Categories: Yaada

MAALTU NU BAASA? YAADA KA’UMSAA!

1. Rakkoon biyya Itoophiyaa waggaa tokkoon as bifa jijjiiratee jira. Akka waggoota darbanii adda dureedhaan rakkoo waa’ee wal-qixxummaa, democracy, kabaja mirga namoomaa fi kkf osoo hintaane, dubbiin waa’ee itti fufiinsaan jiraachuu sirna sabaa fi sab-lammii erga ta’ee bubbuleera. (Continuity of popular sovereignty based in nations and nationality is essentially threatened)

2. Kana jechuun maal jechuudha? Biyyi kun jiraachuu kan dandeessu yoo sabootni jiraatan qofaadha! Kunis Heera biyyattii keewwata 1, 8 fi 9 jalatti ifatti kaa’amee jira. Sirni siyaasaa fi sirni heeraa saboota biyya Itoophiyaa walitti fidee waliin jiraachisuu danda’u sirna Federaala Sab-Danuu (Multi-National COnstitutional Democracy) qofaadha. Waliigalteen uummataas (Social Contract) bara 1994 irraa egalee labsames kanuma. Hojii irra oolmaan isaa hir’ina hedduu yoo qabaate illee.

3. Haata’u iyyuu malee, biyattiin gara kufaatii waliigalaa tti (Total State Collapse) dhiyaachaa jirti. Madda rakkoo lamatu jira:

A. Tokkoffaa, Paartiin aangoo irra jiru sirna siyaasaa (political system) kallattiidhaan heera biyyattii falleessu qabatee hojiitti bobba’e. Hojimaata fi bu’uureffamni Paartii Biltsiginnaa hundeedhaan waa lama irratti ijaarame: sirna presidential fi sirna unitarist! Kun ammoo haala qabatamaa biyyattii fi fedhii federalism sab-danuu waliin wal-ta’uu hindanda’u. Kana jechuun, sirni siyaasaa paartii bilthiginnaa sirna mootummaa Dargii fi Hailessillaasee waliin walitti dhiyeenya cimaa waan qabu fakkaata. Heerri biyyaatti ammoo kan bu’uureffame sirnoota olaantummaa duraanii kana dhabamsiisuuf yaadamee akka ta’e ni beekama. Prosperity Party’s political system is mutually exclusive, if not offensive, with the fundamental constitutional system of the country. Kun ammoo waliigaltee biyyati faallessa. The ruling political party and its stay on power is actively violating the Constitution.

B. Saboota gaaffii siyaasaa bu’uuraa (fundamental political question) qaban waliin mootummaan gadi taa’ee mari’atee furmaata waaraa argamsiisuuf fedhii akka hinqabne erga ibsee bubbuleera. Burjaajiin siyaasaa Oromiyaa, Amhara, Qimaant, Sidaama, Somaalee, Tigraayi maddi isaa yoo ilaallu gaaffii ofiin of-bulchuu sabotaa fi naannolee hundeedhaan sirna siyaasaa Paartii Biltsiginnaa waliin waan wal-faalleessuufi! Ajjeechaa suukkanneessaa, hidhaa, dararaa, roorroo waggaa tokkoon jabaachaa dhufe akka ragaatti dhiyeessuun ni danda’ama. Akkasumas, sabboonummaa sabootaa akka rakkoo biyyoolessaatti (Nationalism as a National Problem) ilaaluudhaan seerota yakkaa kanneen akka Labsii Haasaa Jibbiinsaa labsuun agarsiiftuu dabalataati! MM Dr. Abiy Ahmed ifaaf ifatti sabboonummaa Oromoo akka rakkootti fudhanna jechuun waggaa tokko dura dubbatanii turan.

4. Kana waan ta’eef, adeemsi qabsoo keenyaa kana booda kallattii maalii yoo qabate wayya kan jedhu qorachuun barbaachiisaadha! Akka armaan gadiitti dhiyeessuun yaala:

A. Kufaatiin Itoophiyaa yeroo muraasaaf yoo ta’e illee Saboota gaaga’a keessa seensisa. Kanaaf furmaatni maali? Sabootni/naannooleen dursa of baraaruu qabumoo? Itoopiyaa baraaruu qabu? kan jedhu deebii argachuu qaba. Itoophiyaa biyyi jedhamtu kan jiraattu yoo Oromoo fi Oromiyaan jiraatee qofa! Amaarri of-danda’ee yoo jiraate qofa! Tigraay of-dandeessee yoo jiraatte qofa! Sidaamaanis, Gambeellis akkasuma jechuudha! Kanaaf, Itoophiyaa baraaruudhaan dura (yoo barbaachisaa ta’ee argame jechuudha) dura dursa sabootnii/naannooleen giimii ibiddaa ofirraa dhaamsu qabu! Mana isaanii dura to’achuu qabu! Walumaa gala, kaayyoo fi adeemsi qabsoo saboota kana booda, secure of gochuu feesisa (Securing One’s Existence)! Securing Oromia kan jennus asuma irraa madda! Warri kaanis of danda’anii secure of gochuu qabu jedhuudha! Kun afaan heeraa tiin (In constitutional language) maal jechuudha? MIRGA HIREE OFII OFIIN MURTEEFFACHUU JECHUUDHA!

B. Akka sadarkaa Oromiyaatti dhimma kana wayita ilaallu, kanaan booda, kallattiin qabsoo Oromoo kan ta’uu malu, gaaffii Afaan Federaalaa, Gaaffii Finfinnee, Gaaffii Diinagdee, Gaaffii Aadaa ofii guddiisuu fi kkf osoo hintaane, qabsoo Hiree ofii ofiin muteeffachuu qofaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedheen amana.

C. Saba/Naannoo hiree ofii ofiin murteeffate qofaatu gaaffii kaan sdarkaa lammaffaatti deebifachuu danda’a. Daangaa ofii kabachiisuudhaaf, humna madaalawaa beekamtii seeraa fi heeraa naannoo Oromiyaa qabu ijaaruu feesisa! Siyaasa gubbaadhaa gadi ergamu osoo hin taane, kan ofiin daka irraa kaasanii of ijaaruu feesisa. Mana murtii ajaja abbaa seerummaa mootummaa federaalaa irraa bilisa ta’e gadi dhaabuu feesisa. Caffee (Mana Maree) sirna filmaataa tokko malee maaliyaa EPRDF irraa kan gara Biltsiginnaatti jijjiirate diiguudhaan Caffee bakka bu’uinsa uummataatiin filatame atattamaan gadi dhaabuu feesisa. Dameen mootummaa hoji raawwachiftuu (kaabine) uummataaf hojjetu illee sanuma keessa dhalata!

D. Kana gochuun kan danda’amu, yoo kallattii qabsoo gara Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuutti oofne qofaadha. “Securing Oromia” jechuunis kanuma jechuudha. Horaa BulaaHenok Gabisa Leeksiingitan, Virjiiniyaa

Heneok Gabbisaa JUNE 2, 2020

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago