ABOn B/General Kemal Galchuun hooganamu Caamsaa 16-17, 2015 biyya Kanadaa, magaalaa Calgary keessatti kora isaa kan waggaa odhachuudhaan miseensotaa fi uummata Oromo waliin dhimmoota Qabsoo Bilisummaa Oromo irratti maree deemsisuuf saganteefatee jira.
Walgahii kana irratti hoganotin ABO B/G/Kemal Galchun hooganamu argamuudhaan dhimmota fardiii ta’an ( policy issues) kan akka Sagantaa Siyaasaa, kaayoo masakaa, tooftaa fi tarsiimoo qabsoo, tokkummaa qabsaayota Oromo kan kana fakkaatu irratti miseesotaa fi hawaasa Oromo waliin maree bal’aa deemsisuuf jiraatu. Kanaaf, Oromoonni adeemsa kaayoo, Sagantaa Siyaasaa fi Tooftaa fi Tarsiimoo QBO –tan ABOn hooganamtu irraa gaafii, yaadaa fi yaaddoo qabdan hundi akka maree kana irraa qooda fudhattan kabajaa fi Jaalala Oromummaa waliin isin afeerra.
Caamsaa 16, 2015 – guyyaa Walgahii Hawaasaa, Caamsaa 16, 2015 – galgala sagantaa bashannanaa kan Artistonni Oromoo beekamoon irraa qooda fudhatan fi Caamsaa 17, Walgahii Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa
Teesson – 167 Temple Community Center
Caalatti Hubachuuf lakkoofsa bilbilaa asii gadii dhawaa.
Obbo Qasim Barro – 587 700 1462, Obbo Husseen Fatoo- 403 903 4863,
Obbo Gammachuu Gole – 403 890 7617
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…