Camsaa 2009
Seensaa
Barmaatilee miidhaa geessisan akka aadaa hawaasa tokkotti ilaalmuudhan dhaloota dhalootaatti darbuudhaan daran baratamaa kan deemanidha.
Barmaatileen kun yeroo dheeraaf dhaloota irraa dhalootatti darbaa waan dhufaniif hawaasni akka waan faayidaa qabuu fi waan gaariittii ilaaluudhaan kan raawwatudha.
Barmaatileen miidhaa geessisan kun miseenota garee hawaasaa ta’an keessattuu dubartootaa fi daa’imman irratti midhaa cimaa kan geessisanidha .
Hawaasni aduyaa BMG kan adaa namaaf faayidaa qabu irra adda fudhachaa turullee konvenshinii loogii dubartootaa irratti raawwatamuu kamiyyuu dhabamsisuuf bahee ( convention on the Elimination of All forma of discrimination against waomen ) bara 1979 fi konvenshinii mirgaa daa’immanii ( CRC bara 1989 bahe isaan duraati
Waliigalteewwaan mirgoota namoomaatiin walqabatanii waa’ee mirga dubartootaa fi daa’immanii ilaalchisee bahen huna keessatti BMGn dubartootaa fi daa’immanii irratti raawwatamuun miidhaa geessisan biyyoota miseensota ta’an keessatti akka hin raawwatamne tarkaanfiilee barbaachisoo ta’an akka fudhatanis tumamee jira
Biyyi keenyaa Itoophiyaanis waliigalteewwaan mirga namoomaatiin walqabatani bahan mirkaneessuu qofa osoo hin taane qaama seera biyyatti akka ta’an HM’FRI keewwata 9(4) jalatti ifatti tumamee jira
Heeruma mootummaa kana keewwata 16 jalatti dhalli namaa kamiyyu mirga miidhaa qaamaa irraa eegamuu akka qabuu tumamee jira
Akkasumas seerri yakkaa bara 1996 bahe BMG dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamuun miidhaa geessisan yakka ta’uu isaanii adabbii isaanii wajjin ifatti kaa’ee jira
Barmaatilee miidhaa geessisan dubartoota fi daa’imman irratti rawwatamuun miidhaa xin- samu qaama fayyaa fi hamilee geessisan keessa isaa angafadha.
BMG heera mootummaa fi seeraa yakkaatiin kan dhorkamee fi gochaa kana ittisuuf tarkaanfileen adda addaa kan fudhatamaa jiran yoo ta’ee illee ilaalcha duudhaa fi amantaa hawaasaa irraan kan ka’e gochaan kun yeroo dubartootaa fi daa’imman irratti miidhaan adda addaa geessisan ni mul’ata
Kaayyoo
Konfirensii sosochii hawaasaa bal’aa umuudhaan BMG yakkoota dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamaa jiran maqsuun mirgaa fi nageenya isaanii kabajsiisuun hirmaannaa fi faayidamummaa dubartoonnii fi daa’imman kabachisuu BMG akka xiqatu gochuu
Galma
Yakkoota fi BMGn dubartootaa fi daa’immni irratti raawwataman maqisuuf hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota gama hundaan mirkaneessuuf hawaasa bala’aa waliin konfiraansii gaggeessuun sochii hirmanaa hawaasa bal’aa humuufi cimsuun akkasuumas jijjirama hawaasichaa keessatti fiiduu dhaan gochaa fi yakka raawatamaa jiru hir’ate arguudha.
Barbaachisummaa
BMGn bakka heedduuminaan irra dadeebiin itti keessatti soochii finiinsa hawaasaa bal’aa uumuu dhan hubannoo hawaasni bal’aa dhaf keennamee akka maqisamuuf konfiraansiin hawaasaa kun barbaachisaa ta’ee argameera
Haala walii Gala BMGn irra jiru
BMGn yakka ta’uu isaa hubatee dubartootnnis ofitti amanummaan isaaniitis dabalee miidhaawwan isaan irra gahu mormuu fi yakkoota isaan irra gahu seeratti dhieessuu calqabanii jiru. Hojiiwwan baballaan hojjatamaniins gosaa gosatti aanaa fi aanaattii garaagarummaa yaaqabaatu malee amma ta’e hara’achaa dhufee jire yoo xiqqate hawaasni BMGn yakka ta’uu isaa hubatee saaxiluu calqabee jira. Yaata’uutii amma irraa geenyee yeroo ilaalluu qaamooleen mootummaas ta’ee dhimmamtootni / deeggartootni/ ijaaramoonni hawaasaa dhaabbileen amantaa / abbootiin gadaa hawaasa biratti fudhatama qaban waliin ammas qindoommina calmaatti otuu socho’amee bu’aan caalmaan dhufuu danda’a hanqinoolee kana irraa ka’uun ammas BMGn dubartoota fi daa’imman irratti gahaa jiru deebi’ee dabalaa dhufee jira.
Bakka itti Hedumaatee
Hojiiwwan Gurggudoo Hojjatamuu qaban
Tarsiimoo Raawwii /Malaa raawwii
Hirmaatootaa marii kana
Sadarkaa Ganda itti haawaasa Bal’aa
Dhira 1,500,000
Dubartii 1,500,000
W/G 3,000,000
Sadarkaa Aanaa tti
Dhira 46,650
Dubartii 46,650
W/G 93,000
Sadarkaa Godinaa fi magaalaatti
Dhira 17,600
Dubartii 17,600
W/G 15,200
Gabatee yeroo raawwii
T.L | Hojiiwwan gurguuddoo | safartuu | yeroo raawwii | qaama raawwatuu |
1 | karoora konfransichaa manamentiin mirkaneessuu | lakk | 03/9/2009 | A/adeemsa Gahoomina |
2 | marii hawaasaatiif waa’ee BMG ilaalchisee dok. Matiin mirkanaa’ee akka qophaa’u gochuu | dokimanti | 06/9/2009 | A/adeemsa Gahoomina |
3 | koree addaa addaa dhabuu | koree | 06/9/2009 | waaj Dh.D.D.Godinaa |
4 | dokimantii qophaa’ee aanoota gadii busuu | dok. | 07/9/2009 | waaj Dh.D.D.Godinaa |
5 | ragaawwan yakkoota BMG miidhaa human irratti xiyyeeffachuun raawwatamaa jiran akka godinaa | lakk aanootafi magaaloota | 30/8/2009 | Aanoota fi magaaloota |
6 | waltajjiiwwan babal’aa sosochii hawaasaa sadarkaa sadarkaa qopheessuun BMG irratti mariiwwan jijjirama fiduu danda’uun taasisuu | lakk aanootafi magaaloota | camasaa 10-15 | Aanoota fi magaaloota |
7 | seera aadaa hawaasin irratti waligaluu danda’uu akka baafatan gochuun mana mare sadarkaa gabdaatiin akka mirkaneeffatanii hojiirra oolchaan gochuu | lakko gandoolee | camsaa 16-30 | aanaa/ Gandoolee |
8 | gandooleen muuxannoo gaggarrii qabanii fi BMG/irraa bilisa ta’an waltajjiiwwan sosochii taasifamu kana irrattii beekkamtii akka argatan gochuu | lakk | 15/9/2009 | Dh.D.D Aanootan |
9 | hojiiwwan raawwataman hundaa sirna gabaasatiin qindeessuun qaama ilaalatuuf gabaasuu | 20/9/2009 | Dh.D.D sadarkan jiruu | |
Koree sosochii kanaa sadarkaa sadarkaa dadhabatu
Gahee koree sosochii sadarkaan dhabatuu
Caasaa dhimma dubartoota fi Daa’immnii
Caasaa dhimma dubartoota fi daa’imman sadarkaa jiru koree dhabatee kana qindeesuun sochii hawaasa kana fidinnisuu irra egama.
Gahee Jarimyalee dubartoota
Sochii dubartoota bal’aa finfinnisuu dubartoota marii hawaasa sadarkaa sadarkaan geggesamuu irratti akka hirmatan dubartoota sochoosuu
Gumii Abootii gadaa
Abootin gadaa hawaasaa biraatii fudhatama waan qabaniif BMG baleesuu keessatti shoora olanaa qabuu sababbin isaa abootin gadaa qama hawaasa sana bulchuu fi seeri adda bafatanii hojii irra olmaa isaas hordoffani murtee kan kennuu waan ta’an bakka uuman waliitii qabamee bakka marraatii kan kennuu waan ta’an bakka uuman waliiti qabamee bakka marraatii ilee caaraa dhageefatamuu waan qabanuuf ergaa dabarsuun seeraa adda bafatatan hojii irra akka oluu BMGn akka baduu hawaasa sochoouu
Qindoomina dhaabbilee amantaa sadarkaa jiran
Namoota ammantaa isaan barsiisan hordofaniif dhimma kana irratti xiyyeefachuun akka hubannoo kennanii fi sosochii kan keessatti akka hirmaatan taasisuu
Dhaabbilee miti mootummaa BMG dhabamsiisuuf hojjataa jiran
Dhabileen miti mootumaa akkata aregama qabatanin hojeetaa jiranin sosochii hawaasa kana deggaruu
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…