Categories: Oduu Oromiyaa

Muummichi Ministeeraa itiyoopiyaa Mormitoota akeekkachiisan

FINFINNEE — Muummichi ministeeraa H/Mariam Desaaleny biyyatti hoogganuu erga eegalanii waggaa tokkoo as akeekkachiisa isaan kennan keessaa inni miilanaa isa cimaa dha. Ibsa isaanii kanaan hoogganoonni paartilee mormituu hagi tokko obsa mootummaa fixaa jiru jedhan.

Hoogganoonni paartilee mormituu kun paarlaamaa Itiyoopiyaatiin shorokeessaa dha jedhamuun dhaaba waamame Ginboot 7 waliin hariiroo qabu jedhan. Hariiroo akkasii kanneen qaban immoo kan adabamu ta’uu akeekkachiisan.

Gareen shororkeessotaa kanneen akka Ginboot 7, adda bilisummaa biyyoolessaa Ogaden, adda bilisummaa Oromoo, fi al-Shabab paarlaamaa keenyaan dhaaba shorokeessotaa jedhamaniiru. Dhaabolii kana waliin hariiroo hojii kan qabu eenyu iyyuu ni adabama.

Kanaaf ibiddaan hin taphatinaa jechuu dhaan mormitoota isaanii yaadachiisaniiru muummichi ministeerichaa.

Kaayyoon keenya inni duraa nageenya uummata keenyaa eeguu dha. Inni kaan kana booda kan dhufu dha. Kana sirriitti hubachuu qabdu. Seera biyyattii ol godhanii kan of fudhatan irratti tarkaanfii fudhanna. Dimokraasiin kan hojjetu kana keessatti.

Dimokraasiin jeeqama keessatti ykn akka namoonni hagi tokko nuti seeraan oli jedhanii haala yaadan keessatti hin hojjetu. Kanneen ibiddaan taphatan ibiddichumatu isaan guba jedhan.

Gareelee mormituu hagi tokko gareelee shorokeessotaa waliin hidhata qabaachuu isaanii beekna jedhan obbo H/mariam

Gareeleen mormituu hagi tokko Ginbot 7 waliin hariiroo qabu. Nutis isaan beekna. Ragaa ga’aa qabna. Yeroo ammaatti hariiroo qabu. Kan nuti barbaannu garuu ragaa mul’ataa ta’ee dha.

Haala isaa of eeggannoo dhaan hordofaa jira. Sana booda murtiitti isaan dhiyeessina. Yeroo isaa eeggata malee arguuf jirtu jedhan.

Maddi Oduu kanaa baruuf harka narra qabi !!

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago