Categories: Oduu Oromiyaa

JEDHEE BOO’E GURREEN-Seenaa Abdiisaa’tiin-Walalooo Ajaa”ibaa kana dubbisaa!! Xalayaa OPDOf barreeffame-ammoo irraa baratamu!

Bosona koo dhiisee isa galma ballaa
namaan harkifamee gaafan seene dallaa
gaafan hiriyaa koo gafarsa irraa maqe
karaaf garaa dhabee namatti madaqe
cafaqoo cuffadhee soogidda arraabadhee
gaafan waanjoo guddaa fedhii koon baadhadhee
soogiddaan mo’amee hidhata baduu koo
waanjoodhaan madaa’ee himata dhabuu koo
gonkumaa keessi koo gaafas kana hin yaanne
gaafas harra malee egeree hin tilmaamnee
yooman himee fixa doorsisa ilmoo namaa
gaabbiin of gaagureen yaadaan gidiramaa
arfaasaa nan qota lafan tattaraaraa
gannas bulleessuudhaaf waanjoon na hiraaraa
oliif gad naan jechaa na boodaa huyyisaa
narratti geerara qacceen na luqqisaa
yeroo hojiin geessu maqaan masoo dhibbaa
midhaanni biqillaan argaa koo iyyuu jibbaa
akkuma qamalee akkuma jaldeessaa
firii hojii koo irraa reebee na fageessaa
kan beela’e quubseen ofii koo beela’ee
huuqataa gabbiseen ofii yuuyyee ta’ee
cabduu soogiddaafin waggaa dhibba du’ee
WAYYOO ANA GURREE
yeroo gafarsifaa haala koo ilaalanii
“si afarsuun si liqimsuuf”jechaa natti mammaakanii
dubbiin dhugaa ta’uu gaafas yoom naaf galee
soogidda arraabachaa qeeraa lixnaan malee
cafaqoo naaf kennee siicoo na obaasee
akkan hin dhalchine tumee na kolaasee
huqqaannaan na coomsuuf marga natti haamee
coomnaan na qalachuuf ollaa natti waamee
kunoo murtiin dhumee miilli koo xaxamee
ollaan natti yaa’ee albeenis qaramee
utaaluu hin danda’u fiigee harkaa hin ba’u
duuti koo harra miti omaa hin yaadda’u
wayyoo ana gurree,wayyoo ana gurree
qalbii dhabaaf malee silaa akkana hin turree
dhagaa’aa jabbileen dhagaa’aa goromsaa
hafuura dhumaanan waa xiqqoo isin gorsaa
ilmoon bofaa yoomuu,eessattuu bofumaa
titiisarraa damma hin eegin ofumaa
hirkatummaa dhiisi of ta’uuf jabaadhu
soogiddii si hin sobin marguma kee nyaadhu
diina fira hin se’in fira kee iyyaafadhu
diinaaf jiraachuurra firaaf biyyoo nyaadhu
somba qofa ta’in onnees waa qabaadhu
walii wajjin coomi walumaan qalladhu
wal hin gaarreefatin gaariif wal abdadhu
gidiraa koo kana argi yaa dhalootaa
qalamuun koo isiniif haa ta’u barnootaa!!!!!!!

Seenaa Abdiisaatiin

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago