Categories: Oduu Oromiyaa

Master Plaaniin Finfinnee magaalota addaa Oromiyaa ka Miidhu miti jedhu Angwoonni

Malaskaachoo Ammahaa

 — Waajjirri karoora qindoomina misooma magaalaalee addaa naannoo Finafinnee ibsa gaazexeessota biyya keessaa fi biyyootii alaaf kenne irratti hoji geggeessaan waajjirichaa obbo Matwos Asfaw akka jedhanitti hojiin karoora misooma qindoome kanaa erga jalqabamee waggootii lama darbee jira.Akka karoora kanaatti hamma har’aatti kan turan karoorawwan ijoon magaalaa Finfinnee hiri’ina qaban gamaaggamuu dhaan karoora misoomaa qindaa’ee isa haaraan guutuuf yaaliin godhameera.

HIri’ina sana keessaa tokko karoorri sun misooma misooma magaalaalees haa ta’u baadiyyaa naannoo sana jiranii yaada keessa hin galchine jedhan.

Kanaaf jecha Finfinnee fi naannawaa isheetti hojjetamaa kan turan hojiin misoomaa inni tokko kan isa kaanii hubannoo keessa kan hin galchine fi qindoomina kan hin qabaanne ture jedhan.

Karoorri misoomaa qindaa’e inni haarawaan dogoggora kana sirreessuu irraan kan hafe magaalaan Finfinnees haa ta’u magaalaaleen addaa oromiyaa naannoo jiran shanan karoora misooma magaalaa kan ofii isaanii raggaasisu jedhan obbo Matiwos.

Bulchaan magaalaa Finfinnee Dirribaa Kumaa kan isaan godhan jedhan master plan kana jechuunis kan magaalaa Finfinnee fuudhanii kaabinee isaaniitti geessu. Isa qindaa’e agarsiisuu qofaaf agarsiisuu malu.

Kan isaan dhiyeessan Hektaara 52 kan taate master Plan magaalaa Finfinnee kaabinee isaaniitti dhiyeessuu dhaan raggaasisu. San booda mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaachuu dhaan raggaasisamee seera ta’uun ba’a. Sanatu Master Plan magaalaa Finfinnee ta’ee ba’a jedhan.

Raggaasisamuu karoora magaalaalee mootummaa naannoo Oromiyaa ilaalchisuu dhaan mgaalaalee addaa shanan mootummaan naannoo Oromiyaa fuudhee akka caasaa isaatti, akka seera jiruutti magaalaalee fi bulchiinsa magaalaatti dhiyaata.

Sana booda mootummaan naannoo Oromiyaa akka seera jiruutti akka raggaasisamu taasisa. Akkataan itti raggaasisamu kana. Raawwatiinsi isaa immoo magaalaaleetti kennamee master plan magaala kanneen hojii irra oolchan immoo manneen qopheessa ti.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago