Kan dabrerraa haa barannu!!

 

Abdii Boruutiin

 

 

Waan ta’e fi dalagamee dabre ofduuba garagalanii ilaaluu fi hubachuudhaan, kan dabrerraa barachuun, waan gara fuulduraatti hojjetamuutiif murteessaa ta’a. Mata duree kanaan dhimmoota adda addaarratti yaada koo otuu hin dhiyeessin dura, addaan bahinsa uumamee, bar-kurnee tokkoo ol fudhate booda, ibsa walhubannoo fi araaraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) garee lamaanii, ABO QC fi ABO Shanee Gumii, dhagayuu keenyaaf ilmaan Oromoo baga gammdne jechuun barbaada. Itti aansees, gareeleen kun lamaan baga walhubachuu dandeessan; baga araarri kessan milkaaye jechuun fedha. Walhubannoo fi araarri kun jalqaba waan ta’eef, isa kana fiixaan baasuuf qormaata cimaatu isin eega. Rakkoolee hundaa irra aantanii gara tokkummaa dhugaatti akka deemtan abdiin qaba.

 

Ergan gammachuu kiyya ibsadhe booda, mee gaafii waliigalaa tokkon kaasa: Tokkummaan dhugaa maaliin madaalama? Gaafiin kun kan hubannoo guddaa fi ibsa bal’aa barbaadu ta’ullee, gabaabumatti deebii kennuuf, tokkummaan dhugaa kan fedhii qofaa otuu hin taane, kan kaayyoo tokkorratti hundaayu fi kaayyoo kanas galii hawwamu tokkoon gahuuf kan dirqama gaafatuu dha. Gabaabumatti, tokkummaan dhugaa kan kaayyoo fi galii tokkoof ijaaramu, tokkummaa dirqamaa ti jechuu dha. Kan uummtani Oromoo barbaadus tokkummaa akkanaa ti. Ibsa walhubannoo ABO dhiyoo kana bahe keessatti, qabxii lammaffaan akkana jedha:

 

“2. Kaayyoon irratti hundoofnee qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessinu – bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, kan repubilika Oromiyaa jaaruun xumuramuu tahuu wal hubannoo irra geenyee jirra.”

Kun kan agarsiisu, kaayyoon gareen kun lamaan qaban (irratti waliigalan) fi galiin isaan barbaadan tokko jechuu dha.

 

Asirraa ka’ee yoon ilaalu, erga kaayyoo fi galiin isaanii tokko ta’etti; yoo hunduu dirqama isaanii hubatan, tokkummaan isaanii kun akka tokkummaa dhugaatti wanti hin ilaalamneef sababni  waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf, jaarmayootni keenya kun walitti deebi’anii; caasaa tokko jalatti akka tokkoomani fi ABO humna cimaa fi abdachiisaa akka taasisan Waaqayyo/Rabbi isaan haa gargaaru. Ibsi kun ilmaan Oromoo gammachiisee; diina fi alagaa farra QBO ta’an akka rifachiisu waan nama mamsiisuu miti. Diinni fi alagaan kun ammoo callisaniituma akka hin teenye beekuu fi hubachuu qabna. Tokkummaa ABO kanatti gufuu ta’uuf; hamilee qabsaa’otaa cabsuuf yaaliin isaan hin goone akka hin jirre ifa dha.

 

Gara mata duree barruu kanaatti deebi’uudhaaf, maaliif isa kana akkan filadhe sababoota adda addaan qaba. Inni tokko, akka waliigalaatti kan ilaalamu yoo ta’u, waan dabre hundarraa (gaariis ta’ee badaarraa) barachuun adeemsa gara fuulduraatiif barbaachisaa akka ta’u ibsuufi. Kun dhugaa waliigalaa ti jechuu dha. Jaarmayootni keenya lamaan kunillee (ABO QC fi ABO Shanee Gumii) waan dabrerraa waan barataniif, walhubannoo fi araara kanarra gahuu danda’an. Inni biraa, maaliif kan dabrerraa haa barannu jedheef, waayee walhubannoo fi waliigaltee, keessumaayuu waayee walhubannoo, kanaan duras yeroo adda addaa keessatti dhageenyee turre. Fakkeenya tokko tokko kaasuuf, akka marsaalee Oromoo tokko tokkorratti maxxansamanitti,

  • walhubannoo ABO QC fi KY ABO warra Jijjiiramaa yeroo sanaa
  • walhubannoo ABO QC fi THBO (ULFO)
  • walhubannoo ABO (garee?) fi Gurmuu Qabsaa’otaa fi Miseensota ABO? jedhuun ibsa dhiyoo kana bahee ture

 

Karaa biraatiin ammoo, “Ibsa Waliigaltee Shanee Gumii GS-ABO fi Koree Yeroo ABO” http://gadaa.com/oduu/6002/2010/10/02/oromia-ethiopia-senior-members-signed-agreement-to-reconcile-and-unify-the-olf/  jedhamee, Onkoloolessa bara 2010 bahe keessatti, walhubannoo birallee dabramee; ABO tokkoomsuuf waliigalteerra akka gahame ni yaadatama. Ibsi sunis akkana jedha:

 

“Marii Araaraa fi Tokkoommaa SHG-ABO fi Koree Yeroo ABO (KY-ABO) gidduutti waggaa tokko oliif dura teessummaa fi masakiinsa Bu’uuressitootaa fi Miseensota Gameeyyii ABO (BMG-ABO) tiin geggeeffamaa ture walgahii Fulbaana 25 fi 26, 2010 godhame irratti araara buusuu fi ABO tokkomsuuf walii galtee irra gahamuu beeksifna.”

 

“Qabsoo bilisummaa Oromoo deebisanii itichuun ABO humneessuuf araarsitummaa Bu’uressitotaa fi Miseensota Gameeyyii ABO (BMG-ABO) Koree Yeroo ABO fi Shanee Gumii ABO giddutti waggaa tokko caalaaf geggeeffamaa ture Fulbaana 27, 2010 waliigaltee araaramuu fi tokkomuu ABO akka mallatteeffame miseensota, deeggartootaa fi ummata keenya yeroo beeksifnu gammachuu guddaani. Hundeen waliigaltee kanaa yeroo ji’a shan hin caalle keessatti Walga’ii Araaraa fi Tokkummaa ABO waamuun tokkummaa dhaaba keennaa deebisanii mirkaneessuudha.”

 

Asirratti, wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, kan dabre kaasee asitti qeequuf yookaanis ammoo waliigaltee ammaa kana shakkii fi gaafii keessa galchuuf otuu hin taane, wanti dabre sun hunduu hubatamee; mooyxannoon irraa argatamee; kan ammaa kun gufuu tokko malee akka fiixaan bahu; ciminaan akka irratti hojjetamu hubachiisuufi. Yoo akkana hin taane, kan mooraan keenya diigamu fi laafurra, kan koflaatuu akka hin taaneef carraa kanaa yaaddoon qabu ibsuufi. Yaaddoon kiyya kun eessaa dhufe? Maalirraa madde? Gaafiilee kanaaf deebii argachuudhaaf, mee erga waliigalteen sun fashalee kaasee waan mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru haa yaadannu, haa hubannus. KY ABO kan ture sun, gareen tokko sagantaa ABO jijjiire; kan hafe bakkee lamaa saditti gargar bahe; gareen ykn jaarmayaan biraas uumamuuf waan jiru fakkaata? …  Kana kanatu yaaddoo na keessatti uume.

 

Kanaaf, waan ta’ee dabre yaadachuu fi hubachuun; kanarraa barachuun; bitaa fi mirga, fuulduraa fi duuba ilaaluun murteessaa ta’a jechuu dha. Kanaafan, akka dogoggorri fi balleessi walfakkaataan hin uumamne kan dabrerraa haa barannu jedha. Yeroon ammaa yeroo balleessa hojjetamee dabre sana irra deebi’anii dalaganii miti. Yeroon ammaa yeroo kaayyoo fi galii ifa godhanii; kutannoo fi murannoodhaan irratti hojjetanii qabsoo cimsanii dha. Kan ta’e ta’e; kan dabre dabre, jennee waan ta’ee dabre seenaaf dhiifnee gara fuulduraa haa ilaallu jechuu kooti. Yoomiyyuu caalaa tokkummaan ilmaan Oromoo, keessumaayuu tokkummaan qabsaa’otaa kan barbaachisu yeroon isaa amma. Mooraa ofii tasgabbeessuun; nagaa fi araara buusuun; humna cimaa fi abdachiisaa uumuun boru otuu hin taane hara’a ta’uu qaba.

 

Dubbistoota barruu kiyyaa yaadachiisuuf, ibsa waliigaltee Onkoloolessa bara 2010 godhame sanarratti, anis gadaa.com irratti yaada koo akkana jedhee dhiyeesseen ture:

 

“October 3, 2010 @ 8:11 am

 

Kun jalqaba malee xumura miti

 

Duraan dursee, Waaqayyo/Rabbi, kan xumura Ayyaana Irreessaa/Irreechaa bara kanaa irratti waan gaarii nu dhageessise, galanni haa gahu. Ittiaansee, hundi keessanuu, kan tokkummaa ilmaan Oromootiif keessumaayuu tokkummaa qabsaa’otaatiif karaa dandeessaniin waan dandeessan gumaachaa turtani fi jirtan; Maanguddoonni Oromoo otuu of hin ifatin, dadhabne otuu hin jedhin, obssa guddaa dhaan yaaliin araaraa fi tokkummaa kun akka milkaawu tattaaffii gootan, hunduu galanni keessan guddaa dha.

 

Tarkaanfiin kun jalqaba malee xumura akka hin taane hubatamee, kan hir’ate akka guutu; kan hafanis yaamicha tokkummaatiif owwaatanii, tokkummaan qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoo hunda hammatu sadarkaa itti aanutti akka milkaawu; hawwiin uummata Oromoo hojiirra ooluu qaba. Tokkummaa dhaan malee mooraa QBO keessatti humna cimsuun akka hin danda’amne hundaafuu ifa ta’uu qaba. Tokkummaan itti aanee dhufu, kan jaarmayoota bilisabaasota Oromoo hundaa hammatu ta’uu qaba. Otuu akka hawwii kiyyaa ta’e, waliigalteen amma dhaga’ame kun kan ABO garee sadeenuu tokko godhu ture.

 

Haa ta’u garuu abdii kutachuun nurra hin jiru. Tarkaanfiin kanatti aanu kan QC ABO fi ULFO dabalatu fi tokkummaa bilisabaasota Oromoo hundaa hammatu akka ta’u abdiin kiyya guddaa dha. Gaheen ykn qoodni nuyi kanaaf gumaachinus itti fufuu qaba. Ani gara kiyyaan hamman tokkummaa hundaa hammatu kana argutti karaan danda’een, waanan danda’u godhuuf ykn gumaachuuf tattaaffii koo hin dhaabu.”

 

Dhumarratti, ammas taanan hawwiin ani qabu fi yaadni ani ibsa walhubannoo fi araaraa ABO QC fi ABO Shanee Gumii kanarratti qabu kan biraa hin ta’u. Kanaaf, qabsaa’otni keenya hunduu yeroo tokkoon tokkoomuu yoo hin dandeenye, xinnaatee yoo xinnaate, warri kaayyoo tokko qaban ykn galii walfakkaataa barbaadan, tokkummaa ykn tumsa kaayyoo uumanii; karaa danda’aniin qabsoo kana cimsanii; uummata keenya gabrummaa hamaa kana keessaa akka baasan carraa kanaan dhaamsa kiyya dabarsuun barbaada. Warri amma walhubattani fi araaramtanis, walitti deebitanii; caasaa tokko jalati ABO cimaa tokko akka gootan abdiin qaba. Sadarkaan itti aanee dhufu ammoo, tokkummaa ABO fi THBO (ULFO) kan biroos dabalatee tokkummaa hunda-hammataa akka ta’u hawwii fi abdiin kiyya guddaa dha.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

9 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

9 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

9 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

9 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

11 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

11 months ago