Waxabajjii 11, 2013
– Haasawa walgahii Yaadannoo Jaarraa Abbaa Gadaa tan Altanta, USA irraatti dhihaate
Jawaar Muhammad
Bu’ureessitota qabsoo Oromoo kanneen tarree duraarratti maqaan isaanii dhawamu keessaa, tokko, Jaarraa Abbaa Gadaati. Wanni Jaarraan qabsoo tanaaf addatti gumaache maali? jennee yoo of gaafanne adeemsa dheeraa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jaaruuf godhame keessatti carraaqqii godhamteefi milkii argamteef shoora sadarkaa duraa tapahcuu isaati hubanna. Roorroo Oromoorra gahuuf joollumamaadhaan laalachuu isaatiin ganamaan qabsoof bobbahe; bara 1966 Asabootirraa Minishir bitatatee qabsaa’ota barbaadee dirree falmii Baaleetitti makamee lolee lolchiise. Qabsoodhaaf meshaafi leenjii lolaa garayyuun ammayyee taate qabaachuun akka barbaachisu waan hubateef gargaarsa barbaacha gama Somaaliyaa, boodas Bahar Diimaa ceehee Adan, Baagdaadifi Damaasqoo dhaqe. Achirraahis akeeka tokkooni qasaawoota leenji’amaniifi meeshaalee lolaa ammayyee tahan waliin deebi’uuf karaa bu’e. Akeekni sunis Qeeyroo Ganamaatiin Qabsoo Hidhannoo Eegaluudha. Wanni argame ammoo, milkii osoo hin tahin harka mootummaa Soomalee bu’anii hidhamuu tahe. Mudannoon hamtuun waggaa shaniitiis murannoo diina Oromoo qabsoo hidhannootin cabsuuf qabu isa keessatti hin laaffifne. Bara 1976-tti yeroo haalli Warraaysaa biyyattii jijjiiree hamilee qabsoo hidhannootiif jirtu laamshesse sanitti, sirni jiru hiddaan buqqa’u malee Oromoof furmaanni hin jiru jechuudhaan, qawwee lameen Elemoo Qilxuufaarraa gaafa lola Xirroo hafte bakka itti awwaalamanirraa baafatee daggalatti galee WBO humnaafi caasaadhaan ijaarutti seene. Jaarraan gaafa yeroo duraatiif Asabootitti Minishir bitaterraa eegalee hamma guyyaa du’aan addunyaarraa galetti goota dawaan cunqursaa qawweedha jedhee amanu ture; saba isaatinis hidhadhaa “ qarshiin jahaannam haa dhayxuu qawwee bitadhaa daggala seenaa” jedhee dawwaaqaati jiraate.
Akeekni barruu tanaa seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdukariim Ibraahim Haamid) barreessuu miti. Gumaacha inni qabsoo Oromootif godhes guututti keessa deemuu hin hedu. Barruun tuni waa tokko qofarratti fuulleeffatti: Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Qabsoo Hidhannoo bifa waliigalaatin mil’achuudhaan sababoota gootichi kuni maloota qabsoo keessaa kan hidhannootitti akka gamuufi ittiis cichu isa godhan maal akka tahan xiinxaluudha.
Kanatti aansinee sababoonni Jaarraa Abbaagadaa qabsoo hidhannoo akka fardeeyfatu goadhan maal fa’a akka ta’an xiinxaluuf yaalla. Sababoonni wahitti nama kaasan hedduudha. Kan wahitti akka cichan nama godhanis akkasuma. Akka hubannaa kiyyaatti waa afuriitu ilaalcha Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu qare. Afranis:
Sababoota afran kana armaan gaditti takka takkaan gabaabsinee haa laallu.
–For Full Speech Click Gulele Post
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…