Categories: Afaan OromooYaada

Kabajaa Ayyaana baqattoota Adunyaa

Review Overview

User Rating: Be the first one !

Nuti Waaqaatu nu file oromoo irratti..
aago irra hin buunu hanga lubbuun jirrutti..
kana beekuu qabdan isin hundi..
filmaata filmaata jechuun lallabdanii..
mee ni garra waan isin fiddanii..
isinii baqataa shubbisuu barbaadu..
ayyaana baqataa kan itti walliftu..
waa’ee rakkoo keeysan eenyutti himattu..
isin akka ormaa yoomi walii galtu..
hanga yeroo qabnu waan feene hojjannee..
kan nuun morme hunda hidhatti guurree..
warreen harkaan deemu hunda deegarree..
hedduudha kanneen hiree arkatee..
warri maallaqaan bitate biyya alaa dhaqee..
kanneen bu’aa hin qabne yaman keessa wacee…
waan fedheen dubbadhaa hunda keesa baree..
rakko rakkoo jettani yoom himachuu barattee..
kootta isittiin himaa yaa hawaasa darree..
yo na jala deemtan hasaasuu lakkiftee..
furmaata arkatta koominiitii dhuftee..
dur qaalii jettu bitachuudhaaf hiree
amma bitachuudhaaf yo barbaadde rakishee
oduu itti dhiisa doolaara dhibba torbaa
anaaf kan kafaltan dhibba tokko qofaa
kan deemuu barbaaduuf hulaan isaaf banaa
waa’ee aangoo iirra si buufnaa
hin qabdan tabaroo maaliif Ooftan ololaa
maaliif hin yaadanne gaafa baatan hiriiraa
ifiis darartanii waliis afeertanii
bara tokko guutuu hulaa jalaa waccanii
gariin hidhatti guuramtanii
kan hafees akuma rachaatti
walitti isin guuranii
gammoojji keessatti isin facaasanii
faayida tam qabdanii har’a dubbattanii
bu’aa kam fiduufi amma buxaaltanii
ORAY du’ee awwaalamee turee
erga awwaalame bubbulee
qabrii baasuuf maaltu isin kakaasee
gareen ORAY har’a hirriibarra dammayxee
laata maal abdatte maaluma dhageeysee
hayyama qabna jette kan amma dubbattee
dhuga gaafa hiriira laata eeysa kuttee
rakko dubbachuuf afaantu cuqqaalamee
moo mala dhabde har’a bitattee
moo awroopaa gargaarsa arkattee
mee qabrii keessatti barattee
lakki amma tahriibaan dhftee
ORAY na dhagayi ya kokkoflee
dubbii qabdaa qalbii saree
kitaabni kan dubbatu lafee
kkkkkk eeysaa baate dhuftee
yaa dadhabaa qalbii darree
hin qaanfattu oromoodhaaf awwaalamtee
har’a kaatee na dubbadhaaf bobborortee
hujiin kee baayye nama dhibee
tahariiba guuraa turtee
oromoota kan fanniftee
meeqa ajjefte kaan gurgurtee
maallaqa buusi jette kan qunciftee
dubra meeqa kan arba badhaaftee
shamarran oromoo meeqaa gudeedamee
joolee meeqa kan lubbuun dhabamee
horii saamtee walitti qabdee
maaliin goote baanki keeysee
yaa ORAY har’a ammo maal barbaaddee
gocha kankee irraanfattee
yaman dhuftee babbarooddee
ni ceceeta akka saree maraattee
moo ni toobattee gocha dabree
yeroo dhufaa kan hojjattee
itti fufi waan barbaaddee
an siif dhaame yo dhageeysee
Nagaytti ORAY darree

Abdulfattaah Musxafaa Sh.Saadiq

Guyyaa:-20-06-2013

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

7 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

7 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

7 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

7 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago