Categories: Oduu Oromiyaa

Kan isin leenjisaa jirruuf akka isin gaaffii kana kaaftaniif osoon hin taane, akka isin Uummaticha barsiiftanii fi amansiistaniif malee…

Gaazexeessitoota TVO mara kan haammate,leenjii guyyaa 20f Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taasifamaa jirurratti waa’ee godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee Gaazexeessitootni gaaffii gaafannaan “Kan isin leenjisaa jirruuf akka isin gaaffii kana kaaftaniif osoon hin taane, akka isin Uummaticha barsiiftanii fi amansiistaniif malee akka sin gaaffii kana kaaftaniif miti jechuun doorsisuu irratti argamu,akkuma ammaan dura ijoollee Oromoo Oromummaan itti dhaga`amu ari`aa turan amma illee sin ariina jechuun doorsisuutti argamu.

 

Namni lammiin Tigraay tahe akka leenjisuuf ergamee dhufe tokkos waa’ee gaaffii godina addaa ilaalchisee akkas jedhe “Kanan jala muree isinitti himuu barbaadu jaallatamees, jibbamees naanawaan finfinnee federala jala galuunshee dhimma murtaayee dhumeedha kanaaf gaaffii akkanaa yoo dhiistan wayya” jechuun akkuma wal gahii kanaan dura caffeen Oromiyaa Galma Abbaa Gadaatti taasisani,isaan keessa lukkee wayyaaneen tokko “jaalattanis,jibbita¬nis”jedhee ture kuni haasahuma wal fakkataan sodaachisaa jiraachuun hubatame
Kana malees Eebla guyyaa 07 /2014 Yuunversitii Ambootti barnoonnii eegalee jira jechuun karaa midiyaan baratoota gara maatii fi iddoo adda addaati baqataan oduu sobaan waamuun baratoonii gara mooraa akkamu gahaniin; gargaarsa basaastoota fi humnaa fedeeraalatii namoonni 7 akkuma mooraa Yuuniversiitii gahaaniin qabaniin tumamaa gara mana hidhaati fudhaatamanii jiru.

Barattoonni kunis:-
1. Waaqoo Gammaachuu
2. Abdii—
3. Firoomsaa
4. Sanbatoo fi kkf yoo ta’aan barattoota siviili kan waggaa 2ffaati.

 

Namoonnii barattoonnii kun akka qabaman tasisaan basasstoota fi hongantoota dallaa Yuunversichaa kan ta’an:-
1. Dr. Mitikkuu Teessoo pireesendaati mooriicha
2. Obboo Laaqoo itti ana pireesedanti
3. Obboo Ababaa- Diinii mooraa teeknooloojii.
4. Obboo Zinaabuu head of ABPE warreen ta’aan kun barattoota walga’ii bilisaa irraa yaada kennaa turaan fedeeraalan qabamanii; dormiidha ukkaamsaanii fuudhaanii deemuu isaanii namoonii ijaan argaan ragaa baha jiru.

 

BY>>QEERROO

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago