Categories: Oduu Oromiyaa

Koomishinni Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Paarlaamaa Dha Gabaasa Dhiheessufi

Mormii Oromiyaa fi gaafii eenyumma ummanni Qimaant kaasee irratti lubbuu namoota darbee, han madahee, akkasumas bayyina nama hidhamee,laalchisee itti gafatumma eennyu akka fudhatuu kara mootumma fi mormitoota yaadin kennamu addan goraa ta’uun, itti fufeera.

Dhimma kanaratti ibsaa fi gabaasa kennaaa han turan, dhabbaatoonni mirga dhala namaatii falman fi paartiileen siyaasaa, “mootummaan Itoophiyaa humna gita hin taane fayyadamee hubaatii hammataan gaheera, kanaaf immoo mootumman itti gafatamuu qaba,” jedhan.

Motummaan Itoophiyaa garuu, hubaatii gahee kana lakkoofssan lafa godhuu dhaa, gabaasa Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa eggaa tureera. Gabaasni kun dhuumuu fi torbban lama keessatti mana marii biyichaatii dhihaachuu dha akka qophahee han ibsan Koomishineerri dhaabichaa Dr. Addisuu G/Igzaabeer Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa gadi bu’ee haala jiru qorachuu fi jarjaraan oddo hin ta’in tasgabbiidhan qorannoo geggessaa turuu dubbatan.

Mootumman Itoophiyaas gama isaatiin ,beekumsa han kennu gabaasa kana ta’u ibsa tureera. Gabaasnii Koomishinii Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa kun bayyina namoota lubbun bade, han madaahanii fi hidhamanii afaan mootummaa irra dhagahuuf fala ta’a jedhamee eggama.

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago