Categories: Oduu Oromiyaa

“NAMNI BISHAAN FUDHATE HOOMOCHA QABATA” JEDHA OROMOON”

Hagayya 15 , 2015

                                                                 Laakk.KWO.006.2015

 

Iabsi maqaa koree ABO jijjiramaa Godina Ameerikaa Kaabaan kenname gonkuma ka nu hinbeeknee fi kan nu hinilaallanne tayuu isaa hawaasa, Oromoo fi deegartoota dhaaba keennaa hubachiifna. 

Namootin labsa kana maqaa koree keenatiin baasan namooota kaartaan qabsoo harkaa bade kan baaburri qabsoo isaan tufe kan yeroo ammaa jaarmayaa fi miseensota keenna waliin hidhata hin qabne dha.

Kan kana godhaniif yeroo dhaba kana hooganaa turan keessatti sagantaa siyaasaa dhaaba keennaa gara Etoophiya dimokraatessutti jijjiruu irraa kaasee dhaabicha ODF tti galacuun  isaan waliin wayyaanetti galuu hawwudhaan dhaabicha keessatti jeequmsa adda –addaa uumuudhaan dhaaba keenna dadhabsiisuu fi diiguu yaalaa osoo jiran itti dhaqabame hogganummaa fi miseensummaa irraa murtii miseensota keenyaan waan ari’amaniif hujii diiggaa kan jaarmaya keessa osoo jiran itti milkaayuu dadhaban alarraa waan itti milkaayuu dandayan itti fakkaateeti jennee yaadna. Kun gonkuma waan abjuu isaanii irra dabrree dhugoomuu dandayu miti.

“ Akkuma hayyichi Oromoodhaa allaatiin Waaberratti fincoofte jennaan, yoo baalagummaa isii ibsite malee Waaben booressuu yookaan xuressuu hin dandeesu “ jedhame  namootin kunis wallaalummaa fi doofummaa isaanii ifa godhuu irraa kan hafe ibsa kijibaa baasun dhaaba wareegama miseensotaa fi deegartoota isaatin as gahee gara boqannaa haarawatti tarkaanfate Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) diiguu akka hin dandeenne ifaadha.

Kanaaf nuti koree godinaa Amerikaa Kaabaa, Koreen kutaalee USA fi Canadaa,  koreeleen konyaalee dhaaba keennaa akkkasumas miseensonni dhaaba hundi nam tokkollee osoo hin mufatinii fi hingufatin murtii fi itti baha Jila Qabsaayotaa 2015 gammachuudhaan fudhannee jaarmayaa kenna Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) waliin uf dura tarkaanfachaa kan jirru tayuu keenna mirkaneessina.

Koree Bulchiinsa Godina Ameerikaa Kaabaa (USA fi Canada)

  1. Abdallaa Wattichaa itti gaafatamaa koree Godina USA fi Kanaadaa
  2. Abdallaa Gammadaa abbaa jaarmayaa
  3. Amaanaa Burqaa – barreessaa
  4. J/XAHIR FI JAMAAL MISEENSOTA KOREE GODINAA
  5. Daniel Waasho – Dura ta’aa Koree Kutaa USA
  6. Shukrii Abbaa Xiqqoo -Dura ta’aa Koree Kutaa Canadaa
  7. J/Qasim Barroo – Dura ta’aa Koree Konyaa Calgary
  8. J/Hordofaa – Dura ta’aa koree konyaa Edmonton
  9. J/Tujii Muddee – Dura ta’aa Koree konyaa Seatle
  10. J/Gafuu Abbaa Duulaa – Dura ta’aa koree Konyaa Minnesota
  11. J/Abdallaa Baacaa – Dura T’aa koree konyaa DC
  12. J/Abdulkadir – Dura ta’a konyaa Iwoa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

8 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

8 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

8 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

8 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

10 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

10 months ago