WASHINGTON DC—Hidhattonni Al-Shabaab Gamoo
Hidhattonni Al-Shabaab Gamoo daldlaa kan Naayroobii keessaa Westgate jedhamu Fulbaana 21 bara 2013 haleelan. Kunis waggaa lama guutee jira. Humnootiin Keniyaa hidhattota balaa kana geesisan waliin guyyaa sadiif walitti dhukaasan. Namoonni lubbuun hafanis guyyaa sadiif achuuma gamoo daldalaa sana keessa dhokotanii turan.
Bakki daldalaa kun waggaa tokko dura deebi’ee baname. Kanneen lubbuun hafuuf carroman akka jedhantti nama addaan utuu hin baasin hidhatonni kun fixan.
Haleellaa sana booda qorannaan gaggeeffame akka agarsisuutti Iddoon sun qiyyaafannaa jala akka jiru mootummaan balaan kun ituu hin dhaqqabin waggaa tokko dura akeekkachisee ture. Kana malees Humnootiin nageenyaa kan Keniyaa haleellaa kanaaf deebiin kennan kan qindominaan gaggeeffame hin turre, kunis dogoggora jedhee jira.
Erga haleellaa westgate dhaqqabee as Al-Shabaab Keniyaa keessatti haleellaa ka biroo kan gaggeesse yoo ta’u baatii Ebla darbe haleellaa Yunivarsitii Gaariisaa irratti gaggeesseen lubbuu nama 148 galaafate jira. Gamoon daldalaa kun waggaa darbe deebi’ee eega banamee booda garuu eegumsa jabaatu jira.
September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…
Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…
September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…
Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…
Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…
August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…