Categories: Oduu Oromiyaa

Kan darbe dagadhaa

 

Ahmad Abbaa bulgu
Kan darbe dagadhaa maliif dhiphattanii, Har’a qofa ilaalaa seenaa maal qabdani.
Kan darbe dagadhaa hunda irraanfadhaa, Nutu isinii beekaa gorsa keeyna fudhaa.
Kan darbe dagadhaa oduu jara kibbaa, Nutu qaroomaadha worreen gara kabaa.
Jiruu jaarraa tokkoo duubatti yaaddanii, Qaromina keeynan qixaahuu dhabdanii, Maalumaaf of taatan nu ta’uu dhiiftanii?
Nutu bulchuu beeka kan irree jajjabaa, Kan garaa hammaataa nama gadi qabaa.
Borus akka kalee nu jala bultanii, Waadaa goota keeynaa maliif dagatani ?
Goonni keeyna du’ee har’a jaarraa guutee, Isa of biraa dhabnaan guyyaan nutti dhiite.
Goota hunda caalaa kan biyya qaroomse, Kan hunda jaallatu nama wol qixxeesse.
Bosonaa isin baasee dirree irraa sassaabee, Nama isin taasisee nu cinaa isin dhaabe.
Duubatti hin yaadinaa waan durii keessanii, Gadaafi dimokraasii waa beekna jettanii,
Ifa akka keeynaa eessaa argattani?
Kan darbe dagadhaa kan worra du’anii, Hiyyeessiifi wollaalaan baayyachuun isaanii, Dhiphuu lafaa male maal bu’aa qabani?
Goota keeyna faarsaa nu cinaa dhaabbadhaa, Boqonnaa lubbu isaaf mee waaq kadhadhaa, Kan finciltan hunduu dhiifoma gaafadhaa.
Hojii isaa kabajaa goota keeyna faarsaa, Siidaa isaaf sagadaa abaaboon miidhagsaa.
Kan dogoggortanii kara irraa baatani, Siidaa isaa diiguudhaaf itti bobbaatani, Woyyaaneen diina isaa waan ta’e seetanii? Bar nuti tokkumaa maaliif gowwoomtani?
Bar tokko kan keeyna bar tokko kan jaraa, Dabaree isin binna dhugaan kanaa baraa.
Gidduu keessan seennee adda isin qoqqoona, Nageeynaafi hariiroo hunda isin sarbina, Humna isin dhabsiifnee dabaree isin binna.
——————//—————-
Lakki
Seenaa koo aadaa koo lakkii hin dagadhuu, Biyya koo lammii koo an hin irraanfadhuu.
Diina koo fira koo wolitti hin makadhuu, Fira koo ormoomsee diina koo hin filadhu.
Lammii koo saba koo kan woreeramanii, Badii tokko male du’aan yakkamani.
Lammii koo saba koo kaneen madaahani, Kaneen dhiigni jige harma muramanii.

Lakkii hin dagadhuu har’as nan yaadadhaa, Gumaa bahuu jibbus seenaan barreeffadha.
Goonni kee siif goota atumti faarfadhu, Sidaa isaaf sagadi suuraa isaa dhungadhu.
Inni nama hamaa kan lafa baleesse, Haadha harma muree daa’ima ajjeese, Tokkoo ifa laatee kan kaanii balleesse.
Galata goototaa galata hayyootaa,
Galata qabsaahotaa kan woreegamtootaa.
Har’a dammaqeera mirga koo bareera, Kan hafe guuttachuuf karaa jalqabeera.
Waan feete lalabdus an gorsa kee hin fedhu, Fuul duratti male duubatti hin deebi’u.
——————–///——————–

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago