Kaayyoo qabsaa’otni wareegamaniif galiin gahuun dirqama Sabboontota Oromoo hundaa ti

 

Abdii Boruutiin

 

Amajjii 1, guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akkasumas Ebla 15, guyyaa Gootota Oromoo jennee yoo yaadannu fi kabjinu, walitti dhufnee kan itti waliin haasofnu; dhiichisaa fi ragadaan kan waliin ittiin bashanannu; yoo guyyaaleen kun dabran waayee kana kan hirraanfannu ta’anii hafuu hin qaban. Guyyaalee seena-qabeessi kun, kan qabsaa’ota wareegaman ittiin yaadannu qofaas otuu hin taane, kaayyoo goototni keenya wareegamaniif galii hawwamutti geessuuf, guyyaalee Sabboontonni Oromoo waadaa kana haaromsanii; gumaa gootota keenyaa baasuuf qabsoo kanaaf of qoheessan; wareegama barbaachisu kaffaluuf murteeffatan; jechoota qofaan otuu hin taane kana hojii dhaan agarsiisuuf qophii ta’an, ta’uu qabu.

 

Gootonni keenya dhimma tokkoof, kaayyoo tokkoof jedhanii tokkummaa dhaan waliin manaa bahanii tokkummaa dhaan wareegamanii karaarratti hafan. Maarree, kan har’a lubbuu dhaan jiran tokkoomanii kaayyoo walii tokko galiin gahuun maaliif isaan rakkisa? Wal gurmeessanii, tokkummaa dhaan humna ofii cimsuun amma yoo hin taane yoom ta’uu danda’a? Tokkummaan dhugaa kan ijaaramu, waan uummatni Oromoo kana hawwuuf yookaanis ammoo waan yaamichi godhamuufii miti. Kaayyoo waliin qabanii fi isa kanas galiin gahuuf waan manaa bahaniiftu akka tokkooman nama taasisa. Warri kaayyoo tokko qabani fi kanatti amanan tokkummaa kaayyoo ijaaruun dirqama isaanii ti malee kan fedhii dhuunfaatiin qofaa murtaa’uu miti. Kan fedhii gaafatullee yoo ta’e, fedhiin kun kan uummata bal’aa Oromoo ta’uu qaba.

 

Yoo waayeen tokkummaa, artistoota keenyaan weellisamu; hayyoota keenyaan barreessamu; bakkee hundatti dubbatamu, kun qabsaa’ota fi jaarmayoota keenya biratti akka kadhaatti ilaalamuu hin qabu. Eenyutu eenyu kadhata? Eenyutu kadhatamuu qabas? Kan yaamicha godhu: tokkoomaatii humna mooraa keenyaa (mooraa QBO) jabeessaa jechuufi. Kan yaamichi godhamuuf ammoo, qabsaa’otni fi jaarmayootni keenya, humna beekumsa, dandeettii fi qabeenya isaanii qindeessanii cimina qabsoo kanaarra akka oolchan gaafatamuufi. Dirqama Oromummaa fi Sabboonummaa akka hubatan isaan yaadachiisuufi. Kanaaf, kun kadhaas miti, ajajas miti, gorsallee miti. Gara gara hiramanii hafuun; diina fi alagaa dhaaf akka saaxilaman taasisa malee, qabsoo kanaaf faayidaa hin qabu jechuufi. Otuu kana hundaa beekanuu yaamicha uummataa diduun waan namaaf galuu miti. Walirratti duuluu fi wal dura dhaabbachuu, waliin mormuu dhiisaatii, gamtaa dhaan irree tokkoon diinarratti duulaa; mooraa keenya cimsaa, kan diinaa laaffisaa jechuufi.

 

Inni kun ammoo yaamicha qabsoo bilisummaa ti; sagalee uummata bal’aa ti; hawwii fi fedhii uummata Oromoo ti; dirqama Oromummaa fi Sabboonummaa ti; sagalee gootota kaayyoo kanaaf wareegamanii ti. Kaayyoo nuti lubbuu keenya dhabneef kana bakkaan (galii dhaan) gahaa jechuun yaamicha qabsoo ti malee, kadhaa ta’uu hin danda’u. Kan uummata Oromootiif dhaabbanna jedhan hunduu, yaamicha kana dhaga’uun dirqama isaanii ti. Qabsaa’aa ykn Sabboonaa dhugaa ta’ee, kan yaamicha kana jalaa didu, kan fedhii dhuunfaa qabu qofaa dha; kan waayee ykn dhimma uummata Oromootiif dursa hin kennine dha; kan Oromummaa dhaaf bakkee guddaa hin kenninee dha; kan haala keessa jirru sirriitti hin hubannee dha.

