Categories: Oduu Oromiyaa

Lafa Oromoo Eenyutu Saame?

Sadarkaa ministeeraatti Daayreekteera waaltaa qorannaa Imaammataa fi gorsaa mummicha ministeeraa kan ta’an Obbo Abbaay Tsehaayyee bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi kan Oromiyaatu walii wajjiin maastar plaanii Finfinnee irratti hojjate jedhu. Garuu itti gaafatamtoota bulchiinsa godina addaa oromiyaa kan bulchiinsa naanoo Finfinnee keessa jiranii fi abbootiin qabeenyaa kan Oromiyaas ta’e kanneen biroo komatan.

Kana hundumaa kan balleessan, kan saaman, kan saamsisan daldaltoota muraasaa fi qaama bulchitoota Oromiyaa kan godinaa addaa ti kan jedhan Obbo Abbaay warri akkasii kun akka itti gaafatamoo hin taaneef karaa tokko mastar plaanii gama kaaniin Motummaa Federaalaa fi Adda bilisummaa uummata Tigraay yknTPLF dha jedhu, jedhan.Uummanni Oromoo garuu eenyu lafa isaa akka fudhate eenyu akka isa miidhee rakkise eenyu akka isa saame , eenyu jireenya isaa irraa akka isa buqqise ni beeka jedhu Obbo Abbaay Tsehayyee.

Gama kaaniin walgahii hatattamaa kan Waldaan Qorannoo Oromoo mormii Oromiyaa keessaa kan ilaaleen sambata darbe jechuun Amajji 16 as Waashington keessatti gaggeesse irratti kan argaman obbo Ermiyaas Leggesee seenaa qabiinsa lafa Itiyoophiyaa kan ilaaleen ibsa bal’aa kennanii turan. Obbo Ermiyaas Leggesee mana marii bulchiinsa Fifinnee keessatti waggoota 10 caalaaf kan hojjatan waajiira IHADIG kan Finfinnee keessatti qondaala koree hojii rawwachiiftuu fi itti gaafatamaa ministeera dhimma komunikeeshinii mootummaa turan.

Lafa Oromoo naannoo Finfinnee akka lakkobsa Itiyoophiyaatti bara 1995 fudhatameef itti gaafatamaan Obbo Abbaay Tsehaayyee fi kaampaanii isaan keessaa harka qabani dha jedhan. Maaster plaaniin inni jalqabaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1976 hanga bara 1878tti waggaa lamaaf qoratamee bara 1994 raggaasifame. Bara 1994 raggaasifamuu isaa duras  hojii irra oole ture kan jedhan obbo Ermiyaas isa kanaan laftii bulchiinsa Finfinnee jala turan Heektaara kuma 21 irraa gara kuma 54 tti akka bal’atu gochuu ibsan. Kunis  Oromiyaa fi bulchiinsa Finfinnee gidduutti saamiinsa aangoo waan fideef Aqaaqii, Kotobee fi Kaarraa Qoree Finfinnee jala akka seenan ta’e.Kunis  kan fedhan gochuuf akka salphatuuf ture jedhu.Sana booda labsiilee irraa jala Obbo Abbaay Tsehaayyee faa basiisantu rakkoo amma mudateef sababaa ta’e jedhu.

Gutummaa gabaasa kanaa armaa gadiitti dhaggeffadhaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago