Categories: Oduu Oromiyaa

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee 4 bara 2012 Abiyyi Ahimad Mana Marii Nageenyaa jedhamu walitti qabuun isaa ni yaadatama

.*Walgahii kana eenyutu waame? *Ajandaan Marii hoo maal ture? *Waltajjii sanarratti eenyutu maal jedhee dubbate kan jedhuuf odeeffannoon achuma keessoo mootummaa keessaa baate cuunfaan isaa kunooti.

1. Walgahii sana eenyutu waame? kan dhiibbaa godhee waame warra Amaaraati.

2. Eenyutu itti hirmaate? Hirmaattota sana namoota 9 keessaas 5 Amaaraa dha. Namoonni 2 makaa saba adda addaa yoo tahan 2 ammoo Oromoodha. Garuu hunduu bara wayyaanee ergamtoota ummata nyaachaa turanii fi har’a ammoo Nafxanyummaa gadi dhaabuuf hojjetaa jiranii dha.

3. Ajandaan Marii sanaa maal ture? Ajandaan Marii yaaddoo nageenyaa, Kufaatii Diinagdee fi Biyya kufaatii irraa oolchuu kan jedhu ture

.4. Waltajjii sanarratti Eenyutu Maal jedhee dubbate? A) Ahimad Shiidee__ Bara baajataa 2013tti hanqinni baajataa nu muudatuuf deema jedhe. Baajata mootummaa Federaalaa biliyoona 460 keessaa biliyoonni160 liqii fi gargaarsa alaarraa abdannee turre. Garuu biyyoonni alaa rincicaa jiru.

Kan Biyya kessaas biliyoona 300 qabanne gibirrii fi Taaksiin guuramaa akka hin jirre dubbatee Kunis sababaa tasgabbiin siyaasaa hin jirreefi jedha. Kanaaf mootummaan hatattamaan tarkaanfii yoo fudhachuu baate Ji’a lama booda project ni dhaabbata. Mindaa hojjetaallee kanfaluu rakkanna jedhee watwaate.

B)General Biraanuu Juulaa_ Biraanuu Juulaa akka yaaddoo guddaatti kan kaase dadhabuu fi diigamaa jiraachuu waraana Itoophiyaati. Kanaaf ammoo sababaa guddaan qondaalonni sabaan Tigree tahan raayyaa Waraanaa keessaa ba’anii gara Tigraayitti galuu isaaniti jedha. Baatii darbe kana qofa kaaba Walloo, keellaa Waldiyaatti ajejoota Waraanaa kan tahanii fi poolisii Federaalaa keessa turan hedduu qabne turre garuu waan goonu wallaallee gadhiisne jedhe. Waraanni kun waggaa 20 ol isaaniin ijaaramaa ture waan taheef yeroo ammaa hedduu laaffatee jira; iccitii Waraanaas fudhatanii lakkisaa jiru.

Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru Kan jedhu olola guddaatu waraana keessatti facaafamaa jira. kanaaf fala ariifachiisaa barbaada jedhe. C) MM Abiyyi Ahimad _ Qabxiileen biroon Abiyyi irratti dallansuun yaada kennaa ture dhimma diddaa ummataa Oromiyaa Bahaa fi yaaddoo cufamuu daandiiti. Akkas jedhe “Qoonqoon Itoophiyaan ittiin bishaan dhugduu fi nyaata nyaattu Daandii Jibuutii – Finfinnee kanaadha. Kun cufame jechuun biyyi teenya duute jechuudha. Kanaaf wareegama kaffalamuu qabu kaffaltanii daandii kana sa’aatii 24 eeguu qabdu. Mootummaan Affaaris rakkoo keessoo isaatti qaba.

Isa dhiyootti sirreessuuf yaalla. Musxafee waliin Mari’annee Liyyuu poolisiin akka RIB gargaaree daandii eegu ni goona… dhimma TPLF waliin loluu ani hin heyyamu . Nu diiga waan taheef. Dura lola keessa jirru moo’aachuu qabna ( Oromoo jechuu isaati). Yoo TPLF n nu waraane deebinee Mari’annee fala barbaanna.” jedhe.Walumaagalatti, miseensonni walgahicha irratti argaman rakkoolee yeroo ammaa uumamaniif sababaan dadhabbina hoggansaati jechuun kan qeeqan yoo tahu haala yeroo ammaa deemaa jiru ummata amansiisuuf illee kan rakkatan tahuu himanii tarkaanfii yoo hin fudhatamne biyyi diigamuuf akka deemtu fi gaafatama seenaa jalaa bahuuf dirqama akka qaban abdii kutannaadhaan haasaa turan.Via Ferhan Abduselam

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago