Mooraan Yuuniverstii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Goolamaa Jira.Barattooti Oromoo Hedduminaan Reebamuu fi Hidhaamuu Osooo Hin Dheessiin FDG Itti Fufan
Caamsaa 14,2014 mootummaan abbaa irree Wayyaanee abbaa irree dhabaa jalee isaa fi meeshaa isaa OPDOtti fayyadamuun barattoota Oromoo maqaa gara Yuuniversitiitti deebi’aa jedhuu olola haaraa banatee ilmaan Oromoo irratti FDG bifa haaraan banatee barattoota barsiisota jiraattoota magaalaa, daldaltoota utuu hin jenne jumlaan mana hidhatti uummata guuraa jira.
Haaluma kanaan Univarsitii Jimmaa irraa barattootni Oromoo huma tikaa, waraanaa fi poolisii Federalaan ukkanfama jiru.
1.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa mummee fayyaa waggaa 3ffaa mooraa main cumpas Jimmaa irraa
2.Tasfayee Nugusee mummee mechanical Engeenering wagga 3ffaa, mooraa Saayinsii fi Technology Jimmaa kittoo Furdisaa irraa
3.Barataaa Damee barataa mummee Engineering waggaa tokkoffaa mooraa saayinsii fi Technology Jimmaa Kittoo Furdisaa irraa Kannee keessatti argamaan barattootni Oromoo nagaan ukkaanfamanii gara geeffaman beekama hin jiru, kun utumaa kanaan jiruu sochii FDG haalan jaabaataa fi Wayyaaneen dura dhaabbachuu hin dandeenyee qabsiifama jirachuun hubatamera.
Mooraa Yunversiitii Jimmaa keessatti baay’inni waranaa dachaa baay’ina barattoota ta’uun mooricha dachii waraanaan weeraramte fakkeessee jira.
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…