Categories: Oduu Oromiyaa

Juneydi Habiba…

Eenyu beeka laata
Achi buutee isaa
Ifii lubbun jiraa ?
Maaltu dhabamsiise
Du’een awwaalamne
Qabrii saa hin agarre
Dachiit gad liqimsee ?
Mo sarichaatu nyaate
Kan inni guddisee ?
Boolla namaaf qote
Ifiif itti lixee ?
Mee eenyutu hima
Achi buutee isa
Namni beeku jiraa ?
Anbayyo mee hima
Warri bahaaf dhihaa
Lammiin kaabaa kibbaa
Hundi Namaa sa’as
Mukaaf citaas taanaan
Oduu yoo qabaattan
Hin dhoysinaa himaa
Juneeydii habiiba
Achi buutee isaa
Kan beeku jiraataa ?
Hunduu lafaa ka’ee
Bakka takkaa goohee
Akkamiin wallaalla
Hin wallaalle beeynaa
Juneydii habiibaa
Maqan saa kaafamnaan
Qaamaatu nu rommaa
Hundi ni laalata
Kaleeysa yaadata
Barattuf barataa
Warra inn fixee
Irraatti ililche
akkamiin daganna
Yoomuu ni yaadannaa
Ani kan na dhibe
Waa himo maa usee ?
Duruu ni hasaasaa
Himii malee himaa
Yoo afaan qabanuu
Hudduun ka dubbatu
Tana maa sodaatee
Baala irratti cabse
Waan tana hususuuf
Innuman haa beekuu
Isaatu calliseef
An numan hin usne
Dhagayi oromo
Hujii ilma saado
Garii maqaa faale
Shoororkeysaa je’e
Abbaa maatii hidhee
Dargaggeeysa gatee
Kaan biyaa mancaase
Waa tar dhabamsiise
Warra humna hin qabne
Dayo malee hafe
Dubartii fii jollee
Qoteen oomishanne
Ka reebu hin qabne
Dheeysu jalaa hin baane
Warra abaar waadee
Beelaa dheebuun dhume
Maqaa saa tolfatuuf
Siyaasaa saa cimsun
Barcumarra turuuf
Malee malchiifatee
Xayyaaraan bararee
Du’aarra qubatee
Akka nama gaddee
Ija if rirrigee
Akkas je’ee booye
Tun abaarii miti
Dallansuu Mallsii
Kan wahyii saa dide
Tokkolleen way hafee
Isinis dhagayaa
Warri jiruun dhumtan
Dhaamsi kiya kana
Qajeeltan jannata
Daddabdan azaaba
Kunoo an dinniine
Balaan teeysanilleen
Akka nun dhaqqabne
Naafii jaartiin tiya
Dhaamsa dabarfanna
Je’e achiin kute
Fuula haxaawwatee
Gaafas lammiin boochee
Rabbitti waywaattee
Daaraa jala facaafatee
Rabbiiti ol kennite
Daaraa bubbeen fuute
Ficcaan cululle’e
Si haa godhu je’ee
Lammiitu darbate
Irbuun si haa qabdu
Ceerbe si haageeysu
Lafatti nu waraantee
Seenaa teenya faalte
Utubaa buqqiftee
Mallattoo eenyumma
Handhuura oromiya
Caffeedha buqqiftee
Galma bakkaan dhabdee
Olii gad o’ooftee
Hoongoo si haa godhu
Bakka si haa dhoorgu
Gehee alaa gali
Goda seentu dhabi
Ajeeysaa dibami
Caayattin argamin
Janneet ol iyyannee
Deebiisaan hin turree
Hoggasuu arganne
Kunoo bara fixnee
Nama himu hin agarre
Juneeydii habiiba
Achi buutee isaa
Ceerbe dhaqen sahaa.
Tana qaofaa miti
Ta biraatis jirtii
Tan inni nu godhe
Cittoon gaala hin goone
Jazaan Rabbii hin hafu
Kafalamu hin ooluu
Innis baga arge
Niitii niitii hin caallee.

Olyad B.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

9 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

9 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

9 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

9 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

11 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

11 months ago