turee , Iddon inni qubatees ( maadheyfate) Magaalaa Jiddaati , Garuu Qacelfamaa Motummaan Sa`udii kennutuuf hujiitti hiikuu hin dandenye , waan taheef Gara Biyya Sudaan godaanuuf dirqamullee biyya Sudaanittis dhiibbaa Saudii fii Amerkaa jalaa of baraaruu hin dandenye maayyirratti biyya san gdi dhiisee gara afghaanistaan (bakka irraa ) dhufeetti debi`uuf dirqame . bakka qubatuu dhabee ofirraa Afghaanistaanitti waahellan isaa waliin jaarmayaa
Al-Qaa`idaa ja`amuun bekkamu gadi dhaaban .
waarra Xaalibaaniin wal gargaaranii mojaahidotaa kaabul keysatti wal rukutaa ture akka barattonni amantaa islaamaa (xaalibaan) isaan injifattuf Meeshaa lolaa , Dinaggeyiin cinaa dhhabbatudhaan mujahidotaa kuffissan . Gutuu Afghaanistaaniis waarra xaalibaan harkatti (kufte . kunii haala Qaa`idaaf mijjeysee akka deggartotaa isaaniif dirree lenjjii fi geejjibaa mijjeyseef. ega haala mijjeyfatanii Amerkaa fii waahelota amerkaa kan akka sa`udii faarratti jihaada labse shek Usaamaan kanaan sa`udii keysatti magaalota akka Riyaad fii khubar keysatti halellaa guddaa raawwatten miidhaa guddaa dhaqqabsiisuun isii niyaadatama . garaa USA tiin wareegamtota 17 lenjiftee 2001 gara amerkaatti akka bobbahan taasifte , waregamtonni kunnen xayyaraa fe`inaa 4 xalafanii Moraa Rayyaa USA Pintaagon fii wirtuu Naggada Addunyaa werarudhaan nama kuma 3000
ol akka ajjesuun Qaa`idaa ni yaadatama,
kana boddee Motummaan Amerkaa gadi fagenyaan xiyyeyfannaa guddaan jaarmayni Al-Qaa`idaa shorarkeysaadha jechuun Al-qaa`idaarratti lolaa jabaa banteen addaan isaan bittineysite hogganaa Al-Qaa`idaa Sekh Usamaa bin laadiniis kumaando addaa itti ramaduun naanno magaalaa islaam abaaditti ajjechaa irratti raawwatte, kanaa boddee Al-Qaaidaan ammo xiqqo as xiqqo achii malee addaan faffacaate , saudii fi biyyota hedduu keysaa hiis maddi galii isii jalaa goggoge , sababa kanaaf
Al-Qa`idaan lolaa iraaq fii suriyaa irraa qoda fudhachuu hin dandenye.
Lola lammaan kanarraa warra biraatu hirmaannaa guddaa godhaa jira, Isaaniis Motummaa Iraaq fii shaam jechuun of yaamaa turan. suriyaa keysatti lafa guddaa bilisomsan , garuu dhihoo kana lolaa daguu mummicha iraaqii nurii Al-Maalikii irratti gad geysaniin lafaa guddaa waraanaa Iraaq irraa qabchuudhaan meshaa lolaa guddaas waranaa kanarraa argatanii jiru, erga iraaq keysaa lafa guddaa kana qabatanii Motummaa Iraaqa Fi Shaam irraa maqaa geddarachuun
” Duwlaat khulafa`aa ” ( Motummaa Islaama Hunda Bakka Butuu ) kaartaa haareya Ethiopiaa fi biyyonni dhiha afirkaa hedduun keysatti argaman baafttee ni bilisomsinaas jattee irratti hojjachaa jirti .kanaaf kan jenne jaarmayni Al- Qaa`idaan garama deemaa jiraa? egallii barreyfama kanaarratti ” Shabaaba Somaliyaa ” fii ” Baako Haraam Nayjeria malee lipii isii hin agarree maalii jechaa jiru keysa betonni jaarmaya Al-Qaa`idaa.!!!
Gazexeysaa Afaan Araba/Oromo Obbo Gammadaa Sutee
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…