Categories: Oduu OromiyaaYaada

Mootummaan TPLF gaaffii ilmaan oromoo kaasaniif deebii kolbaa itti kennuu qaba!

By Bantuu Turaa

Kan isin dhibu qabsoo waggaa 50 oromoon abbaa afaan isaa fi aadaa isaa ta’uuf deemsise kijiba itti makuun seenaa OPDO fakkeessuuf yaalan. Ni beeknaa bar hin dagannee woyta isaan sabboontota bakka ummanni walgahu hundatti daamanii qubee afaan oromoo barsiisan isaan tarkaanfii itti fudhatan. Hardha ammo seenaa oromoo abbaa afaan isaa akka ta’u nutu hojjate jedhanii miidiyaalee isaanitiin odeessan. Seena hattoonni seenaa hatan! Seenaa addaa dargii irratti hojjanne jedhanii kan ofii ol kaasun haasayan; fiilmii qabsoo isaanii hojjatan sabatti agarsiisan! Qabsaa’onni keenna dhagaan taankii dargii booji’an jedhan! Oduu irra darbanii ebalu qabsaayaan keenna xiyyaara dargii dhagaan samirratti haleelee kuffise jechuu qofa isaan hafe! Ammallee qabsoo Finfinneerratti oromoon dhiyeesse deebii kolbaa itti hin kennine! Qabsoo sabaa ni tuffatu! Qabsaa’aa ni kufa qabsoon itti fufa! Anis geerrarsa armaan gadii kanaaf isin affeere!

Geerrarsa
Ka’i ka’i ka’ii
Finfinnee fi Dirreellee numarraa muranii
Sabnillee fincillaan qawwemaan dhayanii
Oromiyaan biyyaa handhuurri finfinnee
Wanta diinni jedhe nu irraa fudhannee!
Ka’i ka’i ka’ii
Diina wawween dhayii!
Ka’ii lolii(2)
Diina mooyii galii
Ka’ii lolii(2)
Finfinneetti galii!
Diinatu farrisee
Oromoo cunqursee
Finfinnee buqqisee.
Amma lafaa kaanaa
Diinaan ni falminaa
Gabrummarraa baanaa.
Yaa saba Oromiyaa
Ani simaaf iyyaa!
Hidhannee ni kaanaa
Falmiin bilisoomnaa!
Hunda nu roorrisaa
Seenaa keenna dhoksaa
Kan ofii ol kaasaa!
Yaa saba falmadhuu
Nyaapha injifadhuu
Biyya kee dhuunfadhu!!!
Gamteessaa Sabaa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago