Categories: Oduu Oromiyaa

Labsa Koree Jila Qopheessituu ABO Irraa

OROMO LIBERATION FRONT

Adda Bilisummaa Oromo

Oromo Liberation Front Laakkoo

abo-045-2015 Ref.No : olf-045-2015 Guyyaa : Waxab. 22 , 2015 Date : June 22 , 2015

Labsa Koree Jila Qopheessituu ABO Irraa Jila Qabsaawotaa Bara 2015 Bakka fi guyyaan murtiin jilaa itti labsamu, Minneapolis, Minnesota , USA , Hagayya 2, 2015 ta’a Guyyaa Jilaa: Adoolessa 20, irraa haga Hagayya 2, 2015 Gama :

GADAATV, SABO, BAKKALCHA.COM, OMN, OROMO TV/RADIO, Bilisummaa.com, GADAA.COM fi AYYANTUU.COM

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) erga Jila Qabsaawotaa 1ffaa godhatee dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fardii ta’an irratti mari’achuudhan hooggana gadaa dabre keessa qabsoo sabaa geegeysu uf keessa filuudhan dirqama erga itti kenne waggaa afur gahee jira. Akka heera fi seera dhaaba keenya ABOtti yoo haalli mijjaawan jiraate Kora Sabaa yookan Jila Qabsaawotaa waggaa afur afuriin al takko godhatuudhan dhimmoota dhaabichaa fi qabsoo sabaatif murteesso ta’an irratti mari’achuudhan murtii dabarsee hooggana gadaa haarawaa uf keessa filuudhan baalli itti dabarsuu qaba jedha.

Kana irratti hundaayudhaan dhaabnni keenna ABOn Jila Qabsaawotaa kan bara 2015 godhachuudhan dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fardii ta’an irratti mari’atee murtiile ciccimoo dabarsuudhaf ji’oota sadan dabran keessatti miseensota, deeggartoota fi hayyoota isaa kan biyya keessa fi ala jiran wajjiin Waajira ABO , wajira.abo@gmail.com marii adda addaa erga geegesse booda, Adoolessa 20 bara 2015 irraa kaase haga Hagayya 2 bara 2015 Jila qabsaawotaa godhachuudhaf saganteeffatee jira. Akkuma aada isaa Korri Sabaa yookan Jilli Qabsaawotaa yeroo taa’u wanni inni laalu, jabeenna dhaaba, cinaacha laafa jiru gama jabeennatti jijjiiru, haala qabsoon ummata oromoo walii galatti keessa jirtu xiinxalluu, haala diinaa gamaaggamuu, dhiibbaa fi aanjaa haalli gaafa africaa fi addunyaa qabsoo keenya irratti qabu xiinxalluudhaan malaa fi fala lafa kaayuu, fi haalota qabsoo bilisummaa oromoo kan ABOn geggeeffamu caalatti uf dura tarkanfachiisuu dandahu irratti murtii kennuudha. Akkuma san qaphxiiwwan ijoo ta’an irrattis gadi fageennan marii bal’aa booda furmaata kan itti laatudha.

Fakkiif: 1, Sagantaa Siyaasa,

2, Akeeka fi Galii,

3, Heeraa fi Seera,

4,Seera Bulmaata fi

5,Tooftaa fi Tarsimoo fi kkf niidha. Akka karoora lafaa qabnutti, hirmaannan Jila Qabsaawotaa 80% miseensota dhaaba irraa yennaa ta’u 20% hawaasa Oromoo irraa kan ta’uudha. Kanaaf, osoo guyyaan Jilli Qabsaawotaa hin geennen duratti qabxiilee asii olitti kayamanii fi kan biroo irrattis Ummanni Oromoo yaada isaa akka nuuf gumaachu kabajaan maqaa Koree Jila Qabsaawota ABOtin gaafachaa Miidiyaawwan Oromoos dhaamsa kana gurra ummata Oromoo hundaa akka nuuf buuftan jabeessinee maqaa Oromummatiin isinitti dhaammanna. Dhaamsa keessan gama e.mail kanaatti nuuf erga.

k.jilaabo@gmail.com Hin Jifannoon kan Ummata Oromooti!

Waxabajjii 22, 2015 Koree

Jila Qabsaawota Adda Bilisummaa Oromoo

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago