Categories: Oduu Oromiyaa

Obbo Beqqellee Garbaa Beddellee Keessatti Humnoota Federaalaatiin Reebuu Isaanii Dubbatu

WASHINGTON DC (VOA Afaan Oromoo) — Itti-aanaa Dura-taa’aan Kongiresa Federaalawaa Oromoo obbo Baqqalaa Garbaa fi waahiloonni isaanii, eega torban tokkoo ti as Oromiyaa gama Dhihaa keessatti duula filannooo geggeessaa turan, kaleessa Bedele keessatti humnoota waraana Federaalaatiin qabamanii, reebichi fi hidhaan isaan mudachuu dubbatanii jiran. Akka Beqqelee Garbaa jedhanitti, kaleessa magaalaa Naqamtee irraa ka’anii, Beddellee keessa karawwan irra uummata dadammaqsataa dabruuf ennaa yaalaniiti, walga’iin guddaan Muummichi-ministaraa biyyattii faa irratti argaman waan achitti geggeessamaa tureef, humnoota Federaalaa karaa cufanii eegaa turaniin, hanga walga’iin sun xumuramutti akka eegan itti himame. Ennaa walga’ichi xumuramee, uummatni achi irraa dacha’uu jalqabu, “amma duula na filadhaa keessan geggeeffachuu dandeessu” – jedhanii, eyyamaniif – Poolisoonni Federaalaa sun.

“Ennaa nuti Sagalee guddiftuu keenya tottolfannee, dadammaqinsa filannoo sana labsachuu jalqabnu, uummatni walga’ii mootummmaa sana irraa deebi’aa ture cufti gara keenyatti dacha’e. Naannoo keenyatti walga’ee, jaalala isaa nuuf ibse. Asxaa keenya ol kaasee deggersa nuuf qabu beeksise” – ka jedhan – Obbo Beqqelee Garbaa, achii booda humnoonni Federaalaa, karaa duraan irraa dhorkanii turan irra akka deemanii dadammaqsachuu danda’an itti himuu isaanii dubbatu.

“Achii booda, ennaa karaa sana irra deddeemnee dadammaqsannee deebinu immoo karicha cufanii nu eegan. Gurmuun poolisoota federaalaa ka biroon, ‘maaliif karaa kana irra deemtan?” jedhanii nu qaban. Shofeera konkolaataa keenyaa fi waahiloota keenyaa fi ana reeban. Nu dhidhiitan. Mooraa hidhaatti nu naqan. Qophee koo na baasisanii na kabalan …” jechuun himaan, Obbo Beqqeleen. Yeroo dheeraa eega mana-hidhaa tursiisamanii booda, hoogganoonni Poolisii Oromiyaa humnoota Federaalaa sana waliin dubbatanii, waaree-booda sa’aa afuritti isaan hiikuu isaanii dubbatu. “Sababaa kanaan walga’iin uummataa guddaan silaa Mattuutti geggeessuuf karoorfannee tures ni hafe” jedhu.

Kan himannaa ilaalchisee har’a gaafataman, hoogganaan Boordiin Filannoo Bulchiinsa Naannoo Oromiyaas – Ambaasaaddar Dirribaa Magarsaa, Medrek waa’ee reebicha Obbo Beqqelee Garbaa fi waahiloota isaanii irratti raaw’atame – jedhame kanaa, himannaa waajira isaaniitti dhiyeeffachuu isaa eeranii, “poolisoonni Oromiyaa akka gochaa sana keessaa harka hin qabne dubbatanii jiran. Gochaan kun ka raaw’atame humnoota federaalaa naannawa san turaniin ta’uu nutti himan. Eenyus tahe eenyu kan gochaa seeraa alaa raaw’ate itti gaafatamuu qaba. Qorannnaa geggeessaa jirra” jedhan.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago