OMN
Master pilaaniin Finfinnee kanaan dura mormii gaggeeffameen lubbuu Oromoota hedduu galaafate bara haaraa Itoophiyaa dhufaa jiru kanatti akka hojii irra oolu beeksifame.
Obbo Baqqalaa Nagaa gama isaaniin Master Pilaanii sana hojii irra oolchuun lubbuu namaatti qoosuu akka ta’e himanii jiru.
Master Pilaaniin Magaalaa fi Magaaloota Godina Addaa Oromiyaa hedduu hammaachuun bahe bara haaraa Itoophiyaa itti aanuu kanatti akka hojii irra ooluu Itti Aaanaa Hoogannaan Biiroo Misoomaa Magaalaa Finfinnee Obbo Hayaloom Xawuyyee Gaazeexaa Reporteritti himan.
Obbo Hayaloom Gaafii fi deebii gaazexxaa Reporter waliin gaggeessaniin karoorri magaalaa Finfinnee fi Magaloota naannoo Oromiyaa walitti hidhuu bifa gaariin deemaa jiraachuu himuun tarkaanfiin hafe yoo jiraate kaabiinee Magaalaatitti dhiheessanii raggasisuu qofaa akka ta’e beeksisan.
Karoorri Master Pilaanii Finfinnee utuu hojii irra hin oolin turuun isaa iyyuu waa hedduu akka fooyyeessinuuf isaan gargaare kan himan obbo Hayaloom marii sadarkaa adda addaatti gaggeeffame irrra waa hedduu baranneera jedhu.
Akka Amantaa isaaniitti Master Pilaniin Finfinnee bara haaraa Itoophiyaan simachuuf jettu jalqaba bara 2008 tti hojii irra akka oolu beeksisan.
Dhimma kana ilaalchisuun barreessaa paartii Kongressii Oromoo obbo Baqqalaa nagaa dubbisnee jirra. Isaanis akka himanitti bara darbe heerri biyyatti kabajamee Naanoon Oromiyaa of haa bulchitu jechuun lubbuun namoota hedduu darbe yaadachisuun gaaffiin sun utuu furmaata hin argatin ammas dubbi kan biraaf deemuun rakkoo hamaa akka fiduu danda’u dubbatan.
Jaarraa tokkoon dura lafa Finfinnee guutummaan kan qabate ture Oromoo ta’uu kan himan obboo Baqqalaan amma lafti Finfinnee waan hiramee dhumeef Oromiyaa ishee hafte saamuuf deemama akka jiru dubbatan.
Yoo hammenyaaf ta’e malee Magaala tokkoof Master Pilaniin lama hin barbaachisu kan jedhan obbo Baqqalaa Nagaa tarkaanfii Qonnaan bultootaa buqqisuu hanga ammatti fudhatameen Qonnaan bultonni Oromoo Naanawwa Finfinnee hedduun lafti irra fudhatamee daandii Magaalatti irratti bahanii akka jiran himaniiru.
Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…