 

Haalli yeroo ammaa mooraa keenya keessatti uumame kun, kan akka laayyootitti ilaalamuu miti; nama sirriitti hubatu fi gadi fageenyaan xinxaluuf, haala baay’ee walxaxaa dha. Qabsoon keenya cimee, diina injifatee galii hawwme gahuun hafee, haala walxaxaa kana keessaa bahuunuu qabsoo biraa ta’ee jira. Haala baay’ee ulfaata ta’e kana hubachuun maaliif rakkisaa akka ta’u naaf hin galu. Isa kana keessaa bahuuf akka heerragaa foormulaan hin jiru. Karaan kana keessaa nu baasu, furmaatni guddaan tokkummaa qofaa dha; kaayyoo ofii ifa godhuu dha; adeemsa ofii sirreessuu dha. Yoo kanarratti waliigalame, waan tokkummaan hin ijaaramneef sababni amansiisaan biraa waan jiru natti hin fakkaatu. Sababni biraallee yoo jiraate, inni kun kan dhuunfaa ti malee waan biraa ti jedhee yaaduun na rakkisa.

 

Yoo har’a hin tokkoomne yoom tokkoomuu dandeenya? Yoo har’a walii hin galle, akkamiti boru biyya takka waliin ijaarrachuu dandeenya? Akkamitti waliin bulchuu fi waliin buluus dandeenya? Akkamitti biyya hawwinu Oromiyaa tana ijaarrachuu dandeenya? Akkamitti diina injifachuun danda’ama? Yoo har’a tokkummaa uumuu hin dandeenye, dhaloota boruutiif fakkeenya maal taana? Aadaan waliigaltee dhabuu, akkanumatti itti fufee, dhaloota dhufutti dabruu qabaa? Dhiiroo, mee waayee kana sirriitti itti haa yaadnu!! Uummatni Oromoo bal’aan, uummatni waa hundaa qabu, kan baayinaan miliyoona afurtamaa ol ta’u, tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota isaa dhabee; karaa hundaan diinaaf saaxilamuun; roorroon daangaa hin qabne irra gahuun; biyya abbaa isaa keessatti dararamuun; jireenya namaa gadii jiraachuun;… qaanii guddaa mitii? Haala kanaan, yoo diinni nu tuffatee, waan barbaade nuun jedhu dinqamuu hin qabnu.

 

Dhugaan hubatamuu qabu, tooftaa fi tarsiimoof jedhamees haa ta’u, kaayyoo fi adeemsa ofii qulqulleessuu fi sirreessuu dadhabuun; sababa kanaan waliigaltee dhabun; garamitti nu oofaa akka jiru hubachuun rakkisaa hin ta’u. Waayeen akkanaa kun hidda baasaa dhufuun ayyaanlaallatummaa fi gantummaa dhaaf carraa akka uume; gara fuula duraattillee uumuu akka danda’u ykn malu waan nama mamsiisuu miti. Kanuma argaa jirru dhas. Kun ammoo diina fi alagaa dhaaf qaawwa akka uume fi uumu haalli yeroo ammaa uumame ragaa quubsaa ta’uu danda’a. Kun qabsoo kanaaf gaaga’ama guddaa dha. Injifannooleen hanga har’aatti arganneeyyuu, gaafii keessa galaa jiru. Diinni karaa gara garaatiin nurratti duulaa jira. Hamma kufnu fi badnutti teenyee eegnaaree??

 

Qabsoon bilisummaa keenyaa hamma kana abdii kutachiisaa ta’uu baatullee, haalli har’a keessa jirru kun, makmaaksa Oromoo tokko na yaadachiisa. Innis, “Muka kufe qottootu itti baay’ata” jedha. Dhugaa dha, har’a qabsoon keenya kufuu baatus, akka muka kufe qottoon itti heddoomtuu kanaa, laafina mooraa keenyaatti (kan tokkummaa dhabuurraa madde) diinni itti heddoomaa jira. Diina guddaa Wayyaanee injifannee, bilisummaa keenya argachuu qabna otuu jennuu; kunoo diinni biraas karaa biraatiin nurratti duuluuf ciminaan halkani fi guyyaa hojjechaa jira. Maqaa ykn kaayyoo diina waloo injifachuu jedhuun kunoo tumsa ijaarratanii kaayyoo isaanii galiin gahuuf ciminaan irratti hojjechaa jiru. Tumsi isaan ijaarrachaa jiran kun Wayyaanee kuffisuu qofaatti hafinaa laata?? Deebii gaafii kanaa Oromoofan dhiisa.

 

Amma wanti yaadamu fi hubatamuu qabu, kun akkana ta’e, sun akkas ta’e jedhanii dubbachu miti. Oromaatti quba qabuus miti; kun homaa nuuf hin fidne, homaas nuuf hin fidu. Wanti amma godhamuu qabu, gabaabumatti yeroo mooraa diinaa keessatti tumsi ijaaramu, mooraa QBO keessatti ammoo tokkummaan qabsaa’ota Oromoo hatattamaan ijaaramuu qaba. Yoo kun hin milkoofne, diina kana hundaa (kan nu nyaachaa jiru fi nu nyaachuuf hamuummachaa jiru) injifannee galii hawwinu gahuun hafee, bu’aalee hanga har’aatti argannee, harka keenyatti galfanneeyyuu tikfachuun rakkisaa ta’a. Balaan nurra gahuuf nutti deemaa jiru kun hubatamuu qaba. Kan diinatti gales haa galu; kan diinatti makames karaa isaa haa deemu; kan hafani fi kaayyoo tokkotti amanan, waliin hojjechuu qabu. Yeroo tokkoon tokkoomuun yoo hin danda’amne, mooraa keenya keessatti tumsa kaayyoo tokkoo ijaaruu qabu. Karaa kanaan malee humni keenya jabaachuu hin danda’u.

 

Yeroo ammaa, yeroo Fincilli Diddaa Gabrummaa fi warraaqsi uummataa Oromiyaa keessatti qawwee diinaa jalatti jabaachaa deemu kana, warri biyya alaa jiran ammoo tokkummaa ijaaranii uummata keenyaaf abdii ta’uu qabu. Yoo tokkummaan qabsaa’ota Oromoo ijaarame, hamileen uummata keenyaa keessumaayuu kan dargaggoota keenyaa, kan Qeerroo, cimaa deema. Ibiddi qabsoo bilisummaa Oromoo, kan Oromiyaa keessatti qabsiisame fi boba’aa jiru kun, diina uummata keenyaa gubee akka balleessu shakkiin hin jiru. Kan ibidda kanatti boba’aa (fuel) dabalu fi caalaatti boba’ee diina gubee mancaasu taasisu, tokkummaa ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaa ykn tumsa qabsaa’ota Oromoo ti. Mancaasaan diinaa, abdiin bilisummaa tokkummaa keenya qofaa dha.

 

Barruu kiyya xumuruu dhaaf, goototni keenya, kan qabsoo kana keessatti wareegaman, qaamaan nu bira hin jiran malee, sagaleen isaanii guyyaa dhaa guyyaatti nutti dhaga’amaa jira. Sagaleen kun ammoo dhaamsa guddaa tokko qaba. Tokkoomaa, humna keessan jabeessaa, kaayyoo nuti wareegamneef galii dhaan gahaa; gumaa keenya baasaa; … kan jedhu dha. Kaayyoo tokkoof manaa baanee karaarratti hafnee jirra. Isin ammoo yoo kaayyoo kana gantan lafeen keenya isin waraana. Waraanamtaniis hin haftan; seenaan saba Oromoo akka Goobana Daaccee isin abaaraa jiraata; kana hubadhaa jechaa jiru. Kaayyoon isaan wareegamaniif garuu oolee bula malee otuu galii isaa hin geenya hin hafu. Hammasitti garuu qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufa!!

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago