30.08.2013
WASHINGTON,DC — Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godiina Gujii Anaa Gooroo Doolaa magaalaa Arqallo keessatti erga Hagayya 27, bara 2013 as barattoonni kudhanii fi barsiisaan tokko hidhamuu jiraattonni magaalattii ibsanii jiru.
Koleejoota adda addaa keessa barataa turanii boqonnaaf maatii bira ka turan baratonni sadii maatii ofii gargaaruuf hojii qonnaa gaggeessaa otuu jiranii polisonni kokolaataa Ambulaansii qabatanii dhufuun isaan qaban jedhu.
Waraqaa eenyummaa Adda Bilisummaa Oromoo uummata baadiyyaa gidduu raabsanii akkasumas chaappaa sobaa kan ABO fakkesuun hojjatanii itti gargaaraman himanni jedhu irratti dhihaachuu maddeen kun ibsanii jiru.
Bulchaan Aanaa Gooroo Doolaa Obbo Nagaasaa Siidaa gama isaaniin namni sadii hidhamuu ibsanii garuu baratoota yunivarsitii miti, jedhan.
Kanneen barreeffama uummata kakaasuu magaalattii keessatti barreessan ragaa wajjin qabanne waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti murtiin itti kennama jedhan.
Kanneen biroon saddetti hidhaman isa jedhuuf gaaffii f dhihaatanii sana booda gadhiifaman jedhan. Kanneen hanna waliin wal qabatee hidhaman lama akka jiranis ibsaniiru.
U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…
By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…
Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…
By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…