Categories: Oduu Oromiyaa

LEENCI HAQA ISAA DHABE RAFEE HIN BEEKU HALKANII GUYYAA FALMEE HANGA HAQA ISAA GONFATUU GALEE HIN TAA’U!!!!

 

LEENCI ROORRIFAMEE MIRGA ISAATII CAPHE TAKKAA OBSEEN TEENYE EEGA MIRGA ISAA DHABE.
Oromoon eega roorrifamee bilisummaa fii biyya isaa dhabe jaarraa tokkoo ol dabree jira warreen gabrummaa tana osoo ijaan agarruu duuyda shiireeysinee jalatti hin bullu je’e kaaniis hidhame kaaniis du’ee kan hafan ammoo qe’ee isaa irraa buqa’uudhaan biyyoottan addunyaa mara irra faffaca’anii jirachuun isaa beekkamaadha. haaluma kanaan baqattoonni Oromoo kan magaalaa guddoo Swedin Stokholm keeysa jiraataniis hawaasa diddaa gabrummaa irraa biyya isaanii jaalatamtuu dhiisanii bahan keeysaa tokkoo dha. kanarraa ka’uudhaan Hawaasni Oromo kan Swedin keeysa jiraatan dhiheenya kana  roorroo ummata keenya kan biyya keeysa jiraatan irratti cimaa dhufe balaaleeyfachuudhan hiriira nagayaa magala Stokholm keeysatti bifa ballaadhaan gaggeeysanii jiran. Mormiin isaan hiriira kana gubbatti dhageeysisan keeysaa qaphxiileen hangi tokko akka armaan gadi kana taha.
1. Hawaasni muslimoota Oromoo tii fii muslimoonni sabaa fii sablammoota adda addaa kan gaafii herraa gaafatanii deebisaan isaanii hidhaa taate marti gad haa dhiifaman akkasuma gaafilee isaaniitiif deebisaa haa argatan.
2. Hidhamtoonni Oromoo kan sababa siyaasaatiin shakkamanii hidhaa jiran gad haa dhiifaman,
3. Ijaarsa hidha laga abbaay sababeeyfachuudhaan horiin hawaasa irraa saamama jiru akka dhaabbatu.
jechuudhaan mormii isaanii guutuu addunyaarrattii fii massmidiyaalee gara garaa akkasuma qaama dhimmi laalu maratti dhageeysisanii jiran.
LEENCI HAQA ISAA DHABE RAFEE HIN BEEKU HALKANII GUYYAA FALMEE HANGA HAQA ISAA GONFATUU GALEE HIN TAA’U!!!!
dhaadannoo ju’uun hiriira isaa kan guyyaa kanaa xumuree jira.
Galatoomaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago