Categories: Oduu Oromiyaa

Koree fala barbaadu hawaasa muslimaaf Obolewwan keenya 18 hunda isaan irrat mani murtii murtee badii dabarsuun isaa bekkamme .

ODUU GUUTU MANA MURTII

Hasbunalaahi Woni’imal Wokiil

Raadiyoo Daandii Haqaa {RDH }
Wiixata Wooxabaji 29 /2007

Mani murtii Mootumaa Murtee badii Eegi isaan irrat dabarsee booda Adabii isaan irrat kenuuf Adooleysa 28 beelameera , Hamma Adooleysa 10 wanta himaana isini irra laafisu dhiheeyfadha jedhamaniiru .

Himanaan koreef obolewwan keenya irrat banamees akkasummas keeyatinis kan hin fooyefamiin tahuu madden keenya gabasaniiru .

Dhadacha mana murtii woxabajii 29 waare dura mogaafame gubbat ustaaz Ahmediin Jebeeli fi Ustaaz Kaamil Sheemsu kahuudhan hassawaa cimaa taasisaniiru .

Ustaaz Ahmadiin Jebeel Dhadacha addaan qaxamuruudhan Eeyyama isaan ala miyk fudhachuudhan yeroo kahut Abban Seera << Seera kabajii namusa >> yeroo jedhut << kan Naamusa hin qabne sihiidha >> jechuun akkas jedhee << wanta nuf dubiisuf deema jirtan osso isiin hin dubisiin isiniif himmu ni dandeenya isiin enyu akka isiin erge bareechine beekna isin ergamtoota jara siyaasat male namoota haqaa nuf muruuf assi teeysan mit Humnaa ittin murteeysitanis hin qabdan >> jechuun hassawa cimaa taasiseera .

Ustaaz Kaamil Shamsu ammo << isiin Hin Saalfatanu nut woraqaa 20,000 dhaqabuudha ragaan ittisa nut dhiheeyfane Deqiiqa 5 qofa dubiiftan murtiit seenuf yeroo jetani isiin akka nama seera barate tokkot hin saalfatanu ? sila nutis isiin beekna Hojatoota mana hidhas ajaju hin dandeeysanu fakeeysudhumaaf jetani xinoos hin dubiftanuu ? Himanaan maal akka tahees adda baasa beeka hin jirtan maqaa namoota hikamani waama jirtu akka nama seera baratet xinoos hin leeyoftanuu ? >> jechuun dubateera .

Mani murtii koree keenyan Hundumtu keeysan baleeysa qabdan jechuun Eegi iti murteeyse booda akka isaan dubatanuuf cara kan keneef hundii isaan akka dubbatan madden keenya nuf gabasaniiru .

Jalqaba irrat Ustaaz Abubaakar yeroo yakka dalgdeerta jedhame murteen iti kenamuut kahuudhan << Alhmdulilaah akkaan gammade jira Ani Qulquluudha kan irrat murteeysa jirtan hawaasa muslimaa guutu biyyat gubatiidha , hojii dalagaa tureen ni boona ammas qabsoo mirgaa koo cimsee iti fufaa >> jechuun obolewwan isaa hamachuun << Allahu Akbar >> kan jedhe tahu beekameera .

Lamafaa irrat ustaaz Ahmeedin Jebeel Egi badiin irrat murteeyfame booda kahuudhan << sif fakaatota keetidha shororkeeysani ( Abbooti Seeran ) Ani shororkeeysa mit Ammas fulduraafif Barsiisu kiyya iti fuufa >> jechuun Gootin beekaa Seenaa Ilmi Jebeel dubateera .

Himatamaan Sadaaffa Ustaaz Yaasin Nuuru yeroo itti murteen badii iti murteyfamee caraan kenameef << Alhmdulilah akkan gamadeera >> jechuun akka dubbate bekameera .

Himatamaan Afrafa Ustaaz Kaamil Sheemsuu << Ani Samuun koo Qulquluudha isin garuu Hardhas tahe boruufis Samuu keeysan akka dhukbisitaniit jiraatu >> jechuun Jecha Abboti seera Mata isaan woraanu madeeysu kan ittin jedhe tahu bekameera .

Himatamaan 5 ffaa Ustaaz Badru Hussen ammo << Hasibiyallahuu woni’imal wokiil Rabbin Akka nut Qulquluu taane ni beeka , Ummatin Aduunyas ni beeka , guyaa hardha kan isiin irrat murteeysitan hawaasa muslimaa Wolakaa biyyat gubbatiidha kan murteeysitani >> haassawwa jedhuu dhageysiseera .

Himatamaan 6 ffaa Sheek Mekete Muheen Ammo << Hasibiyallahuu woni’imal wokiil >> jechuun du’aai kan godhan tahan tahu bekameera .

Dargagoon Muhaamed Abaate ammo << isiin guyaa hardhaa kan murteeysitan woroota qabsoo biliysumaaf isiin dura qabsa’a turaniif kan isiin wojjin qabsaa’a turan lafeef dhiiga isaan irratiidha kan murteeysitani Biliysumaaf haqaaf qabsooftan dhuftan amma garuu isaan irrat murteysitani nurati miit kan murteeysitani isaan irratiidha kan murteeysitani >> jechuun hassawwa bilchaata soda tokko male dubateera .

Ustaaz Ahmeed Musxafaa << Nut shororkeeysitoota mit Shororkeeysan Kan Quurana fi Hiijaba gubeedha nut shororkeeysitoota akka hin taanef qulqulumma keenyas ni beektu >> jechuun kan dubbate tahuu madden keenya nuf gabasaniiru .

Hirmaatotin Dhadachaa fi maatin koree keenya guyaa hardhaa dhadacha gubbat argamee heduun isaan gamachuun takbiira godha kan turaniif iddoon isaan jiran mana murtii Mootumaatu kan hin fakaanef hawaasin argame maati koreen Abshiiru isiin wojjin jira jechuun kan deegarsa isaan agarsiisa turaniif Ijoolen dubartii lamma Rifachuudhan ofi wolalan kan kufaniif yeroo amma kanat gara Hospitaalat kan geeyfaman tahu madden keenya nuf gabasaniiru .

Hasbunalaahi Woni’imal Wokiil

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago