Oduun gama Finfinnee keessaa miliqxee baate akka agarsiiftutti qaamoleen olaannoo dhimma nageenyaa biyyatti, Ministera Ittisa biyyatti qaamoleen security biyya keessaa fii komishenarotni Poolisii federaala gurguddoon guyyaa har’aa dhoksaan marii hatattamaa waajjira guddaa poolisii Federaalaa Finfinnee naannawa Meeksikoo argamu keessatti gochaa akka oolan beekkameera. Abbootiin aangoo kunneenis irra caalaan Tigroota tahuu beekkameera. Mariin isaanii kan xiyyeeffate mormii Oromoo tibbana kana to’annaa isaanii jala ooluu hafee finiine cimee itti fufe irrattii fii lubbuu waraana agaazii 5 kan dhiheenya Arsii keessatti dabre irratti dha. Gabaasa marii kana irratti godhameen waraanni Agaazii kan ajjeefaman rasaasa poolisoota Oromiyaa irraa akka tahe kan ibsameera. Sababa kanaaf amantamummaan nuti poolisoota Oromiyaa irraa qabnu sadarkaa zeeroo jedhamu irra gaheera. Kanaafuu yoo poolisoota Oromiyaa iddoo mormiin ummataa itti geggeeffamaa jirutti erguu keenya itti fufnu taate ummatatti makamanii nu waraanuun isaanii hin oolu jechuun waliin mari’ataa akka turan beekkameera. Murtii irra gahan irratti sirritti mirkaneeffachuu baannus qabxiilee armaan gadii kunneen guyyoota dhufan keessatti kan Wayyaaneen raawwatamuuf karoorfatamanii dha.
Woyyaaneen yommuu kana godhu hunda Poolisoota lammiilee Oromo tahan keessaa baasuun kun laakkofsi humna waraanaa isaa na jala hir’ata jedhee yaaddoo guddaa keessa isa galchee akka jiru ibsameera. Mormiin Oromoo jabaatee itti fufuun isaa kun Poolisotni Oromiyaa fii miseensotni OPDO gubbaa hanga gaditti ummata wajjiin waan dhabbataniifii ummatatti waan makamaa jiraniif jechuun shakkii isaanii waliif kaa’aniiru. Kunis kan tahuu danda’e erga abbootiin aangoo olaanoo OPDO pirezedaantiin isaanii Muktaar Kadir bakka bu’ee isaa dhabanii wallaalanii booda “eessa akka jiru waan hin beekneef” shakkii Wayyaaneen tokko tokkoon nu fixaa jirti jedhu keessa isaanitti horachuu eegalanii booda akka tahe ibsameera. Mariin abbootiin aangoo Wayyaanee dhoksaan Finfinne waajjira poolisii Federaalaa naannoo Meeksiskoo jedhamutti taasisaa jiran kun guyya guyyaan kan repoortiin irratti dhihaatee itti wal dhageessisan akka tahee fii guyya borus kan itti fufu tahuu beekkameera. Isaan haa mari’atan qabsoon Oromoos guyyaa gara guyyaatti cimee itti fufa. Hanga waajjira isaan keessa taa’anii mari’atan kana gahutti, eeyyan hanga mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabajamutti. #Galatoomaa
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…