Caamsa 3, irraa haga Waxabajjii 6, 2015
Waajira Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromootiif
Akkuma hubatamu Miseensi Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo Jila Qabsaawotaa kan bara 2015 milkeessudhaaf jecha, Itti Aanaa Hayyu Duree ABO dabalatee Koree nama jahaa uf keessa qabu Adoolessa 24, 2015 utubee jira. Jilli Qabsaawota 2015 boqannaa galmee fuula haarawaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti bu’uuressuudhaaf waan deemuf jecha, dirqamni Gumii Sabaatin Koretti kenname kun hagam takkas ulfaata ta’us, carraa kana fakkaatu argatanii dhaaba ufii tajaajiluun eebbifamaa ta’uu hubatuudhaan dirqama itti kenname bifa asii gadii kanaan hin jifannoodhaan marii Jilichaa goolabatuun dandahamee jira.
Ijoowwan Dubbii :
1.1 Koree Qaama Kana Geeggeessu
2, Heera Bulmaata
Walgahii irratti guyyaa fi yeroo jedhametti argamuu
Waan irratti mari’atamu sirnaan labsama yookan miseesnotaaf dhaqqaba. Qaphxiin marii hunduu walhubannaan akka ta’u yaalama.
Yoo saniin mataa hidhatuun hanqatame sagaleen dabara.
Eennuu Sagalee wayyabaatif masakamna. Hujii keessaa haala iccitii hordofna.
2.1, Seerri Bulmaata
Qaphxiiwwan laakkobsa 2 jala jiru hunduu huji irra . Yoo hujiin mul’atuun hanqatame, yeroo duraatif dinniina wajjiin gorsi kennama. Yeroo lammataa dhir’atee yoo argame, gaafi tokko malee Koreen kuni qaama seeraf abboomuu hanqate hujii irraa dhaabuf miga qaba.
3.1 Marii eessa eegala
Qaphxii 3.1 irraa haga 3.18 kan Koreen Jila qabsaawotaa duursitee ufii isiiti irratti marihatuudhan waan fala ta’a jettee amantus tilmaamtee jirti.
Isaanis:
3.2 Sagantaa Dhaaba
Bara 2012 sagantaa keenna jijjiiruun haga tokko sabaa fi sab-lammoota biratti oromoo wajjiin waa hojjachuun akka dandahamu bohaartii kennee jira. Garuu kan nama miidhe dagatus kan miidhame hin irraanfatu mammaaksi jedhu waan jiruuf, haguma feenes nuti lammii itoophaa ufiin jennus, warroonni abboonni isaani foon ummata oromoo nyaachaa turanii fi gabroonfataa turan, abon polotikaaf sagantaa isaa jijjiire jedhe malee onnee irraa hin dhufe jedhanii shakkuu fi yaadun isaani beekamaa ta’uu hubanne. Kana kan mirkaneessu, sabaa fi sab-lammoota irraa miseensa ta’uudhaf namni tokkos gama dhaaba keenna as hiquu dhabuudha fi saantima diima tokko dhaaba keennaf hiixatuu dhabuun isaaniti. Bifa dhaaba polotikaatin maqaa itoophatiin warronni socho’anis, oromoon akka ilma biyyaatti dirqama gibiraa baasu fi qawwee baatuu irraa kana hafe mirga aangoomu fi abbaa biyyaa ta’uudhaf ulaaga tokkos dhaabbota habashoota biratti akkan qabne hubanne.
Namoonni kaleessa bifa hoogganumaatin sagantaan dhaaba keenna akka jijjiiramuuf irratti hojjataa turan, kan akka Hassan Huseen, Leencoo Baatis dabalatee, Amiin Jundii, Xaahaa Tukoo fi Harcaatonni akka Jeneral Haylu Gondaa, Dr. Nuuro Daddafoo, Qaasim Abbaa Nashaa fi xuuxilloonni isaanii hundinuu, walhubanna dhaabdi keenna Aljee wajjiin godhe, bifa walii galtee fakkeessanii ummatatti dhihaatu fi olola bifa saniin deema ture kamuu odoo argan waan hin argine uf fakkeessanii dhaabdi keenna xurii akka laaqatu itti dhiisun isaani, irra hedduu Oromoo biratti dhaabdi keenna Amaaratti waan gale fakkeesse jira. Kanaaf haalli sagantichaa saba keenna irraa nu moggeessu isaa hubannee jirra. Odoo humna hin jabeeffatin nutti fakkeessanii akka waraabessaa gaafa nu ciniinsisuun isaani wareegama guddaa nu kaflchiisu isaa hubanne.
Kanaaf jecha, duursinee fedhii saba keenna fi gaafi barattoota Oromoota deebisuudhaf jecha, Sagantaan itoopha dimokraatoytuu taate arguuf qabsoofnaa fi ummanni oromoo lammii itoophati jedhu kun Jila kanaan wayyeeffamuu akka qabu gadi fageennan koreen tuni irratti mari’attee jirti.
3.2=Gadaa Hoogganaa yookan Kora Sabaa/Jila Qabsaawotaa
Gadaan hoogganaa yookan koraa waggaa afur afuriin ta’uun yeroo, sammuu fi diinaggee waan gaafatuuf gama waggaa 8 achi hiquun haalota tuttuqaman kanniinif furmaata ta’a. Ummanni oromoos lafa irratti waa garsiisu malee kora jechuudhaan waggaa afuriin walitti dhufuu kana irraa hifatee jira. Gama biraati sirna gadaas hordofuu ta’a waan ta’eef, jilli kun furmaata akka itti kennu dhiheessina.
3.3-Alaaba
Alaaba qabnu tanaaf jaallan hedduun wareegamuun hubatamaadha. Akkuma san mana miseensotaa fi deeggartoota hunda jiraachuunis beekamaadha. Garuu dhaabdi maqaa abotin socho’uu waan heddummaatef jecha, alaaba abo biraa irraa adda nu godhu qabaatuun barbaachisaa waan ta’eef. Seena kaleessa bara 1973 dura turee fi kan achi boodas yaadatuudhaaf jecha, laaba gadaatin yooggabifame seenaa hundaawu gabbisuu ta’a jennee amannna.
3.4= ABO yookan Maqaa Dhaaba jijjiiru
Akkuma beekkamu maqaan kaayoo dhaabaa ibsa. Maqaa kaayoon ala moggaafachuun hin dandayamu. Oromoon kaayyoon teenna maali jedhee bareechee beekuu qaba. Kaayyoon keenna dararamaa fi hacuuccaa hangana hin jedhamne jalaa ufii fi saba keenna baasuudha.
Burqaan hacuuccaa kanaa, diinni keenna biyyaa fi qabeenna Oromoo humnnaan fudhatee, nama keenna keenna tumee bulchuu yookin gara habashummaatti jijjiiruu fedhii godhatee, kanuma kaayyoo tokkummaa biyyaa jedhuun gaafa Afrikaa unkurudha.
Ummanni oromoo maqaa ABOtiin ajjeefamuu fi biyya isaa irraa baqataa jiraachuun eennufuu ifaadha. Kanaaf jecha maqaan kuni akka tuqamu deeggartoota fi miseensonni irra hedduu kan hin feenef. Garuu ABOn waan heddummaateef, dhaabdi kamuu garee ta’uu irraa hin bahu. Jaalatamuun isaa akkasumatti ta’ee gama biraatin hoo akkamitti laalama kan jedhu yoo keessa deemnu bifa asii gadii kanaan xiinxalluu yaallee jirra.
3.5= Sabaa fi Sab-Lammoota birratti maal fakkaata.
Yoo kan yaadatamu ta’e, diinni ABO sadi jedhamee dhaaba kanaan barsiifamaa ture. Amaara, Adaree fi Somaaledha. Kanaan wal qabatee yeroo documentariin saba amaara irratti ABOn hojjate jedhame himatame, hoogganoonni ABO haala san mormatuu odoon taane akka deeggartoonni dhaabichaa dalaganitti deebi kennuun kan yaadatamuudha. Kana irraa ka’uudhaan adareen saba xiqqaa biyya san keessatti waan ta’aniif uf duraaf miidhan ummata oromoon isaan irra gahuudhaaf deemu kana fakkaata jechuudhan Turkiin walitti hidhata qabaatun isaani dhokataamiti.
3.6= Oromoo Biratti hoo haalli isaa maal fakkata yoo jennu bifa asii gadii kanaan keessa deemu yaalle.
A,Guyyaan abon Sumudaa yookan Naqarsa hin fayyine ummata ormoo biratti aragatuu eegale, Du’a Baaro Tumsaa sababa ka’uumsa bittinnaawu godhatuu irraa kan ka’eedha. Achi booda ifattis ta’ee karaa hin beekamneen ilmaan oromoo fi qabsoo sabichaa laamshessuu bira kutee sadarkaa du’aatin isa gahuu irraa kan ka’e jijjiirama dhaaba keessatti akka finnuuf tarkaanfi nu akka fudhannu nu taasisee jira. Wanni jala muramuu feesisu, Jaal Baaroo Tumsaa bifa saniin du’uun isa irra hin turre. Eega du’e tarii qaamuma tarkaanfii san fudhate irratti murtii barbaachisu fudhatuu irraa kan hafe, qabsoo diina irratti godhamuun male oromoo irratti qawwee garagalfatuun jala qaba diigamiinsa abo fi deeggartoota isaatif balbala hin cufamne banuun irra hin turre. Eega haalli sun dhalate, keessattuu Qoodamiinsi oromoota naanno harargee san irraa kan eegale ta’uun hubatamaadha. Sababaa lola kanaatif jaallan hedduu qaaman dhir’atanii fi kan lubbuu isaani dhabanis laakkobsa hin qaba. Kanaaf, jibbunus jaallannus sababa biraatis makatee, oromoon sababa adda addaa fi tooftaa hin beekamneen haga har’aatti Gumaa Jaal Baaroo Tumsaa baasa akka jiru kan hubatu namoota gabaabadha.
B,Itti aane Buqqa’iinsa ibsootiinis haga tokko qoodamiinsaa fi wal irratti duulun uumamee jira.
C,Kan biraa Fottoqiinsa qaaccatiinis yeroo dheerallee fudhatuu dhabu, ilmaan oromoo afaan qawwee akka walitti deebifatan taasisee jira. Rakkoon haga abon booran keessatti gadi dhaabbate edduu oromoota booranaatti fide, aada kaleessa ilmaan booranaa wajjiin qabaata turte keessa seenudhaan xurii hin dhiqamne kaayee jira.
D,Oromoon kaleessa haga abon hin dhalatin, fagotti waliif kabajaa qabaataa ture. Kana yoo jennu walitti bu’aa hin turre jechuu odoon taane kabajaa waliif qabaata ture jechuudha. Haga dhaabdi kuni biyya keessa sochii jala qabe, kutaa fi amantaan wal qoodu jala qabe. Dabarsee diinaaf wal kennuu aada godhataa dhufe.
E, Afooshaan yookan keetti du’aa fi jiruu kan oromoon biyya alaa jiru yeroo gaddaa fi gammachuu wal bira dhaabbatuuf jaaratu tokko yoo uumame harka diinas makatee gaaddisa ummanni keenna mataa walitti qabatuudhaf bu’uuressu kamuu diigu hujii godhatuuni isaas hubatamaadha. Akkuma Habashoonni nu malee kan biraa hin jiru jedhan warrii abo geegessaa tures nu malee kan biraa hin jiru waan jedhu aada godhatan.
C, Jijjiirama haga goone boodas odoo akka duraani namuu dirree jiraate, nuti warra waltajjii kana irra jirruu fi irra hedduun miseensota keenna qaata lafee taane hafne. Akka duraani nama mogochuu fi ufumaa wareeganii booyanii boochisuu yeroon waan irra dabreef jecha, tokko hooggana keenna maqaa xureessu, hoogganoota akka luqqa’an taasisu, miseensota bittanneessuu, jijjiramni haga dhalate caalatti oromoon ifa bahee wal qoodu jala qabe. Keessatti gadi bu’udhaan akkuma oormoota haragee fi booranaa ganda gandaan adda ciraa turetti oromoota arsiille uf wallachisee, uf wakkachiisudhaan wal maaxarsiisuu kan dandahe maqaa dhaaba kanaatiin kan ta’eedha. Oromoota arsii baalee fi diida’a jechuu bira kutee baleen bakka sadihitti addaan qoodudhan, Ummata gammoojjitiin ( Miigo), kan Baddaatin (qottuu) fi kan Gadabiin (gadaboo) haal jedhu eddutti uumudhaan saba baradheeraf diina isaa tokkummaan dura dhaabbataa ture garraa fi duuyda walitti godhuudhan akka naanno qofa odoon taane ardaa fi maati keessa gadi seene du’aa fi jiruu keessatti wal bira dhaabbatuun haga hanqatamu kan taasise dhaaba nuti keenna jennee bara dheeraf itti amannee deemani turreedha. Kutaawwan shanan caalatti akka wal qoodan taasisuun abo hubatamaadha. fakkiif, harargee, diida’a, bale, booranaa fi wallagga.
E,Seenan isaa bara 1973 jechuu irraa kan hafe eennutu abo hundeesse kan jedhu haga ammaa qilleensa keessa kan jiruudha. Fakkiif, akka warri dhaaba kana bara dheeraf hoogganaa turan jedhutti, macaa fi tuulama irraa kan maddeedha. Gama biraatiin jeneraal Jaarra abdulkariim fi elemoo qilxuu kan hundeesseniidha. Akkuma haaji Huseen Suraa jedhan seenana fi hujiin abo akka siribiiti. Siribiin adaduma achi itti deemaniin dhabamaa deemti. Abon dhaaba Maqaa himannaan itti heddummaatu, maqaa xurii qabu, maqaa dulloomee fi yeroon irra dabre ta’us haga tokko ummanni oromoo akka jaalatu hubatamaadha. caalatti dubbiin amma harkaa dhaaba keenna qabu haalota inni qabu odoon taane, namni hunduu isa maqaa godhatuudhan ummata oromoo afaanfajjeessu kana waan ta’eef waan dhaaba keenna adda godhu akka qabaannuuf Jilli kun falaa akka barbaadu dhiheessina.
3.7=biyya ollaa biratti
Somaale, rakkoo uumudhaan 80 keessa Ziyaad Barreen uf irraa baasu Dhuma 80 Maqaa jaal Nadhii Gammadaatin Somaaletti deebi’uun wana dandahameef Ziyaad Barre gammachiisuudhaf jecha Somale Landin walitti bu’uun kan beekmauudha.,
Jabuuti wajjii walhubannaa qabaatu dhaaba keenna wayyaane gabaasun yeroo hubatame Jabuutinis uf irraa ugguruu Sudaani, Abo fi Dargiin adda jireenna qabaatu dhabuu yeroo hubatame uf irraa baasu
Sudan kibbaatin walitti bu’uu Kenya birattis xuraawa fi komatamaa ta’uun isaa dhokataamit. Biyyoota kanniin mufachiisun isaa oromoon gama tokkollee baqatuu fi firas akka hin qabaanneef.
Abon gama biyya oromiyaa yoo oldeebi’u oromoo fi saboota irratti duulu Gama ollaa yoo deemu haala firummaa oromoo haphisu irratti dalaguu irraa kan hafe xiyyeeffannaan inni diina irratti qabaata ture dhibbaa heedduu akkan qabne calaqqisuu isaa mul’isaa dhufe.
Kana yeroo jennu dhaabdi kamu dogoggora hin hojjatu jechuu odoon taane, kan namoota seera fi sirna dimokraasitti hin amanne irratti tarkaanfii seera fudhatuun odomaa jiruu dhaabdi kamuu olloota isaa wajjin haga dandahametti firummaa uumu yaala deemu isaa garra. Garuu abon oromoo qabsaawu lagatee haala qabsoo ummata oromoo diigu irratti maayii aanu hubanne.
3.8,miseensa biratti.
Miseensas hagam takka ati gandaa fi naannoon deemta jechuudhan wareegama kafaluun hin barbaachifne kafalchiisa akka ture beekamaadha. Gaafi guddinna dhaaba waan kaasef jecha hagamtu gurraa fi funyaan irraa muramaa ture.
Haalonni asii olitti tuttuqamanii fi kan hafanis inni abon qabu akkuma jirutti ta’ee ammatti maqaa isaa irraa fagaachutti kan nu dirquu dandahe, heddumminna abo irraa garee taanee argamuu fi ummata miseensota keena fi ummata oromoos afanfaajjii keessa waan galaniif.
3.9=Asxaa Yookan Mallattoo Dhaaba
Asxaan yookan Mallattoon maqaa dhaaba wajjiin deemunis odomaa beekamuu, abo kan jedhu qabannee yoo kan deemnu taate waan aboowwan irraa adda nu godhu tokko qabaatun murteessa akka ta’etti laalle. Bifa amma jirru kanaan yoo deemne, hujii nuti hojjannu kamuu shaneen keenna jettee ummataa fi miseensota keenna afaanfaajji keessa galchuun beekamaadha. Shaneen olola irratti muuxannoo waggaa afurtamaa akka qabdus dhadhaa irra dibuu hin feesisu. Kanaaf asxa akka qabaannuf jilli kuni fala itti laalu akka qabu dhiheessina.
3.10=laakkobsa hoogganaa
Laakkobsi hooggana dhaaba walii galatti 35 akka ta’u laalle jirra. Haala hujiitiif jecha heddumminni hoogganaa firii waan hin garsiifneef 35 yoo ta’e irra bu’aa qaba jennee amanna.
3.11= Koree Seera fi Toohanna
Hooggaani walii galatti 40 ta’ee isa keessaa namni shan Koree seera fi toohannaa akka ta’utti laalle. Garuu koreen seeraa fi toohannaa ufumaa sagalee kennee ammas abbaa seeraa ta’uu akkan dandeennes laallee jirra.
3.12=walii gala hoogganoota biyya ambaa
Walii gala hoogganni biyya ambaa 35 yoo ta’e gurmuun kuun gama biyyaa akka ta’u laalle
3.13= Hooganni biyya -10
3.14=sagalee HD
Hayyu Dureen haalota murteessoo ta’an irratti qaama silaa barbaachisuun eega mari’atee booda murtiin yookan sagalee dhumaa qabaata.
3.15=filmaata itti aana hayyu dureef dhiifne
Nama itti aana ta’uu dandahu Hayyu Dureen alaa yookan biyya keessaa filatu akka dandahu irra caala ta’uu hubanne.e. Muxaanno abon qabu irraa wanni baranne, qaama lama kan wajjiin hojjatuu hin dandeenne walitti filuun O/Galaasaa Dilboo fi leencoo Lataa qaama wajjiin hojjatuun hafee nagaha wal hin gaafanne walitti filuun sakaalamuu fi caccabuu abo lammataati balaa du’a Baaro Tumsaatti aane.
3.16 =heeraa fi seera dhaaba
Heeraa fi seerri dhabaa waan yeroo bala’aa fi galmee adda addaa qopheessuu gaafatuuf jecha, laalamuun seerichaa gumii sabaatiif ta’ee bifa koree itti dhaabutiin ta’uu irra wayyaa ta’uu hubanne.
3.17= Irbuu
A, Akkaatan irbuun itti kaayame, jechoota ulfaata waan ta’eef, dhaaba kanaaf hojjachuu waadaa seenu waan garsiisu malee akka lafeen nama cabdutti uf abaarun gaari akkakn ta’initti waan hubatameef wayyeeffamuu isaa hubannae.
B, sababaa koreen seera fi toohannaa bakka adda addaa jiraniif jecha, akka barbaachisutti namoota yeroon waada seensisuun rakkisaa ture. Haal san xiqqeessuf jecha, Hayyu Duree fi Itti aanaa Hayyu Duree Koreen Seeraa fi Toohannaa yoo waada seensisan, miseensota gumii sabaa Itti aanan Hayyu Duree waadaa seensisuu bakka inni hin jiretti Dameen Dantaa alaa yoo seensise hujiif laafa ta’uu isaa hubanne.
5= Qaphxiiwwan mariif dhihaatanii fi itti baha yaada marii.
Qaphxiiwwna mariif dhihaatanii fi yaada miseensonni qaban
7, Unkaa Baala Filmaataf fi Seera isaa
7.1 Sirna Baala Filmaata
Sirni baala filmaata dhugaa fi amantaa guutu kan qabu ta’ee argama. Sagaleen baalli dhoysaan kennama. Kanaaf, sagaleen seeran kennamu hunduu laakkawamuu akka qabu koreen jila qabsaawotaa ifatti lafa kaayu barbaaddi. Isa kana hujitti hiikudhaaf koreen godina hunda keessatti akka dhaabbatuu qabdu mariiwwan miseensota keenna wajjiin godhaa turre irratti ibsamee ture. Kanaaf jecha naanno jilli itti godhamu kamittuu nama sadi battalumatti uf keessa bakka buufaman ta’a jechuudha. Namoonni sadeen bakka bu’an kunniin sagalee baala filmaata walitti sassaabanii gama kore qopheessituu jila qabsaawotaa abo guyyaa jedhametti ergan jechuudha.
Sagaleen yoo kennamu filmaata waalama irratti kan hundaaye ta’a. Lamaan isaa tuquu odoon taane kan filatame san qofaa bira yookan fuuldura isaatti mallattoon asii gadi kuni kaayama.
Qajeelfama kenname kana irraa yoo maqe, sagaleen kamuu sirna qabeessa ta’ee fudhatama hin argatu. Qalama googa (pencil) hin ta’u qalama jiidhaa (pen) qofaan ta’a. Gurraacha yookan bulee qofa jechuudha.
Qaphxiiwwan Jilli Sagalee irratti kennatu filmaata dhihaate waliin.
3.1 Maqaa alaaba
Haalli kora sabaa yookan jila qabsaawotaa godhachuu hin eeysifne yoo dhalate gumiin sabaa seera laalu irratti mirga qabaatu
Haalota murteessoo ta’an irratti eega qaama barbaachisu wajjiin mari’atame booda, sagaleen dhumaa kan Dursaa Dhaabaa ta’a
Sagaleen dhaabaa sagalee kallacha walabummaa oromoo (SKWO)——
Kan amma qabnu ———————————————-
Kan biraa qabaatu—————————————————–
Jaaloo ————————————————-
Qabsa’aa ———————————————-
Guyyaa Jilli Itti taa’e _________________
Bakka Jilli Itti taa’e ——————————–
Lakkoofsa nama hirmaatee ——————–
Dirqama—————————-Mallattoo———————-
Dirqama ——————————Mallattoo————————
Dirqama—————————–Mallattoo—————————-
Bakka/ Godina ————————————————————
Ji’a Adoolessa/ July, Guyyaa————————–Bara 2015
8= Xiinxal Walii Gala
Qaamni gaaddisha tokko, kaayo takka, hooggana tokko,diina tokko qabu, kan bu’aa dhuunfaa hin barbaanne kan saba isaa aangessuuf qabsaawo yaada isaa walii kabajuun heeraa fi seera ufii isaati wajjin lafa kaayateef abboomee yoo hojjate milkitti gahuu akka dandahu koree qopheessituu kora sabaa yookan jila qabsaawota abo 2015 irraa hubannee jirra.
jila qabsaawotaa sammuu bilisa taateen bifa kanaan mari’achiifamuun miseensotaa yeroo duraatif waan ta’eef gammachuu isaan qaban garsiise.
Yaanni mariif dhihaatu kan murtii ta’ee akka fudhatametti laalu miseensotaa hubanne. Fi jaallan gariin bakka gaaddisa isaani hin ta’initti yaada isaani dabarfatuun jala bultii yaada isaani gurra miseensotaa buufatuuf akka ta’e irraa agarre.
Hawwiin miseensotaa hujiin lafa irratti waa arguu akka ta’e hubanne. Akkuma san hawwii fi hujiin waa mul’isuun miseensotaa kan wal hin madaalle ta’us hubanne.
Caasaan dhaabaa bakka hundatti sirritti diriiruu kan dhoogge yeroo fi guyyaan qubsuma miseensotaa adda jireenna qabaatuu fi godina godinaan yookan kutaa kutaan Birkiin ramadamuu dhabuun qaama waajjotu irrattis ba’aa ta’uun hujiin dhaaba laafachuu fi jaallan waa hoojatanis jireena isaani wajjiin itti ulfaata dhufuu hubanne. Akkuma san qondaalonni godina garii godinaa fi kutaa keessatti ramadamuunis bifuma kan birkiitin walfakkaatu isaa hubanne.
Caasa hordofuu fi iccitiin dhaaba miseensota eddutti qabamuu dadhabuu. Haala diinni itti jiru irraa yoo laallu, jila kana booda caasan waa hojjachuun, ani miseensa, ani hooggana waa hundaawuu beeku qaba haalli jechuu fi iccitii dhaabaa eeggachuu dhabuun, dirqama ufii bahuun yeroma wanni jaalatan qofaa guuttamu fi waan ani fedhe malee sagaleen wayyabaa fi qajeelfamaa fi ajajni hoogganaa hujii irra yoon oollee, seeraaf abboomun yoon jiraannee fi dhaaba quuxessuu fi mufii sirna hin qabneef fuula qabsotti guura deemunii fi qaama seeraf hin abbomne sirreessun hanqatamuudhan haga inni caacaa diiggaa dhaaba keessatti jaaru itti dhiisun fageenna odoon taane kaleennatti dhaaba keenna kuffisuun mamii tokkos hin qabaatu. Haalota dhaaba keenna maaxaran kamittuu Jilli kunii fi Kanatti hoogganni gadaa dhufuu furmaata akka itti barbaadu jabeessinee xiinxallaa keessa galchine.
Irra hedduun Dhaabbota oromoo oomisha shanee waan ta’aniif, hujiin isaanii waan ardaa fi ganda keessa malee gama diinatti xiyyeeffatuu dhabuu isaanii hubanne. Kan miseensa shan hin qabne hundi dhaabaa fi hooggana ufiin jechuun isaani karama dhaaba keenna itti dhuunfataniin saniin yoon milkoofne diigudhaaf akka ta’e hubannae.
Ilaacha dhaabbota maqaa itoophaan socho’an bifa kamiinuu ta’u haga maqaan immiyyee itoophaa tiiyfametti gaafiin mirgi ummata oromoo fi gidiraan abboonni isaanii ummata oromoo irraan gahaa turanis dhugaa irratti kan hin hundaayin ta’uu calaqqisuu isaani hubanne.
haalli gaafa Africa qabsoo keenna irrattis dhiibbas qabaatu, murannee hojjanna taanan aanjan akka jirus nutti mul’ate.
Biyyoonni dhihaa bu’aa isaanitiif jecha, wayyaanen cubbamaa ta’uu odomaa beekan haga qaamni humna qabu tokko as bahuuf isuma wajjiin deemu filatuu fi irree malee falaa fi firris akkan jirre hubanne.
Dhaabdi keenna jala qabatti wayyaanee waan dimokraasi fi karaa nagaha jedhu waan hubateef, haalli wayyaneen odf irratti hojjatte karaa nagahaa odoon taane humnaan malee akkan jijjiiramne ummanni oromoo waan hubatuu agarre. Akkuma san aangoo karaa nagahaatin waliif dabarsuun aadaa habashoota waan hin ta’iniif, jala qabumattu wayyaane irraa waan akkasii eegun waan wayyaaneen taate hubatuu dhabuu akka ta’e hubanne.
9= Xaarii fi ifaajee marii jila qabsaawotaa.
Kan Waajira Hayyu Duree fi Itti Aana Hayyu Duree dabalatee mariin jila qabsaawotaa guyyaa soddomii 35 fi saa’atii 69 fudhatee jira.
10,Galata, dhaamsa fi murannoo
Galata. Koreen qopheessituu Jila Qabsaawotaa Koreewwan asiin duraa irraa wanni adda isii godhu, sammuu bilisaatin mari’attee mariahchiisu, wal irratti badii qabaatu fi murannoo qabaatu isitii fi hujii boonsaa waan dalagdeef jecha Jaal Tamaam Baati qalbii irraa galata guddaa galchaniifi jiru.
Dhaamsa. Diinni falmaani jirru qaama laafa waan hin ta’iniif, akkuma san Wayyaaneen waggaa 15 aangoo irra yoo turte dhagaa fi lafa googgoyduu malee ummata keenna dachii irratti arguudhaf waan hin deemneef, Jila kana akkuma jala qabnetti haga xumuuraatti yoo hojjanne, galiin jila kanaa wayyeene hundaan buqqisuudhaf bu’uura hundee ta’ee waan argamuuf, isa boodas waloof if murannoon akka hujii itti fuftan dhaamsa jaallaummaa isiniif dabarsa.
Murannoo. Qabsoo itti jirru galmaan gahuudhaf, ni jaarmna, ni huumnoyna, hooggan keenna cinaa dhaabbanna, yaada isaa gabbifna, shakkamtoota, yaakkatoota, ayyaannan laallattoota, diinaan mindeeffamtoota fi olola keessa fi alaa kamiifu hin jilbiifannu, rakkoo yeroo gabaaba keessatti keessaa bahuun maluuf jech iccitii dhaaba keenna dabarsinee eennufu hin dabarsinuu fi gargaarsa Rabbiitin ni Moona.
11,Guduunfaa
Jilli qabsaawotaa gaaddisa dhaabdi keenna murtii dhaaba keenna gimgamaa fi xiinxallaa gahaa booda ejjannoo shakkii fi daddaaqinna hin qabne itti fudhatu waan ta’eef, Koreen tuni waltajjii gargaraa marii sammuu bilisa ta’een eennu kennatuu dandahu qopheessuudhaan miseesota, deeggartoota fi haayyoonnis yaada fi yaaddoo isaani akka keennatan taasiftee jirti. Kan irratti hudnaawudhaan Koreen Qopheessituu Jila qabsaawota ABO furmaata hegeree qabsoo ummata oromootif ta’uu dandahan jettee amantu kamuu uf qusannaa tokkoon maletti dimshaashan lafa kaayudhaan, Jilli kun furmaata akka itti kennu irra deebitee Hirmaattota Jila Qabsaawotaatif dhiheessiti.
Hin Jifannoo Ummata Oromoof!
Koree qopheessituu Jila Qabsaawotaa Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 6, 2015
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…