Categories: SiyaasaaYaada

” Kaayyoon keenya Toophiyaa biyya sab-daneessatti jijjiiruudha”

Review Overview

User Rating: 2.44 ( 5 votes)

Hogganaan ADO Obbo Leencoo Lataa gaaffiif deebii VOA irratti godhameef irraatti akkas jedhan “Kaayyoon keenya, Itoophiyaan erga gaafa dhalatteetii kaasee IMPAAYERA nuti kana jijjiirree biyya saboota hunda walqixatti tajaajiltu eenyummaa saboota hundaa mul’istu sirna federeeshenii sab-daneessaatti jijjiiruu feena”

ADO ABO irraa kan adda nu godhu, miseensonni keenya gariin hooggana ABO turre, sagantaa ABO wixinuuf raggaasuu keessatti qooda qabnaa turre, gaafas hireen murteeffannaan bifa garaa garaa qabu akka hojiirra oolu ture, Dimookraasii Rippaabiliika Oromiyaa maddisiisuus ta’e akkaataa saboota wajjin itti bulamu lafa keenyee tuure.

Boodas hoogganni ABO hiikaa hiree murteeffannaa dhiphisaa dhiphisaa dhufanii gara biyya walaba taate tokko qofa ijaaruutti fidan, isaan kan qabsaa’an Diimokraasii Rippaabiliika Oromiyaatiifi kun dhugaadha, garu nuti ammoo akkas jenna  “Ummata Oromoof kan wayyu, hiree murteeffannaa biraa yoo goone wayya jenna”. Kunis sabootaaf namoota bulchiifamoo turan gara saboota SITIIZEN ta’aniiti jijjiiruudha.  Kan ABO irraa adda nu godhu, bulchiifamaan kan namni biraan iddoo biraarraa dhufee qawweedhan bulchu waan ta’eef biyya sana keessattti dirqamamalee mirga hinqabu, nutiif saboonni kaaniis akkasi. Addummaan biraas, biyyattiin higga mengistii malee konistiitiwuushenii hin qabdu.kun kan mootummaan ittiin saba bulchuudha malee kan ofii ittiin bulu miti kanaaf heerri hunda keenya olta’e dhalachuu qabajenna, kanas bakka bu’oota saboota biroon waltaanee qabsaa’uu qabna jenna.

Gara hiree murteeffannaa Oromootti yaroo dhufnu murtiin MAAYYI kan sabichaati, Toophiyaa keessa saboota biroon walta’anii sirna tokko jalatti buluus ta’e Oromiyaa akka biyya walabaatti gadi dhaabuu keessatti filannoon yoo ta’e kan murteeffatu Oromoodha.Gaafa Diimokraasiin Rippaabiliika Oromoo dhaadhalate, wanti umamuuf malu Oromoon ollaa baay’ee qaba, olloota kan hundaan ammoo walta’ee jiraachuu qaba. Walta’uu baannaan waldhabdeetu dhufa, kun Oromoo keessatti nagaaf sirna diimokraasii dhaga, kanaaf HEERRI saboota naannoo saanitti abbaa biyya godhu jiraachuu qaba.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago