Categories: Oduu Oromiyaa

Miseensoonni poolisii ergannoo wayyanee komii dhageessisan

Finfinnee Waxabajjii 12 2005(FBC)Miseensonni Poolisii Oromiyaa Koomishiniin Poolisii naannichaa dhiheessa Loojistikiirratti waan nu jalaa laafeef hojii  yakka ittisuu irratti nu rakkisaa jira jedhan.

Koomishiniin poolisii Oromiyaa waytii hundaa’u poolisoota kuma hin caalleeni ture. Amma humna poolisii kuma heddu horachuudhaan nageenya naannichaa eegsisaa jira.
Miseensonni  Poolisii naannichaa Gaazexeessaa FBCtti akka himanitti Uffanni akaakuun gara garaa yeroodhaan isaan hin qaqqabu.Innumti dhufu sunuu Qulqullina hin qabu.
‘kopheen keessumaa yeroo roobaa mucucoofuu nama hin deemsisu.Tabba yeroo bahan nama lama lamaan deemuun isaanitti dirqama ta’a.Tokko tokko dhiibudhaaf.Sana yoo hin ta’in kophee baafatanii miila qullaa deemuuf akka dirqman  miseensonni poolisii kan dubbatan.
Uffannis yeroo tokko yoo miiccamu akka kaarbooniitti irraa gadi lakkisa.Shamiziin miiccanii guyyaa lama uffannaan daaraa ta’a. Kaalsiin immoo guyyaa lamatti qubni keessa baha.’
‘Waa’een konkolaataas akkuma kanadha.Konkolaataafi Doqdooqqeen saffisaan yakka raawwatame irra gahuuf yookiin balaa mudate salphisuuf itti fayyadaman hin jiruudha.
Kanumti jiru immoo abbaan itti fayyadamu hin beekamuun kaasu.
Koomishinichi rakkinni kun dhugaa ta’uu isaati FBCdhaaf deebii kan kenne.Waa’een qulqullina dhabuu huccuudhaa bara 2003tti dhaabbanni biyya keessaa caalbaasii sadarkaa idila addunyaatti qophaa’e injifateefi huccuu dhuheessuuf walii gale qulqullina jedhame guutuu hin dandeenye.Rakkinichi kan mudates akkuma Federaalaattidha.Kana kan jedhan itti aanaa Koomishinaraa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Asfaaw Mokonninidha.
Kan bara 2004fi 2005 guutumatti gaheeraani kan FBCtti himan.Keessumaa kopheen bara 2005tti dhihaate baay’ee dinqisiifame akka komishinar Asfaaw Mokonninitti.
Uffataafi hidhannoo poolisii daddaffiin nu bira hin gahu jedhameef immoo abbaan Adeemsa hojii karoora bittaafi bulchiinsa Faaynaansii Komaandar Indaala Toleeraa akka jedhanitti  bara 2001 bittaan uffataa,kophee,kaalsiifi kanneen biroo utuu miseensaaf hin kennamin hafe.
Bara 2002tti immoo bittaan tokkotuu hin turre.
Hanga bara 2004tti dhiheessa Loojistikiidhaa kan raawwatu  Koomishinii Poolisii Feederaalaati. Bara darbee kaasee Naannoleen akka of danda’an ta’e.
Komaandar Indaalaa ,Abbaan Adeemsa hojii karoora bittaafi bulchiinsa faaynaansii komishinichaa akka jedhanitti Naannoon Oromiyaa bittaa uffataa,hidhannoo,kopheefi kaalsiitiin muuxannoo hin qabdu.
Harcaatiiwwan kanatu rakkoo ta’ee komee miseensota poolisii biraan gahe.Bara kana birriin miiliyoonni 57 ramadamuudhaan wantoonni rakkoodha jedhaman guutamaatti jiruuni deebii kan nuuf kennan.
Hanga jalqaba Waxabajjii kanaatti birriin miiliyoonni 30 bittaa dhimmoota Loojistikiif ooleera.
Itti aanaan komishinaraa komishinar Asfaaw Mokonnin immoo dhimma konkolaataa ilaalchisee komee ka’ee deebii kennaniin yeroo tokkotti guutumaan guuttuutti waliin gahuuf harkatu nu hanqatedha kan jedhan.
Koomishinichi waytii hojii eegalu konkolaattota torba qofaan hojii eegale.Aamma konkolaattota 200 oliin gahateera.
Ta’us garuu ammallee aanaaleen konkolaataafi Doqdooqqeen bira hi geenye jiru.Komishinar Asfaaw Kanaaf furmaata kan jedhan  Aanaalee fi Godinaalee garagaraa  irratti seektarootafi manneen hojii mootummaa waliin walitti dhufeenya milkaa’aatu jira.
Bakka rakkinni jirutti konkolaattota manneen hojii mootummaatti dhimma kan bahamu.Kan gabaase Getaachoo Mul’ataati.

FBC

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago